05/12/2024
⚠Diraamaa Hojjetamaa Jiru ⚠
Gantoota galan waliin namoonni WBOn naamusaan arihe 62 qofa. Bilxiginnaan suurota facaaftu hunda keessa namoota 62 kana adda hirtee fuldura dhaabdi. Namni keessa beekullee akka burjaajahu yaadameeti. Duuba hiriiree kan jiru: 1) Shiftaa "Shanee" Shimelis Abdiisaa, 2) Namoota mana hidhaa irraa baafaman, 3) Dafqaan bulaa lafa adda addaarraa humnaan qabamee “wiggiin” mataa irra kaayame.
Viidiyoo isaaniimmoo yeroo xinxallu, jaruma kana wal keessa naqxee aanaalee godina Shawaa Lixaafi Kibba Lixaa keessa konkolaataadhaan oliif gadi deddebiftee guurti. Lafa baayyee irraa waraana walitti dhufe fakkeeffachuufi.