OROMO TUBE

OROMO TUBE Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from OROMO TUBE, Publisher, Jimma.

05/12/2024

⚠Diraamaa Hojjetamaa Jiru ⚠

Gantoota galan waliin namoonni WBOn naamusaan arihe 62 qofa. Bilxiginnaan suurota facaaftu hunda keessa namoota 62 kana adda hirtee fuldura dhaabdi. Namni keessa beekullee akka burjaajahu yaadameeti. Duuba hiriiree kan jiru: 1) Shiftaa "Shanee" Shimelis Abdiisaa, 2) Namoota mana hidhaa irraa baafaman, 3) Dafqaan bulaa lafa adda addaarraa humnaan qabamee “wiggiin” mataa irra kaayame.

Viidiyoo isaaniimmoo yeroo xinxallu, jaruma kana wal keessa naqxee aanaalee godina Shawaa Lixaafi Kibba Lixaa keessa konkolaataadhaan oliif gadi deddebiftee guurti. Lafa baayyee irraa waraana walitti dhufe fakkeeffachuufi.

05/12/2024

Goobana Daaccii Galtee jedhan,Ilmaan Abdisaa Aagaa haftee jedhan!

20/05/2023

“Akkan hin deebinetti
Deemeera yaa tiru
Na hin eegiin barataa koo
Anoo dhufaa hin jiru!
Sin barsiisa jedhee
Yaadee manaa ba’ee
Karaattin hafe egaa
Akka carraa ta’ee…
Amma dabtara kee cufii
Qalama kees qadaadi
Akkaataa itti boossee
Na awwaaltu yaadi…
Assignment bulchii
Gaaffii qabdus kaa’ii
Qe’ee maatii kiyyaa
Dhaqii gadda taa’i…

Konkolaataan ani ittiin
Si qaqqabuuf eege
Waadaa keenya nyaatee
Lubbuu koo wareege…
Beekumsa ani siif qooduuf
Umurii itti fixe
Dhiigaafi lafee koo waliin
Hallayyaatti lixe!
Kan nyaatte hin deebistu
Dacheen ni jabaatti
Ba’een karaatti hafe
Jedhi kaa nagaatti!”

Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, kan har’a balaa konkolaataatiin dhumaniif gadda guddaatu natti dhaga’ame. Lubbuun keessan jannata haa boqottu obbolaan koo!
kenai

  and Raji
31/08/2022

and Raji

 # say no war
26/08/2022

# say no war

18/08/2022
18/08/2022

Dargaggoon Buraayyutti waraabessaan miila isaa lamaan dhabe maal hima?

01/09/2021
18/08/2019
23/10/2017

Listen to songs from the album Jirra - Single, including "Jirra". Buy the album for $0.99. Songs start at $0.99. Free with Apple Music subscription.

04/08/2017

Share godhaa diina garaa gubaa yaada keessan kannadhaa galatoomaa

02/04/2017

Jechoota gagaarri fi Walaloo👌🏻✍🏻
================↓
Namni kaayyoo guddaa- maraataa fakkaata.
Yeroo karaa deemus- kophaa dudubbata.
Ilkaan isaatiin seeqee- sammuun dhukkubsata.
Garaan isa ciinca'ee- madaa kulkulfata.
~~~~
Miilli isa sorooroo- keessa isatuu okkola.
Qaamaan as ta'ee- yaadaan gaara oola.
Addunyaa naanna'ee- hundumaa xiinxala.
Abjuudhaan herreegee- bu'aasaa ilaala.
~~~
Gaddaan facaasee- gammachuun hammachuu.
Har'a sakaalamee- boru tarkaanfachuu.
Kaayyootu na godhe- akka ani daangaa hin tarre.
Har'a qofaaf nyaachuu- garaankoo hin barre.
~~~~
Qorri diilallaa'ees- qaama koo na hubu.
Ciniinnadheen obsa- abidda na gubu.
Rakkadheera jedhee- harka koo hin laadhu.
Natii tole jedhees- kaayyoo koo hin dagadhuu.
~~~~
Abjuu guyyaa keessaa
Mul'ata isa boruu
Abdii hin kutatiin!!
Ormi haa ololuu!!!
Jabadhu qeerransoo
Kan waaq jedhe hin ooluu!!!!!

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OROMO TUBE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category