Jawar nasir

Jawar nasir Qaroo fageessee ilaalu

20/12/2024

Ol baasii gadi buusii
Deemsa kee ilaalladhu
Akkuma mataa keetti
Obboleessa kee jaaladhu
Jecha gaarii dubbadhu
Yookiin callisuu filadhu
Garaa jibbaa jibbiitii
Garaa jaalalaa horadhu

Inshaa Allaah yaa rabbi
08/11/2024

Inshaa Allaah yaa rabbi

02/11/2024
Allaattiin tokkoo fiixee damee mukaa tokkorra qubachuuf sodaa tokko hin qabu sababni isaas allaattichi damee mukaa sanaa...
25/08/2024

Allaattiin tokkoo fiixee damee mukaa tokkorra qubachuuf sodaa tokko hin qabu sababni isaas allaattichi damee mukaa sanaa osoo hin taanee baallee isaa abdateeti.

Atis abdiinkee Rabbitti aansee si mataakee akka tahe beeki! Goonkumaa nama abdachuuf hin yaalin!
Jawar Nasir

30/12/2023

Jireenyi ijaan hin mul'atu, sumatu yaadaan qalbeeffata male

Alaabaa falasxiin 🇵🇸 🇵🇸 Deeggartoonni Liiverpuul Alaabaa Falasxiin olkaasuun aantummaa isaanii mul'isanii jiru..!!Tapha ...
21/10/2023

Alaabaa falasxiin 🇵🇸 🇵🇸
Deeggartoonni Liiverpuul Alaabaa Falasxiin olkaasuun aantummaa isaanii mul'isanii jiru..!!
Tapha Pirimerliigii Ingiliz guyyaa Liiverpuul Everton waliin geggeessaa jiru irratti deeggartoonni Liiverpuul Alaabaa Falasxiin olkaasuun deeggarsa Falasxiin 'f qaban mul'isanii jiru.

"Iraan kallattiin lolicha irraa qooda fudhachuuf ni dirqamti!" Ministeera Haajaa Alaa Iraan.Ministeerri Haajaa Alaa Iraa...
18/10/2023

"Iraan kallattiin lolicha irraa qooda fudhachuuf ni dirqamti!" Ministeera Haajaa Alaa Iraan.

Ministeerri Haajaa Alaa Iraan Huseen Amiir Abdullahi 'n Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa baha giddu-galeessaa faana dhimma haala yeroo irratti marii taasisaniin "Israa'il Gaazaa haleeluu hin dhiistu taanaan Iraan kallattiin lolichatti seenuuf ni dirqamti!" jechuun ejjannoo biyya Iraan kan ibsan Ministeerri Haajaa Alaa Iraan kun "Sochii kana Iraan harka ishee marattee teesse hin daawwattu!" jedhanii jiru.

Ministeerichi marii kana irratti akeekkachiisa jajjabaa kan dabarse yoo ta'u qabxiilee Iraaniin gara waraanichaatti seensisuu danda'an tokko tokkoon ibsanii jiru "Israa'il haleellaa Gaazaa irratti geggeessaa jirtu hin dhaabdu yoo ta'e keessattuu ammoo loltoota lafoo ishee magaalaa Gaazaa kan seensistu yoo ta'e ifatti Iraan kallattiin lolichatti ni seenti!" jechuun Ministeerri Haajaa Alaa Iraan Huseen Amiir Abdullahi ifoomsee jira.

Akeekkachiisa Iraan irraa isheef darbe kana Israa'il osoo yeroon itti hin darbiin hojiirra oolchuu akka qabdu Iraan ergaa ishee dabarsiteefi jirti.

Israa'il garuu gaaga'ama ishee mudateef Iraaniin gaafatamaa gochuu irraa duubatti hin jenne, Haleellaa nurratti banamee nu barbadeesse duuba ajaja Iraan 'tu jira jechuun ajjeechaa loltoota ishee fi lammiilee ishee irratti raawwateef Iraaniin gaafatamaa gochuu irratti argamti.

Ameerikaan ammoo gama isheetiin Iraan michuu keenya Israa'il 'n haleeluu ni dandeessi sodaa jedhuun waraana ishee garasitti bobbaasuu ishee itti fuftee kan jirtu yoo ta'u Israa'iliin tiksuuf loltoonni Waraanaa ishee yoomillee qophii ta'uu isaanii mirkaneessitee jirti.

Gareen hidhattoota Liibiyaa kan humna waraana guddaa qabu fi Iraan waliin yeroo hedduu kan hamatamu Hizbullah 'n dhukaasa Israa'il irratti geggeessaa jiru itti fufee jira! Hizbullah 'n haga ammaatti Israa'il irratti lola kallattii banuu baatus dhukaasa Rookkettiin walduraa duubaan Israa'il faana walirratti geggeessaa jiraniin Loltoota Israa'il 3 ajjeesee miseensota waraana isaa 3 wareegee jira! Loltoota Israa'il dhukaasa Hizbullaah 'n ajjeefameen keessaa 1 ajajaa Waraanaa tahuun ni beekama.

Lolicha lola naannawaa baha giddu-galeessaa ta'ee akka hin guddanne sodaatamaa kan jiru yoo ta'u Ameerikaan gama isheetiin Israa'il lolicha akka hin babal'isne akeekkachiistee jirti! Keessattuu Israa'il garee hidhattoota Hizbullaah faana lola kallattiitti akka hin seenne waan dandeessu mara gochuu akka qabdu hubachiistee jirti.

Lolichi lola naannawaa baha giddu-galeessaa 'tti yoo guddate biyyi Israa'il jedhamtee hundeeffamte barbadooftee lammiileen ishee akka daaraa ta'an beekamaa dha! Kun ammoo waan tasa mudatu osoo hin taane Israa'il naannawaa sanaa biyya ishee deeggaru tokkollee qabaachuu dhabuu ishee dha! Israa'il kaabaa haga kibbaatti bahaa haga lixaatti biyyoota diinoota isheen marfamtee jiraachuu ishee dha.

Jawar Nasir

"Biyya dhiigaaf lafee gootaan ijaaramteBiyya of kabachiiftu kan diinaaf gamteFaajjii kee ol kaafna kan ittiin beekkamtuD...
10/09/2023

"Biyya dhiigaaf lafee gootaan ijaaramte
Biyya of kabachiiftu kan diinaaf gamte
Faajjii kee ol kaafna kan ittiin beekkamtu
Diina kee mancaafna kan sitti dheekamtu
Walabummaa kee hawwina"
Nu walaboomsi jechuun waaqa isaatti himate
Ittiiqaa Tafarii!
Booji'aa Caalii

Hiriyoota koo 💚💚💚💚""""""""""""""""""""""""""""""""""""laga seennee gaara baaneewonta hedduu woliin taaneyoo kukkufne daf...
21/08/2023

Hiriyoota koo 💚💚💚💚
""""""""""""""""""""""""""""""""""""
laga seennee gaara baanee
wonta hedduu woliin taane
yoo kukkufne dafnee kaanee
gadda keenya woliif naanee
♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡
mudaa wolii woliif dhoksaa
rakkoo hunda woliif obsaa
halkan guyyaa wol jabeessaa
har'aaf miti, boriif illee wol abdanne
♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧♡♧
Akkaa fii bakka jirtanutti nagaa naa ta'aa

Oolmaan keessan isiniif haa tolu Balaqqee ija diinaaDubbii nama hammaataaGufuu daandii gubbaa Rabbiin nurraa haa qabu Qa...
17/08/2023

Oolmaan keessan isiniif haa tolu

Balaqqee ija diinaa
Dubbii nama hammaataa
Gufuu daandii gubbaa
Rabbiin nurraa haa qabu

Qaaliiwwan koo Hawi Nasir Abbaa Garoo fii Eshetu Lemma Eshetuu Lemma mee wol baraanii

Onnee nama cabsa, baay'ee nama dhukkubsa Lubbuu kee jennataan rabbiin ha qanansiisu Gocha suukaneessaa lubbuu dhiiraa wo...
14/08/2023

Onnee nama cabsa, baay'ee nama dhukkubsa
Lubbuu kee jennataan rabbiin ha qanansiisu
Gocha suukaneessaa lubbuu dhiiraa woreege aanaa saxxammaa

  Haalota shanan Oromummaan ittiin argaman.👉Ilma Dhiigaa    〰Ilmi dhiigaa yookaan ilma gudeedaa kan jennuun daa'ima ofii...
12/08/2023


Haalota shanan Oromummaan ittiin argaman.
👉Ilma Dhiigaa
〰Ilmi dhiigaa yookaan ilma gudeedaa kan jennuun daa'ima ofiin godhatanii dha.
〰Ilmi dhiigaa Oromummaa dhiigaan argata.
👉 Ilma Guddifachaa
〰Yeroo maatiin dhala dhaban yookiin utuu qabanis gargaarsaaf daa'ima fudhatanii guddisanii dha.
Oromoon nama guddifachaan fudhate akka ilmoo dhiigaattii lakkaa'a.
👉 Ilma Moggaasaa
〰Nama saba biraa keessaa dhufe mirgi isaa eeggamee gostiifii gadaan erga kennameefii maqaan moggaafamee booda Oromummaa argata.
👉 Ilma Boojuu
〰Yeroo woraana diina keessaa kan boji'aman , "sitti gala" jedhanii Oromoo gaafachuun haala itti Oromummaan kennamuufii dha.
👉 Ilma Mixii
〰Ilmi mixii dhala namaa lafaa argamee dha.
〰Oromoon daa'ima Gatame yookiin abbaaf haadha dhabe oromoo ta’uu baatus mixiifii biyyee irraa hurgufee fudhatee akka ilmoo isaatti akka oromootti guddisa.

Dhalli namaa tokko oromummaa karaalee armaan olii kanaan argachuu danda'a.

Address

Oromiya
Jimma
JIMMA

Telephone

+251922510348

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jawar nasir posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jawar nasir:

Share