Journalist umar

Journalist umar Follow this page and get a new information

Send message
18/11/2023

Send message

Poolisiin Biraaziil osoo gaazexeessaa UK Doom Filips fi ogeessa gameessa dhalataa Biraaziil ta’e Biruunoo Pereeyiraa bos...
11/06/2022

Poolisiin Biraaziil osoo gaazexeessaa UK Doom Filips fi ogeessa gameessa dhalataa Biraaziil ta’e Biruunoo Pereeyiraa bosona Amazoon keessa barbaadanii qaama namaa ciccite arguu ibsan.

Poolisiin ''qaama namaa'' laga naannawa magaalaa 'Atalaia do Norte' jedhamuutti arguu ibsan.

Lagi kun bakka bosona Amazoon keessaa fageenyarratti argamu keessatti argama, poolisiinis waan arge kanarratti qorannaa gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Namoonni lameen osoo bidiruudhaan gabaasaaf deemanii ture Dilbata darbe kana achi buuteensaanii dhabame.

Akka poolisiin jedhutti dhiigni bidiruu isaan ittiin adeemaa turanii irratti argame qoratamuuf jira.

Bidiruun kun kan nama qurxummii kiyyeessuu yoo ta’u, inni to’annoo seeraa jala ooleera.

Gareen hawaasa ganamaa Amazoon namoonni wayita hojiirra turanitti akkaan doorsifamaa turuu himan.

Bakka isaan hojjetaa turanitti hojiin seeraan ala qurxummii kiyyeessuu, albuuda baasuu, mukeen ciruu fi qoricha sammuu namaa adoochu daddabarsuu bal’inaan mul’ata.

Qondaaltonni Biraaziil namoonni dhabaman kunneen qaamaan ni argamu abdii jedhu qabu, garuu hanga yoonaa hin argamin jiru.

Namoonni lameen Aab Pereeyiraa- umrii waggaa 41 fi Aab Filips- umrii waggaa 57 barruu Gaardiyaan fi Washingitan Post jedhamaniif barreessu.

Yeroo baayyee imalasaanii karoorsanii waan bu’aa qabu hojjechuudhaan muuxannoo qabu.

Imalasaanii kanaanis yeroo dheeraa fudhachuun waan hedduu hojjechuuf karoorfatanii turan.

Gaazexeessitoonni kunneen bidiruu haaraa fi boba’aa hedduu qabataniiti kan imalasaanii eegalan.

Obboleettiin Doom Filips kan Landan jiraattu Sisan Filips mootummaan Biraaziil namoota kunneen xiyyeeffannaan akka barbaaduuf mootummaan UK akka dhiibbaa uumu gaafatteetti.

Qondaalli Raashiyaa naannoo Yukireen humnoonni Raashiyaa to'atan keessa jiran biyyi isaanii Yukireen keessaa midhaan dhe...
10/06/2022

Qondaalli Raashiyaa naannoo Yukireen humnoonni Raashiyaa to'atan keessa jiran biyyi isaanii Yukireen keessaa midhaan dheedhii alatti ergaa akka jirtu himan.

Himannaa ammatti BBC'n ofin hin mirkaneessine kun kan dhagaahama jiru aanga'oonni Yukireen Raashiyaan midhaan dheedhii toonii 600,000 saamtee kaan alatti ergaa jirtii jechuun yeroo himatanitti.

Raashiyaan himannan midaan hatte jedhu dhugaa mitii jechuun fudhatama dhabsiifti.

Yukireen irraa waggaa waggaan miidhaan ooniin miiliyoona hedduun lakkaawwamu gara Afrikaa fi Gidduugala Bahaatti ergiti. Amma Raashiyaan mankuusaalee midhaanii biyyattii gurguddoo qabattee ulaa ittiin alatti ergamus qabattee jiraachuun yaaddoo idila addunyaa uumeera.

Yukireen amma dura midhaan ishee karaa galaana gurraacha(black Sea) gabaa alaaf kan dhiyeessitu yeroo ta'u ulaa kana Raashiyaan waan cufteef dhiyeessiin kun danqameera.

Raashiyaan ammoo gama isheen Yukireen dhuka'aawwan qarqara qaama galaanaa keessa awwaaltee baastee ulaan kun midhaan gurguruuf banaa ta'aa jetti.

Niiw Yoork Taayims akka gabaasetti Raashiyaan midhaan Yukireen jalaa hatte biyyoota Afrikaa hongeen miidhamanitti gurguruuf yaalaa jirtii jechuun Ameerikaan ni himattii jedheera.

Gabaasichi ragaalee Ministeera Haajaa Alaa waabefachuun US biyyoota 14 harki caalaan isaanii kan Afrikaa ta'aniin dooniiwwan fe'isaa Raashiyaa qarqara Yukiree irraa midhaan fe'anii socho'uu akeekkachiiftee ture jedheera.

The family of veteran British journalist Dom Phillips is urging more action be taken to find him after he went missing i...
07/06/2022

The family of veteran British journalist Dom Phillips is urging more action be taken to find him after he went missing in the Brazilian Amazon.

Mr Phillips, 57, disappeared along with Brazilian indigenous expert Bruno Araújo Pereira in a remote rainforest area while researching a book.

The two had received threats days before vanishing on Sunday morning, say indigenous rights groups.

Both men have deep knowledge of the region.

07/06/2022

Please please please
Follow me

07/06/2022

Follow me for get a new news

Address

Kera
Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Journalist umar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share