Walaloo Copha Sammu

Walaloo Copha Sammu Baga nagaan gara page kana dhufta yaada dabalata yoo qabattan kara lakkofsa bilbilaa +251918891038 na qunnama galatooma

30/10/2022

Inni ati har'a bokoktee
Horiikeen of dhaaddu
Humna maallaqakeetiin
Taayitaatti of saaddu
~
Dafqa hiyyeessaa tuultee
Inni dhiibdee irra teessu
Gulantaa barbaadderra
Inni ofiikeen of keessu
~
Siif hin galleefi malee
Hiikkaan biyya lafaa
Ati dhiistee godaanta
Dilbiinkee lafatti hafa
~
Ati waan hunda qabduuf
Duutikees hin haalamu
Qabeenyikee har'aammoo
Si faana hin awwaalamu
~
Garaan nyaatee quufee
Golli kee ta'eef guutuu
Boollumatti awwaalamta
Namarraa adda hin duutu❗️

Address

Muhee
Jimma
EMMI

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walaloo Copha Sammu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Walaloo Copha Sammu:

Share

Category