
25/06/2025
Bareedaaf qajeelaa
Yoon lakkaa'e kuma
Kanin onnee dhaalchise
Ol kaawwadhet suma
Kumaatama keessaa
Bar situ naaf caale
Jaalala dhugaatiin
Situ onneekoo dhaale
Jiru dhedheeronni
Warreen mormi lookoo
Kan gaafa waamaman
Namaan jedhan ookoo
Jiru kanneen biroo
Qabeenyas qabani
Kan gaafa na argan
Qalbiin of dhabani
Jiru beekamoonni
Kan waan hedduu beekan
Gaafa barbaadanis
Warra mootii qeeqan
Nan beeka edduu saanii
Kan addunyaan guutuun
quba isaan qabdu
Kan kumni hawwitee
Shamarran edduunuu
Irratti wal dhabdu
Ani garuu๐
Dhaabbata kee hin laalle
Yookaammoo areeda
Mudaa tokko hin qabdu
Ati naaf bareeda
Iyyeessa taatullee
An rakkina keerraa
Dhimma tokko hin qabu
Warra soreeyyiidhaaf
Onneenkoo dhakaadha
Siif qofa kan cabu
An namoota biroon
Tasa sin madaalu
Qofaa kee naaf geessa
Kan biraas hin laalu
Anaan hin jennemoo
Har'a maal argite
Maaliif yaada kankee
Walitti marqite
Maaliif har'a geessee
Natti jijjiramte
Ati qajeeltuun sun
Maaliif micciiramte?
Jaalalli gaaridha
Isuma Kan wayyu
Garaa jibbaa hin qabu
Sin Jaal'a ammayyuu๐ฅฐ๐
โ