12/07/2026
Baga Si Qabaanne Abbichuu Abbaa Malaa!
Dr Abiy Ahmed Ali. Maqaan kun maqaa namoota dirree siyaasa Afrikaa keessa barootaaf turan hundaa ol kan dhaadheffame. Godoo biyyoota dureeyyii kan raase. Suuressa baandotaa kan saaxile. Kabbaa dadhaabootaa kan mulqe. Leellistoota alaabaa sobaa kan qaanesse. Gaaffii biyya galaanarrattii fi lafa irratti deebisuuf kan onnate. Baha Afrikaatii hanga Ameerikaa. Gamtaa Afrikaatii hanga BRICS. Gamtaa Awurooppaatii hanga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii. Finxaaleyyii hanga baandotaatti kan raase, maqaa gootaati.
Dadhabee hin beeku halkanii guyyaa ifaaja. Boqonnaa hin qabu ni fiiga. Hirriba dhabee hirribaa si dammaqsa. Sanuu itti beekaa!
Abbaa Malaa! Hoogganaa qaxalee Looreetii Nagayaa. Ajaajaa walii galaa humna waraana biyyattii. Kormicha warra Abbaa Gadaa. Daa'ima kaleessaa, Bashaashaa ka'ee shira manguddoota buleeyyii masheense. Baga si qabanne. Barri kee itti aanu kan waldhaasoon yartuun si waliin gootu bututee, itti burkitaa'u siif haa ta'u! Si waliin jirraa, imala kee itti fufi!
Kedir Mohammed ✍️