29/11/2025
MULA'ATA KEEF GATII BAASI
" Wanti akka Salphaatti fi yeroo Gabaabaatti qaqqabamu hin jiru!"
Hammii fi sadarkaan isaa Wal haa caalu iyyuu malee Wanti kamiyyuu,hojii kamiyyuu Kan gatii nama hin baasisne hin jiru.ta'us garuu Gatii mul'anni ofii nama gaafatu baasuun dirqama ta'a.gatii Mul'atichi gaafatu baasuu sodaatanii harkaa maratanii ta'uudhaa mannaa dhuma isa arguuf itti deemanii ilaaluun Hundummaa Caalaa in jajjabeeffama . Fakkeenya seenaa Abraham Linken haa ilaaluu.
1. Bara 1818 Haadha isa baayyee jaallatu du'aan dhabe
2.bara 1831 Daldalu jalqabe kaasare.
3.bara 1832 Mootumma naannoo Eelinooyitti OGEESSA seeraa ta'uu dhaaf dorgomee garuu ni kufe.bara sana hojii dhabaa ta'e barumma sana mana Barumsa seeraa galee barachuudhaaf yaalee hin milkoofneef.
4.bara 1833 hiriyaa isaa irraa mallaqa liqeeffatee hojii daldalaa Eegale garuu kasaare liqii sanaaf waggoota 17 Itti aananiif kanfaluuf dirqame.
5.Bara 1835 kaadhimaa isaa fuudhuuf jedhe du'aan of biraa dhabe.dhukkubni dhiphina sammuu isa mudate ji'a jahaaf ciise.
6.Bara 1838 Af yaa'ii mana marree Mootumma naannoo Eelinooyii ta'uudhaaf yaalee garuu Hin milkoofne.
7.bara 1840 miseensa Boordii Filannoo ta'uu yaalee innis ta'uufi didee.
8.bara 1843 miseensa mana Maree koongirasii Ameerikaa ta'uuf yaalee ta' us garuu hin filatamne.
9.bara 1848. Marsaa lammata Itti deebi'ee Dorgomus ni kufe.
10. Bara 1849 hojii isaa gara OGEESSA lafaatti geeddarachuudhaaf yaalus fudhatama dhabe.
11.Bara 1855 seeneta Ameerikaa ta'uudhaaf dorgome mo'atame kufe.
12.bara 1856 Itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa ta'uudhaaf dorgome kufe.
13.bara 1858 Ammas lamaata seeneta Ameerikaa ta'uudhaaf dorgome mo'atame kufe.
14.bara 1860 dhummaarratti pirezidaantii Ameerikaa 16 ffaa ta'ee filatame.
✓ Argitanii " Kan kaayyoodhaaf gangalatu ormi HARREE seeti " jedhan
Mul'ata ofii fiixan Baafachuuf dadhabbii fi Aarsaa Hangaa kanaa qaba.
Dacheen kun gidiraa fi hammeenyaan guutuu dha .garuu rakkinni osoo jiraachuudhaa baatee Dhalli Nama hin hojjetu ture.ka'umsi argannoo haaraa tokko Rakkina akkumma ta'e bu'aan qorannoo sanaa immoo furmaata Rakkina sanaa ta'a.
✓ Rakkinni ka'umsa furmaata waan hundaatti .kanaafuu yeroodhumaa hundaa Rakkina hin jibbiin .Rakkinoonni Barumsa ati Yuunivaarsittii gurguddaa fi kolleejjii kamiyyuu seentee barachuu hin dandeenye sii barsiisu .
✓ Sammuun Rakkina keessattii hin qaramne qaroomuu hin danda'u.mul'ata keef wareegama gahaa baasuuf of qopheessi mul'ata kooti jette waan Itti amante sanaaf Aarsaa ta'i.kutannoo qabaadhu.haala osoo hin ilaaliin figicha jireenyaa Eegaltee ittumma fufii fiigi.hin dhaabatin .Hangaa Guyyaa figichaa kee xummurtutti ittuma fufii fiigi.fuulduraa kees baadhasni akka jiru quba Qabaadhu.
✓ mul'ata kee dhugoomsuf hangam yaaltee jirta? Moo fira hin qabu, qabeenya hin qabu ,hin danda'u jette of Daangeessite jiraacha jirta?
dubbistaniifi Beektan Hiriyootan keessaniif Sharee Godhaa
Galatooma