15/02/2025
Sabni abbuma fedhe
Sitti akkeessus wacee,
Garaankoo nama biraa
Sitti'n fakkeessu Hacee...
Ati qaalii tokkicha
Hin jiru kan akka kee
Hin dhalanne, hin dhalatu
Kan naaf bu’u bakka kee.
Gootummaa, ayyaantummaa
Guutuu roga hundaanii
Namuu fuulduraan mitii
Sin fakkaatu dugdaani.
Baroodduu akka leencaa
Qeerransakoo kutattuu,
Dhaloonnikee cimtullee
Anaaf sittin butattu.
Madaalli kan meeshaati
Namni nama, atis sumaa
Kanaaf gita'n qabaattu
Jalqabaa hanga dhumaa.
Goota gaafa aduwaa
Hacee gaafa barkumee,
Qaroo si ilaalaniin
Akkamiin kaan argumee?
Guca aartii Oromoo
Laambaa nuuf ifee dhaame,
Ijji koos suma woliin
Kan biraa arguu jaame!
Namni Hacaaluun dhufe, ana biraa bakka hin qabu. Hachalu namoonni artist qofa gootanii ilaaltan baayyee dogoggortaniittu. inni ayyaantummaa aartii cinatti, goota onnee barbaadaa dhiira sodaa hin qabne, fakkaattii fi guca akka gootota kalee darbaniiti. ijaan hin qoosamu. namuu moodela godhachuu ni danda'a, garuu akkanatti ashqaabbaxee "Ani hacaaluudha" jechuu hin danda'u. 👊🤸