19/08/2026
Sagantaan Sosochii torbee nageenya tiraafikaa Aanaa Ejersa Lafootti kabajame.
Hagayya 13/2018
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejeersa Lafootti Sagantaan Sosochii torbee nageenya tiraafikaa mata duree "Waliin taanee Balaa Lubbuu Namaa fi Qabeenya irra ga'u haa hir'isnu " jedhuun kabajamee jira.
Sirna Sagantaa kanarratti kan argamaan itti gafatamaa daandii fi lojistikii Aanaa ejersa lafoo Obboo fayyisaa Lammii ,itti Gaafatamaa darekteera ijaarsaa Aanichaa obboo Biraanuu Badhadhaa ,itti gafatamaa ittisa yakkaa wajjira Poolisii Aanaa Ejersa Lafoo Saj/Ol Tolasaa dhugaasaa akkasumaas konkolaachiftoota, To'attoota nageenya tirafikaa fi jirattoota magalichaa argamanitti kabajamee jira.
itti gafatamaa daandii fi lojistikii Aanaa ejersa lafoo Obboo fayyisaa Lammii Gama isaaniin Balaa Tiraafikaa eeguuf ga'een Qaamolee hundaa murteessaa ta'uu himanii Konkolaachistoonni of eeggannoo fi karaa naamusa konkolaachisaa eegeen konkolaachisuu akka qaban himaniiru.
itti Gaafatamaa darekteera ijaarsaa Aanichaa obboo Biraanuu Badhadhaa sochii geejjibaa sirnaan yoo itti fayyadamuu baatame miidhaan qaqqabsiisu guddaa ta'uu ibsuun, Balaa tiraafikaa ittisuuf hunduu gahee isarraa eegamu itti gaafatamummaa olaanaadhan bahuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Lixaatti itti gafatamaa Shiftii To'annoo Nageenya Tiraafikaa Gar/ Insp Oljirraa Galaalchaa gama Isaaniin akka jedhanitti, Sababoota balaawwan tiraafikaa uumaman keessaa isaan ijoon ariitiin konkolaachisuu,dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisuu, lafoo deemtotaaf dursa kennuu dhabuu,halkaan konkolaachisuu,lafoo deemtonni daandii bitaa qabatanii deemuu dhabuu fi zeebraa irra qaxxaamuruu dhabuu ta'uu ibsuun ofiis ,maatii fi qabeenya balaa kana irraa ittisuuf seera tiraafikaa kabajuun murteessaa ta'uu beeknee of eeggannoo taasisuun barbaachisaa ta'uu himanii jiru.
Itti gaafatamaa Ittisa Yakkaa Aanaa Ejersa Lafoo Saj/Ol Tolasaa Dhugaasaa gama isaaniin sababni seerota tiraafikaa hojiirra o