20/10/2025
Hidhattoota finxaaleyyii Faannoo kan godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti uummata jumlaan fixan mootummaadhumatu ijaaree hidhachiise jedhan jiraattonni.
Jiraattonni yaada isaanii kennan, hidhattoonni finxaaleyyii kun kanaan dura mana cidhaa haleelanii uummata cidha irra ture 40 ta'uu jumlaan fixuu yaadachiisan.
Gaaf sana mootummaan otuma warra haleellicha raawwate beekuu tarkaanfii fudhachuu dhiisuus dubbatan.
Qubsumni hidhattoota finxaaleyyii kanaa achuma aanaa Noonnoo, godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa, godina Guraagee aanaa Abashgee keessa ta'uu himan.
Mootummaan warra kana sirriitti beeka kan jedhan jiraattonni, warra kana jalqaba kan leenjisee hidhachiise mootummaa ta'uu himan.
WBO nu waliin taatanii waraantuu fi nageenya hawaasa Amaaraa naannawaa sana qubatee jiru eegdu qabata jedhuun mootummaan hidhachiisuu himan.
Kana malees humni finxaalessi naannoo Amaaraa maadhee achitti ijaarrachuu himan.
Waanti kun rakkoo hamaa irra deddeebiin uummata irraan gahuu kan dubbatan jiraattonni, mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma kana waaraan akka furu itti watwaataa turre, mootummaan beekatuma dhiise jechuun himatan.
Kana dura warra mana cidhaa irratti haleellaa raawwatee uummata fixe otuma beekuu mootummaan naannoo Oromiyaa itti gaafatamummaa otoo hin mirkaneessin dhiise jedhan.
Jarri kun eessa akka buufatanii jiran otuma beekuu dhiise kan jedhan jiraattonni, warruma kanatu halkan edaas uummata jumlaan fixee jedhan.
Akka isaan haleellaa raawwachuuf jedhan odeeffannoo argannee mootummaatti himanne kan jedhan jiraattonni, mootummaan iyyannoo isaanii dhagahee jalaa callisuu himatan.
Haleellaan halka raawwatamee erga uummanni dhumee, qe'een uummataa barbadaa'ee booda guyyaa itti aanu guyyaa walakkaa booda raayyaa ittisa biyyaa ergan jedhu jiraattonni.