Dha/Taj/Bish/Dhu/Dha/Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu

Dha/Taj/Bish/Dhu/Dha/Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dha/Taj/Bish/Dhu/Dha/Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu, Digital creator, Jimma.

20/12/2024
19/12/2024
Tajaajiltummaan aaragalfii sammuuti!Miira gammachuuti!Maamilli keenya isin nuuf qaaliidha,Yoomiyyuu isin tajaajiluuf,nut...
02/11/2023

Tajaajiltummaan aaragalfii sammuuti!
Miira gammachuuti!
Maamilli keenya isin nuuf qaaliidha,Yoomiyyuu isin tajaajiluuf,nuti qophiidha.

▶Dhaabbileen Tajaajila Bishaan dhugaatii fi dhangala'aa magaalota Oromiyaa wolitti makamaati jiru.Godiinaaleen baay'een ...
27/10/2023

▶Dhaabbileen Tajaajila Bishaan dhugaatii fi dhangala'aa magaalota Oromiyaa wolitti makamaati jiru.
Godiinaaleen baay'een wolitti makamiinsa kana Raawwatanii keessaa bahaniiti jiru.
Godiinni keenya Jimmaanis Wolitti makamiinsa Dhaabbilee Tajaajila bishaan Dhugaatii kana wolitti makeeti jira.
👉Kaayyoon wolitti makamiinsa dhaabbilee kanneen gurguddoon labsii lakk -228/2012 fi danbii lakk-222/2013 Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dhaabbileen akka wolitti makaniif baase inni gurguddaan;

1,Tajaajila si'ataa, teeknolojiidhaan deeggarame hawaasaaf kennuu,
2,Hojimaata Badaa Dhaabbilee Tajaajila bishaan dhugaatii keessatti mul'atan balleessuu, Huumna barateen bakka buusuu,
3,Dhaabbileen Tajaajila bishaan dhugaatii kanneen buleeyyiin sadarkaa 1ffaa addaa hanga sadarkaa 4ffaa jiran kanneen sadarkaa gadiirra jiran Huumna namaa isaanii,hojimaata, kenna tajaajilaa isaanii fi teeknolojiin akka gahoomsaniif, muuxannoo isaanii akka qoodaniifi deeggarsaa fi hordoffii akka godhaniif fi kk f
👉Bu'aan waliiti makuun qabu bay'ee hedduudha.fakkeenyumaaf;
👉Tajaajila Uummaataa saffisaa kennuuf,
👉Qabeenya jiru waliiti fiduun bu'aa barbaadamu qofaaf olchuuf.
👉Tajaajiloonni Akka huumna godhatanii, gaafii Uummataa, furuu akka danda'anii fi misooma magaalaa keessattis ta'ee Aanaa ykn godina keessatti argamaniif, Dhaabbileen Tajaajilaa akka qooda fudhataniif,
👉Dhaabbileen wolitti makaman Boordii tokko kan qaban ita'a akka labsii fi danbii ba'e irratti ibsametti.
Magaalaan keenya,Magaalaan Yabbuu Labsii kanaan kan bultuu fi Tajaajila fooyya'aa Hawaasaaf kennuuf Dhaabbata muuxannoo dheeraa qabu, Magaalaa Miidhagduu fi hawwattuu Dha/Taj/Bish/Dha/ Magaalaa Jimmaa woliin erga wolitti makamee wolharkaa fuuchaa raawwatee ji'oottan saddeet fixuuf deemaa jira.
Turtii ji'oottan kanaa keessatti gaaffii uummataa cimaa kan ture woliin ga'iinsa bishaan dhugaatii irratti karoorfatee hojjachaa kan jiruu fi komii hawaasaa kan xiqqeessee fi Tajaajila si'ataa kan itti gaafatamummaan guutameen hojjachaati jira.
Keessattuu komii hawaasaa kan ture haala sassaabbii biilii duraan woggaatti sassaabamaa ture dursanii biilii qopheessuun kaffaltii isaa akka ji'aan raawwatu ta'aati jira.Maamilli kuufamaaf akka hin saaxilamneef,
Qisaasama bishaanii irratti leenjii ogeessotaa Dhaabbata hundee irraa argateen almost hir'isee jira.
Nageenyi bishaanii madda isaa irraa hanga mana maamilaatti kan hordofamuu eegale ta'uu isaati.
Karoora xiiqii Baafachuunis burqaalee tajaajila dhaaban gara Tajaajilaatti deebisuuf hojjachuurratta argama.
Biiling system fooyyessufis maamilli mana isaa taa'ee akka kaffaltii isaa raawwachuu danda'u irrattis karoorfatee hojjachuurratti argama.
Dhaabbata Tajaajila bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa kana cimsuu keesstati dhaabbanni hundee Kan Magaalaa Jimmaa shoora olaanaa taphatees jira, taphataatis jira.

Horaa bulaa Bishaan lubbuudha!

Onkoloolessa 9/2016Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu Gamaggama hojii kur...
20/10/2023

Onkoloolessa 9/2016
Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu Gamaggama hojii kurmaana 1ffaa kan bara 2016 Hojjattoota woliin geggeesse.

Gamaggama kanaa irratti Hoji geggeessaan Dhaabbata damee Yabbuu Engineer Hasen Abatemam akka jedhanitti cimina jiru akkummaa jiruutti qabannee hanqinoota mul'atan xiinxaluun Akka irratti hojjanuu kallattii kaa'anii jiru.
1. Hojii hojjannu hunda Akka teeknoolojiin deegaramuu gochuu.
2. Qulqullinaan Bishaan raabsuu.
3. Hawaasa keenyaaf Tajaajila si'aatta kennuu.
4. Hojjattoonni wolii waliin qindoominaan hojjachuu.
5 . wantoota adeemsa hojii keessatti nu
rakkisan adda baasuu Akka qabnuu fi Kenna tajaajilaa irratti cimnee karoorfannee hojjachuu akka qabnu kallattiin kaa'amee jira.
Dhuma irratti karoora xiiqii qabanne dhugoomsuuf hojjachuu Akka qabnu dhaamuudhaan haala gaariin Gamaggama marii keenyaa kana xumurree jirra.

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dha/Taj/Bish/Dhu/Dha/Magaalaa Jimmaa Damee Yabbuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share