29/03/2025
"Ayyaana baranaa gaafa kabajnu tokkummaafi obbolummaa keenya daran jabeessuudhaan ta'uu qaba." - Obbo Tijjaanii Naasir.
***********
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, Ayyaana Iidal-Faxirii waggaa 1446ffaa sababedffachuun hordoftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga geessanii akkaataa armaan gadiitiin dabarsaniiru.
''Duraan dursee hordoftoota amantaa Islaamaa Godina keenyaafi biyya keenyaa akkasumas kanneen biyya alaatti argamtan hunduu baga ayyaana sooma hiikaa (Iidal Faxirii) bara 2017 (waggaa 14446)ffaa nagaan geessan jechuun barbaada.
Akkuma beekamu ayyaanni iidal faxirii hordoftoota amantichaa biratti ayyaana guddaa fi jaallatamaa akka ta'eefi sooma Ramadaanaafi ibaadaa baatii tokkoo booda kan kabajamu ta'uu isaafi duudhaawwan jajjaboo amantichaatiin faayamee akka kabajamu ni beekama.
Keessaayyuu namoonni harka qalleeyyiifi dadhaboo ta'an ayyaanicha yaaddoo tokkoon maletti gammachuun akka dabarsaniif kan qabu isa hin qabneef zakaa kennuun kan kabajamu akka ta'e hayyoonni amantichaa ni himu.
Kanaafuu hawaasni muslimaa Godina keenyaa ayyaanicha wayita kabajjan namni hunduu wal qixa gammachuun akka dabarsuuf kanneen rakkatan gargaaruun, namoota dhukkubsatan gaafachuufi ziyaaruun, kanneen beela'an nyaachisuun, kanneen daaran uffisuun miira obbolummaafi jaalalaa olaanaadhaan tokkummaan ayyaanicha akka dabarsitan dhaamuun barbaada.
Guyyaa har'aas aanolee Godina Jimmaa hundatti hordoftoonni amantaa gara garaa iddoo salaata iidaa qulqulleessuudhaan godinni keenya godina wal kabajuufi tokkummaan obbolummaa keessatti dagaage ta'uu qabatamaan waan agarsiiftaniif galatoomaa jechaa, duudhaafi aadaan boonsaan akkanaa fuulduraafis daran cimee itti fufuu akka qabu dhaamsa koo dabarsa.
Hordoftoonni amantaa muslimaa Godina keenyaa akkuma kanaan duraa hojiiwwan misoomaafi nageenyaa akka mootummaatti karoorfannee raawwachaa jirru keessatti obboloota keessan hordoftoota amantaa biraa waliin ta'uudhaan milkaahina hojiiwwan keenyaatiif akka tumsa taasiftan dhaamuun barbaada.
Ayyaanicha wayita kabajjan nageenya keessan sirriitti eeggachaa, miira jaalalaafi tokkummaatiin ayyaanicha akka dabarsitan yaadachiisuun barbaada.
Xumura irrattis ayyaanichi kan nagaa, kan jaalalaa, kan gammachuufi waan karoorfattan hundaan itti milkooftan akka ta'u hawwii kooti."
Ayyaana Gaarii!!
Tijjaanii Naasir Usmaan
Bulchaa Godina Jimmaa
Bitootessa 20/2017
Jimmaa.