WaaMara

WaaMara Beeksisoota iddoo hojii fi walaloo jaalalaa baay'ee ni argattu.

 Dorgommii Waancaa Addunyaa bara 2026 adeemsifamaa jiru irratti taphattoonni goolii baay'ee galchanii fi isaan goolii mi...
01/07/2026


Dorgommii Waancaa Addunyaa bara 2026 adeemsifamaa jiru irratti taphattoonni goolii baay'ee galchanii fi isaan goolii mijjeessuun (assists) iddoo ol aanaa qaban kunooti.

🥅 WARRA GOOLII HEDDUU GALCHAN (Golden Boot Race)
1️⃣ 🇫🇷 Kylian Mbappé – Goolii 6
1️⃣ 🇦🇷 Lionel Messi – Goolii 6
3️⃣ 🇳🇴 Erling Haaland – Goolii 5
4️⃣ 🇫🇷 Ousmane Dembélé – Goolii 4
4️⃣ 🇧🇷 Vinícius Júnior – Goolii 4

🎯 WARRA GOOLII BAAY'EE MIJJEESSAN (Top Assists)
1️⃣ 🇫🇷 Michael Olise – Asbaasii 5
2️⃣ 🇧🇷 Bruno Guimarães – Asbaasii 4
3️⃣ 🇸🇪 Alexander Isak – Asbaasii 3
3️⃣ 🇳🇴 Martin Ødegaard – Asbaasii 3
3️⃣ 🇩🇪 Florian Wirtz – Asbaasii 3
3️⃣ 🇲🇽 Roberto Alvarado – Asbaasii 3

🇨🇮 CÔTE D'IVOIRE VS NORWAY 🇳🇴 – EENYUTU TARREE NUGUFTURAA?Tapha kubbaa miilaa har'a AT&T Stadium irratti taphatamu kanaa...
30/06/2026

🇨🇮 CÔTE D'IVOIRE VS NORWAY 🇳🇴 – EENYUTU TARREE NUGUFTURAA?

Tapha kubbaa miilaa har'a AT&T Stadium irratti taphatamu kanaan:
👍 LIKE – Côte d'Ivoire (Afrikaa) ni mo'atti yoo jette!
Moo Amad Diallo fi gootonni Côte d'Ivoire Afrikaa boonsu?
❤️ LOVE – Norway (Erling Haaland) ni mo'atti yoo jette!
Erling Haaland fi Martin Ødegaard garee Norway kuffisuu danda'uu?
💬 Tilmaama goolii (score prediction) kee ammoo comment irratti naaf kaa'i!

Oduu Muudama.Hoggaansa Golaa Oromiyaa Riiformii Booda jiru. Golaa Oromiyaa Tokko Irratti Hoggaansa : 50 Muudamuuf Qophii...
30/06/2026

Oduu Muudama.
Hoggaansa Golaa Oromiyaa Riiformii Booda jiru. Golaa Oromiyaa Tokko Irratti Hoggaansa : 50 Muudamuuf Qophii Xumurame Jira. Loading.....?

 'insa  'een:-‎1.Seektaroota Aanaa haaraa hojiirra oolan.‎2.Caasaa muudamtoota Gandaa jalatti diriire keessaa muraasa.‎3...
30/06/2026

'insa 'een:-
‎1.Seektaroota Aanaa haaraa hojiirra oolan.
‎2.Caasaa muudamtoota Gandaa jalatti diriire keessaa muraasa.
‎3.Godinni baduun gara jijjiirrameera.

 !Xiinxaltoonni ispoortii fi moodeelonni herregaa dorgommicha dura tilmaama baasanii jiru. Biyyoottan waancaa kana injif...
29/06/2026

!

Xiinxaltoonni ispoortii fi moodeelonni herregaa dorgommicha dura tilmaama baasanii jiru. Biyyoottan waancaa kana injifachuuf carraa guddaa qabu jedhamanii adda dursaaniin eeraman keessaa tokko tokko kanneen armaan gadiiti:
Biyyoota Carraa Olaanaa Qabu Jedhamanii Tilmaamaman
• Arjentiinaa: Shaampiyoonaa waancaa addunyaa darbee dabalatee morkattuu cimaadha.
• Biraaziil: Riikardii waancaa shaniin adda durummaan kan beekamtuu fi yoomiyyuu tilmaama qabdi.
• Faransaayi: Garee taphattoota dandeettii dhuunfaa ciccimaa qabaniin guutame dha.
• Ingilaand: Liigii jabaa fi taphattoota dandeettii olaanaa qaban qabatti.

Israa'elii fi Heezbollaan Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu irra Ga'anIsraa'elii fi gareen hidhataa Liibanoos Heezbollaan dhu...
19/06/2026

Israa'elii fi Heezbollaan Waliigaltee Dhukaasa Dhaabuu irra Ga'an

Israa'elii fi gareen hidhataa Liibanoos Heezbollaan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun kan dhiyaate erga gareen lamaanuu har'a ganama dhukaasa walitti banuun isaanii ibsamee booda.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun har'a waaree booda hojiirra ooluu kan jalqabe yoo ta'u, dhukaasni gama lamaaniin taasifamu yeroof akka dhaabatu ibsameera.

Waraanni Israa'el har'a ganama haleellaa Heezbollaan irratti raawwateen loltoonni isaa afur ajjeefamuu ibsuun, haleellaa deebii kenneen iddoowwan xiyyeeffannoo garee sanaa 80 ol irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiiseera.

Israa'el halkan walakkaa irraa eegalee haleellaa raawwateen lammiileen 47 du'uu isaanii Ministira Fayyaa Liibanoon wabeeffachuun BBC'n gabaaseera.

Waliitti bu'iinsi Israa'elii fi Heezbollaa itti fufuun isaa waliigalteen nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti dhiyaate hojiirra akka hin oolle gufachiisaa akka jiru ibsamaa tureera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu har'a irra gahame kun waliitti bu'iinsa Liibanoos keessa jiru dhaabsisuu malees, waliigaltee nagaa Ameerikaa fi Iraan jabeessuu keessatti gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.

Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee waliif mallatteessan.Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampii fi ginn...
18/06/2026

Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampii fi ginni isaanii kan Iraan Mas'uud Peezeeshkiyaan waraana dhaabuuf waliigaltee hatattamaan hojiirra oolu waliif mallatteessan.

Waliigalteen kun Hulaa Hormuuz banuu, Iraan deebisanii bayyanachiisuuf Ameerikaan Doolaara biiliyoona 300 kennuu, akkasumas Ameerikaan qoqqobbii kamuu Iraan irraa kaasuu dabalata.

Ta’us, dhimma Niiwukilaaraa Ameerikaa waraanatti galche guyyoota 60 dhufanitti mari’atamuuf karoorri qabamuun ibsameera.

.

Ulaan Hoormuuz guyyoota lama keessatti guutummaatti ni banama – Pireezidaanti TiraampiUlaan Hoormuuz boru yookaa Iftaan ...
17/06/2026

Ulaan Hoormuuz guyyoota lama keessatti guutummaatti ni banama – Pireezidaanti Tiraampi

Ulaan Hoormuuz boru yookaa Iftaan guutummaatti ni banama jedhan Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi.

Ameerikaa fi Iraan waliigaltee waraana dhaabuu Jimaata dhufu ni mallatteessu jedhamee eegama.

Akkaataa waliigaltichaan Ulaan Hoormuuz guutummaatti ni banama.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Ulaan Hoormuuz walakkeessaan banaa ta’uu himuun, guyyoota lamaan itti aanaan keessatti ammoo guutummaatti ni banama jedhan.

Waliigalteen Iraan waliin taasifame daraan cimaa ta’uu Pireezidaanti Tiraampi irra deddeebiin dubbataniiru.

Yaadni guutuun waliigaltichaa maal akka ta’u homtuu hin beeku, garuu daraan cimaadha jechuun isaanii ‘ABC News’ gabaaseera.

Waldhabdee Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumame hordofee Teehiraan ulaa daddabarsa boba’aa murteessaa ta’e Ulaa Hoormuuz irra deddeebiin cufuun diinagdee addunyaarratti dhiibbaa uumaa tureera.

14/06/2026
09/06/2026

Amajjii 2 irraa eegalee haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwateen lakkoofsi namoota du’anii 3,666 ga’uu isaa lakkoofsi haaromfame aanga’oota Libaanos irraa argame ni mul’isa.

Dabalaan kun haleellaa dhiheenya kana kibba Libaanos fi magaalaa Xiiros keessatti raawwatame dabalatee hojii waraanaa itti fufee jiru kan calaqqisiisudha.

Erga waldhabdeen kun jalqabee namoonni miliyoona tokkoo ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru, yeroo dhiyoo as Israa’elii fi Iraan gidduutti hammaate haala namoomaa Libaanos irratti dhiibbaa dabalataa dabaleera.

Address

Jimma, Oromia
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WaaMara posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share