18/03/2026
🌙 Guyyaan Iidul-Fixrii Mirkanaa'e!
Manni Murtii Olaanaan Kingdom of Saudi Arabia akka beeksiseetti, har’i galgala addeessi waan hin mul’atiniif, guyyaan boruu Kamisni guutuu ji’a Ramadaanaa (guyyaa 30ffaa) ta’ee kan oolu yoo ta’u, ayyaanni Iidul-Fixrii ammoo guyyaa Jimaataa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
Rabbiin sooma keenya, salaata keenya, akkasumas dalagaalee gaggaarii ji’a kabajamaa kana keessa raawwachaa turre hunda nurraa haa qeebalu. Ummata Islaamaa addunyaa maraaf, keessattuu hawaasa keenyaaf ayyaana nageenyaa, gammachuu fi barakaa akka isiniif ta’u hawwina! 🤍🌙
⚠️ Hubachiisa Cimaa Hawaasa Keenyaaf!
Yeroo ammaa kanatti odeeffannoon sobaa fi ragaa hin qabne miidiyaalee hawaasaa irratti waan baay'atuuf, dhimmoota akkanaa kan Ibaadaa keenya waliin wal-qabatan irratti:
• Madda Amanamaa Qofa Hordofaa: Odeeffannoo mana murtii olaanaa ykn dhaabbilee amantii beekamoo irraan ba’u qofa hordofaa.
• Of-eeggannoo Godha: Namni hundi gaazixeessaa ta’ee odeeffannoo hin mirkanaayin facaasuun hawaasa keenya, keessattuu baadiyyaa keessa jiran, (burjaajii) keessa galchuu danda'a.
Oduu ragaa hin qabne facaasuu irraa of qusadhaa; hawaasni keessan akka hin dogoggorre gorsa kanaan waliif gahaa.
Iid Mubaarak!