Ethio muslim

Ethio muslim Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ethio muslim, Broadcasting & media production company, Jimma.

08/04/2025

Hawaasa keenya nagaan dursee;Obboleettiin keenya sababa gara amantaa Islaamaa dhufuu isheetiin wolitti bu'iinsi uumamee hidhamtee turte wolii galtee marii araraa dheengaddaa booda wiixata kaleessaa hiikamtee barnoota ishee idileetti deebiteetti. Haati ishee immoo "Kaayyoo fi galmi woliin hidhamne Laa'ilaaha illallaah (Islaamummaadha) waan ta'eef ani hidhamtoota anaa wojjin hidhaman hundumaa woliin male kophaa kiyya hin bahu jechuudhaan didan!" Argitanii sadrakaa Iimaanaa gaafa rabbi ittiin nama faayu!!

Itti aansee immoo koreewwan gadi buhanii hidhamtoota Gaattiraa akka hiiksisanuuf kallattiin kaa'ame sababa qophii wol-tajjii " Guumii abbootii amantaalee" guyyaa har'aa Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruuf akka isaaniif mijachuu dhabe ta'uu fi ammas irra deebiidhaan kamisa iftaaniitti akka hiikamanu kallattiin kan ka'ame ta'uu odeeffannerra.

Egaa bu'uura odeeffannoo nuti qabnuutiin ammatti burjaajii hin barbaachisu. Obsaan eeguun barbaachisaadha. Dhuma irratti ammoo dhimma kana xiyyeeffannee hordofaa kan jirruu fi bu'aa araara nagaa fi tokkummaa itti argachuu irra darbee dhugaan muslimoota Jimmaa maqaa balleessanii Oromiyaaf gabaasan soba adii ta'uu fi duudhaan obbolummaa fi wol danda'ee wol kabajee wolii wojjin jiraachuu ummatichaa maal akka fakkaatu carraa kanaan hoggansi hanga Federaalaatti jiru hubachuu fi jaarmiyaan abbootii amantaalee biyyattii hundis hubachuu danda'aniiru. Finally kamisa boodas ta'ee hanga lubbuun jirru dhimma amantaa irraa libsuu tokkoofuu of-duuba kan hin deebine ta'uu Muslimootaa beekee qaamni mootummaa hatattamaan hidhamtoota keenya hiikee gara hojii idilee isaaniitti akka deebi'anu jenna.... horaa bulaa🙏

Hawaasa keenya nagaan dursee;Obboleettiin keenya sababa gara amantaa Islaamaa dhufuu isheetiin wolitti bu'iinsi uumamee ...
08/04/2025

Hawaasa keenya nagaan dursee;Obboleettiin keenya sababa gara amantaa Islaamaa dhufuu isheetiin wolitti bu'iinsi uumamee hidhamtee turte wolii galtee marii araraa dheengaddaa booda wiixata kaleessaa hiikamtee barnoota ishee idileetti deebiteetti. Haati ishee immoo "Kaayyoo fi galmi woliin hidhamne Laa'ilaaha illallaah (Islaamummaadha) waan ta'eef ani hidhamtoota anaa wojjin hidhaman hundumaa woliin male kophaa kiyya hin bahu jechuudhaan didan!" Argitanii sadrakaa Iimaanaa gaafa rabbi ittiin nama faayu!!

Itti aansee immoo koreewwan gadi buhanii hidhamtoota Gaattiraa akka hiiksisanuuf kallattiin kaa'ame sababa qophii wol-tajjii " Guumii abbootii amantaalee" guyyaa har'aa Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruuf akka isaaniif mijachuu dhabe ta'uu fi ammas irra deebiidhaan kamisa iftaaniitti akka hiikamanu kallattiin kan ka'ame ta'uu odeeffannerra.

Egaa bu'uura odeeffannoo nuti qabnuutiin ammatti burjaajii hin barbaachisu. Obsaan eeguun barbaachisaadha. Dhuma irratti ammoo dhimma kana xiyyeeffannee hordofaa kan jirruu fi bu'aa araara nagaa fi tokkummaa itti argachuu irra darbee dhugaan muslimoota Jimmaa maqaa balleessanii Oromiyaaf gabaasan soba adii ta'uu fi duudhaan obbolummaa fi wol danda'ee wol kabajee wolii wojjin jiraachuu ummatichaa maal akka fakkaatu carraa kanaan hoggansi hanga Federaalaatti jiru hubachuu fi jaarmiyaan abbootii amantaalee biyyattii hundis hubachuu danda'aniiru. Finally kamisa boodas ta'ee hanga lubbuun jirru dhimma amantaa irraa libsuu tokkoofuu of-duuba kan hin deebine ta'uu Muslimootaa beekee qaamni mootummaa hatattamaan hidhamtoota keenya hiikee gara hojii idilee isaaniitti akka deebi'anu jenna.... horaa bulaa🙏

በጅማ ዞን ሰጠማ ወረዳ ጋቲራ ከተማ ታስረው የነበሩ ሙስሊሞች እንዲፈቱ ከዞኑ አስተዳደር ጋር ከስምምነት መደረሱ ተገለፀ!- ሀሩን ሚዲያ፣ መጋቢት 28/2017በኦሮሚያ ክልል ጅማ ዞን ሰጠማ ወ...
06/04/2025

በጅማ ዞን ሰጠማ ወረዳ ጋቲራ ከተማ ታስረው የነበሩ ሙስሊሞች እንዲፈቱ ከዞኑ አስተዳደር ጋር ከስምምነት መደረሱ ተገለፀ!

- ሀሩን ሚዲያ፣ መጋቢት 28/2017

በኦሮሚያ ክልል ጅማ ዞን ሰጠማ ወረዳ ጋቲራ በተባለች ከተማ ወደ ኢስላም በተመለሱ ሶስት ቤተሰቦች ላይ "የፕሮቴስታንት እምነት ተከታይ ነን" ባሉ ሰወች ድብደባ የተፈቀመባቸው ሲሆን ከዚህ ጋር በተያያዘ ተቃውሞ አድርጋችኋል በሚል ከ45 በላይ የአከባቢው ሙስሊሞች መታሰራቸው ከዚህ በፊት መዘገባችን ይታወሣል።

ይህንን በተመለከተ በዛሬው ዕለት በጅማ ዞን ጋቲራ ከተማ ህዝባዊ ውይይት ተካሂዷል። በውይይቱ ላይ የኦሮሚያ ክልል እስልምና ጉዳዮች ከፍተኛ ም/ቤት ሼይኽ ጋሊ ሙክታር፣ የጅማ ዞን አስተዳዳሪ አቶ ቲጃኒ፣ የዞን እና የወረዳ መጅሊስ አመራሮች፣ የመንግስት ከፍተኛ አመራሮች እና በርካታ የአካባቢው ማህበረሰብ መሳተፋቸው ተገልጿል።

በመሆኑም ወደ ኢስላም በተመለሱ ቤተሰቦች ላይ ድብደባ የፈፀሙ አካላት አስፈላጊውን ማጣራት አድርጎ ህጋዊ እርምጃ እንደሚወሰድ የዞኑ አስተዳደር መግለፁ ተነገሯል።

በተጨማሪም ያለ አግባብ የታሰሩ ከ45 በላይ የአካባቢው ሙስሊሞች በነገው ዕለት ከእስር ቤት እንደሚፈቱ ከስምምነት መድረሳቸውን ከስፍራው ለሀሩን ሚዲያ የደረሰን መረጃ ያመላክታል። ከዚሁ ጋር በተገናኘ ታስረው የነበሩ ወደ ኢስላም የተመለሱ እናት እና ልጅ በዛሬው ዕለት ከእስር መለቀቃቸው ተገልጿል።

- ሀሩን ሚዲያ በጉዳዩ ዙሪያ ተጨማሪ መረጃዎችን እየተከታተለ ወደ እናንተ ያደርሳል!

© Ethio muslim

Gaatiraa*********Godina Jimmaa Aanaa Saxxamaa  Magaalaa Gaatiraatti rakkoon uumame harka walqabatamee araaraan xumuramee...
06/04/2025

Gaatiraa
*********
Godina Jimmaa Aanaa Saxxamaa Magaalaa Gaatiraatti rakkoon uumame harka walqabatamee araaraan xumuramee ture. Maaliif irra deebi'amee akka boora'u barbaadame? Ammas hatattamaan furamuu qaba!
Rakkoon kun sadarkaa aanaatti furamee osoo jiruu, wanti hafu yoo jiraates furamuu osoo danda'uu gara godinaatti olguddisuudhaan babal'isuun maaliif barbaachise?
Godina bira darbees akka waan biyyi buqqa'aa jiruu fakkeessanii Oromiyaadhaaf gabaasuudhaan humni woraanaa dhaqee akka achi qubatu gochuun ummata shororkeessuun maaliif barbaachise?
Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi namoonni bebbeekamoon dhalattoonni naannoo sanaa mootummaa woliin ta'anii rakkoo kana sa'aa muraasa keessatti furmaata itti godhuu danda'an osoo jiranii bira dabarfatanii biyyaa fi mootummaa maqaa balleessuun, dabalataanis biyyaa fi mootummaa wolitti buusuuf yaaluufi ajandaa siyaasaa gochuun barbaachisaa natti hinfakkaanne.
Namoota rakkoo kanaaf sababa tahan haala miijessanii miliqsuun ummata nagaa manatti hidhaatti guuruu osoo hintaane namoota rakkoo uuman muraasa seeratti dhiyeessuun worra miidhamaniif dhugaa jaraa baasuu barbaachisa; qabeenyi bade yoo jiraate qabeenya biyyaati waan taheef waltahanii bakkatti deebisuudha. Hawaasa walamanee fuudhaaf heerumaan walitti firoomee nagaadhaan waliin jiraataa turee ammas waliin jireenya isaa itti fufu jidduutti madaa fi godaannis uumuun hinbarbaachisu.
Beekamaas tahee osoo hinbeekamin waatu keessa jira fakkaata. Ajandaa ummata nagaa walitti buusu bocanii jidduudhaa waa argachuuf yaaluu yoo tahe fudhatama hinqabu.
Hanga rakkoon kun furamutti ummanni tasgabbaa'uun nageenyaa isaa eeggachuu qaba. Yoo nageenyi jiraate hunduu jiraata! Ummata nagaa mana hidhaatti guuruufi namoota rakkoo kana karaa nagaatiin hiikuuf yaalan ija biraatiin ilaaluunis furmaata hinta'u.
Biyya seenaa gaarii qabdu kana irra deddeebiin maqaa xureessuuf warri ajandaa jeequmsaa bocu hinmilkaawu.
Kallattii hundaan warra rakkoo kana karaa nagaatiin hiikuuf halkaniif guyyaa h

Shira cubbuu Masart Hayiluu Ogeeyyii seeraa Aanaa Saxxammaa fi Muslimoota irratti hojjatees hojjataas jiru.Wolitti bu'ii...
05/04/2025

Shira cubbuu Masart Hayiluu Ogeeyyii seeraa Aanaa Saxxammaa fi Muslimoota irratti hojjatees hojjataas jiru.

Wolitti bu'iinsa Gaattiraatti uumamee ture sababeeffadhuun muslimootni baay'een hidhamanii kan turan yemmuu ta'uun muslimoota hidhaman irratti Waajjirri haqaa,Qorataan yakkaa fi manni murtii wol ta'anii ragaa qindeessanii akka irratti murteessanu karaa qaxxaamuraatiin ajajni itti kennamee ture.

Qaamotni seeraa kunneenis shakkamtoota too'ataman irratti qorannoo seeraa gaggeessanii erga mirkaneeffataniin booda shakkamtootni too'atamanii turan mirgi wobii isaanii eegamee akka bahanu taasisan. Masart Hayiluu fi qaamni harka woyaa jalaatiin wol ijaaree aangoo da'oo godhatee ergama siyaasa dhuunfaa fi amantaa isaa lallabu,

" Maaliif yeroo beellamaa irratti gaafattanii ragaa irratti qindeessitanii, murtee irratti hin dabarsitanu ? " jedhee qaamolee seeraa armaan olitti tuqne kana gaafate. Qaaamoleen Seeraa kunneenis " Bu'uurri yakkaa shakkamtootni ittiin himataman mirga wobiitiin bahuu kan isaan hin dhorksiifnee fi yeroo beellamaa kan isaan irratti gaafachiisu waan hin taaneef mirga wobiitiin akka jarri bahan goone " jedhaniin.

Akkamitti irrtti murteessuu diddan jechuun Abbaa Seeraa Masfiin ,Abbaa Alangaa Muhammad Sa'iid ,Inispeekter Kaliifaa fi Inspeekter Dassaaleny namoota jedhamanu xinneessanii paatiroolii irratti fe'uudhaan gara magaalaa Jimmaatti geessanii hidhan. Akkasumas Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Saxxammaa kan ture nama Aliyyii jedhamuun "Akkamitti murtee irratti kennisiisuu dadhabde?" Waan jedhuun hojii irraa dhaabsisanii ramaddii tokkoyyuu otuu hin kenniniif jira.

Haaluma kanaan itti fufee ta'e jedhamee ragaan sobaa qindaa'ee muslimoota Gaattiraa hidhamanii jiran irratti murtee kennuuf qorataa fi Abbaan Alangaa Godinaa irraa gad-ergamanii abbaan murtee haaraan jijjiiramee ,Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Saxxamaatti haaraan muudameetu jira.

Masart kana hunda godhee kaheetu damma afaanitti dibatee suraa isa xaaqiyyaa fi mudawwarra muslim

 Guyyaa Borii Pireezidaantiin mana maree ol’aanaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa    fi koreewwan mana maree dhimmoota ...
05/04/2025



Guyyaa Borii Pireezidaantiin mana maree ol’aanaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa fi koreewwan mana maree dhimmoota islaamummaa itoophiyaa Magaalaa gaattiraatti argamuudhaan Rakkoo ummata muslimaa Godina Jimmaa Aanaa saxxammaa magaalaa irra gahaa jiru ilaaluun furmaataa barbaachisaa fi ibsa bal'aa akka kennan hawwiin eeggamaa jira

Warri Gaattiraatti muslimoota hidheefi rakkoo guddaa uume qaama Shaggaritti Masjiida diigeefi manneen barnootaa keessatt...
05/04/2025

Warri Gaattiraatti muslimoota hidheefi rakkoo guddaa uume qaama Shaggaritti Masjiida diigeefi manneen barnootaa keessatti barattoota Muslimaa irratti dhiibbaa garaa garaa raawwataa jiruun deeggaramuudha
******
Rakkooleen bakkoota garaa garaatti mudataa jiran waamuma cal'istee bakka sanatti yeroo fedhe dho'u osoo hin taane siistamaatikaalii duurfamee itti yaadamee qindaa'e waan ta'aa jiruudha. Firoomni haalota kanneenii qaamolee sadarka hooggansa mootummaa ol'aanoo irra jiraniin karoorfamuu isaanii mul'isa.

Rakkooleen uumamuu qofa osoo hin taane fala dhabuuniifi bu'aawwan isaanii jijjiiramuun humnoonni kunneen wal hidhanii rakkocha uumuu irraa hanga adeemsa isaa mataa tiksuutti jiraachuu isaanii agarsiisa. Rakkoo uumameen qaamni miidhame bakka isa miidhaa raawwatee buufamee gaafa adabamu arguun qindoomina garechaatiif waan ragaati.

Mee wanti tibbana Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa Magaalaa Gaattiraatti ta'e maali? Ka'umsi isaa maali? Qaama kamtu booda jira kan jedhuun walqabatee yoo kan ilaallu ta'e qaama sadarkaa naannoo irraa eegalee aangoo isaatiin akka haqni dhokatuufi qaamoleen seera gadjallaa jiran dhugaa akka hin mul'isne doorsisuufi dhiibbaa irraan ga'aa jiraachuu isaaniitti baana.

π Ijoo ka'umsa dubbii
∆Maatii hordoftoota amantaa Pirotestaantii hordofaa turan Aadde Tsaayyee Taaddalaa fi Intala isaanii hangafa Ilhaam fi intala isaanii durbaa quxisuu wojjin namoota sadii ta'anii gara Amantaa Islaamaa dhufuun shaahdaa qaban.

Manni jireenya isaaniitis ollaa mana amantii Pirotestaantii isaan irraa deebi'anii yemmuu ta'u gara amantaa Islaamaa deebi'uu isaanii hordofee gaafa guyyaa 1/7/2017 halkan dhagaan mana jireenya isaaniitti darbatamaa bule. Guyyaan ka'umsa dubbii 1/7/2017 ture jechuudha.

Bu'uuruma kanaan abbootiin amantii Islaamaa bulchaa fi qaama nageenya Aanaa wojjiin abbootii amantii Pirotestaantii bira deemaanii kallattiin dhagaan irraa mana namoota dhuunfaa kana irratti darbatame kallatti mana amantii Pirotestaantii irraa ta'uu wolumaan mirkanees

Waan jiraatuuf nama hin beekneUmmatasaa ganee bifa kanaan Soba guddaa akkasii soba aangoofJette ummata kee irratti holol...
05/04/2025

Waan jiraatuuf nama hin beekne
Ummatasaa ganee bifa kanaan
Soba guddaa akkasii soba aangoof
Jette ummata kee irratti holola hin odeessiin dubbin ati ooftu kijiba akka ta'e atuu ni beekta comantiille akka hin kennamnetti cufattee dheebotaa aangoo
Kana kan ummata gane

Duulli holola miidiyaa cubbuu Meseret Hailu Gerbi  Muslimoota Godina Jimmaa irratti hojjatte ukkaamsee isa qulqulleesu a...
05/04/2025

Duulli holola miidiyaa cubbuu Meseret Hailu Gerbi Muslimoota Godina Jimmaa irratti hojjatte ukkaamsee isa qulqulleesu ajaja isaatiin barraa'ee kaabinootni Aanaa Saxxammaa karaa Facebook isaantiin akka maxxansanu dirqamni itti kennamee jira.

Godina Jimmaa keessatti tuffiin Masarat Hayiluu muslimootaaf qabu akkuma itti fufetti aangoo fi itti gaafatamummaa ummata tajaajiluuf isatti kenname da'oo godhatee harka woyaa jalaatiin muslima irratti roorrisuudhaan finxaalessuummaa amantaa isaa ummaticha irratti gaggeessuun wol shakkii hawaasaa fi mootummaa gidduutti uumuu irratti hojjataa jira.

Baatii tokko dura Godina Jimmaa Aanaa Geeraa ganda waallaa keessatti abbaa qabeenyaa jabaa Zaakir Obbaa jedhamu kan akka hoolaa Abrhaatti qalchiise isuma mataa isaati.

Wolitti bu'iinsa Gaattiraa keessatti mudate namni dhaqee worra pirotestaantii kophaatti mariisise shakkamtootni amantaa pirotestaantii too'annoo jala turan iakka miliqan haala mijeessee
Otuu kan dubbii kaase jiruu maqaa shakkamtoota seeratti dhiheessuutiin bakka qaama dubbii kaasee jeequmsa kana boce irraa namni tokko to'annaa jala hin oolletti dargaggoota muslimaa qofa mana hidhaatti guursisanii doorsisaa fi reebisisaa jiru isa.

Kan " Woràana geessee ummata irra qubsisee woraanni kun midhaan hamuu dhufe miti meeshaan kun sangaa qotuu dhufee miti worri amantaa koon filadha jettu kottuu as bahi fuul-dura ummataatti si rashannaa" kan jedhee hawaasa fi ulmaa fuul-duratti biyyatti dhaaddate Masarat Hayiluuti

Manni marii dhimmoota Islaamummaa Godina Jimmaa dhimma kana furuuf isa faana wol beelamanii guyyaa beeyilamaa marii tuffii hawaasa Muslima jimmaatiif qabu agarsiisee bilbila isaa jalaa kan Haji Hamazaa jalaa cufate Masarat Hayiluuti.

Kun hundu tuffii inni ummata Muslimaatiif qabu agarsisa. Sobee ijibbaata of qulqulleessuuf jecha duula maqa balleessiitu hoggansa Godina fi naannoo irratti baname jedhaa maxxansaa jedhee kaabinoota Saxxammaatti ajaja dabarsinaan jarris akkuma waan ofii barreessiteetti waanuma

Dogongora‼️❌Rakkoo Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa Magaalaa Gaattiraatti mudate hedduun namaa "Walitti bu'iinsa amantaa" j...
04/04/2025

Dogongora‼️❌
Rakkoo Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa Magaalaa Gaattiraatti mudate hedduun namaa "Walitti bu'iinsa amantaa" jechuun haasa'aa jira. Kun guutummaan guutuutti dorgongora.❌

Rakkoon amantaafi amantaa jidduutti ta'e jedhamu yoo rakkoon qaama lamaan biraa uumameedha. Hawaansi Muslimaa rakkoo uume hin qabu. Garuu haleellaan irratti raawwatamee, maqa ballessi isarra ga'ee, doorsifameefi hidhameera.

Kana mara wanti mudateef nageenyaaf, biyyaaf, ummataaf duursa kennuufi obsuufiidha.

Faallaa kanaatiin garuu qaamni kaan mana amantaa isaa jalatti wal gurmeessee rakkoo ofiif uume kan qaama lamaanii fakkeessuuf hojjateera. Garee yakkoota kabaja amantaa Islaamaa xureessuu, muslimoota irratti haleellaa qaamaafi xiinsammuu raawwachuufi maqaa hawaasa balleessuu irratti boobba'e kana manni amantaa sun balaaleffachuu caalaa deeggaruufi tika ta'uufi filate.

Dhugaan guddaan ammoo qaamoleen yakka kana raawwataniifi raawwataa jiran kunneen Aanaa, Godinaafi sadarkaa Naannootti qaamolee aangoo da'eeffatanii faayidaa amantaa isaanitiif hojjataniifi hawaasa Magaalaa Gaattiraafi Godina Jimmaa maqaa balleessuu barbaadaniin utubamaa abshir jedhamaa jajjabeeffamaa jiraachuudha.

© Ethio muslim

03/04/2025

Giincii😥

Warreen walqixxummaan amantaafii wal kabajni maal akka ta'e isaaniif hingalle Giinciitti masjiidaaf Lafa awwaalchaa waggaa 40 lakkoofsise humnaan diiguufii fudhachuuf Ustaaza irratti reebicha raawwachuu eegalanii jiru!!

Farreen islaamaa bakka garaagaraati yeroo tokkotti haala walfakkaataadhaan duula hamaa gaggeessuu eegalanii jiru!

Hawaasni keenya Ammas tasgabbiidhaan amantaa xiqqoo yeroodhaaf seera biyyattiirraa qabnutti fayyadamuun Warri badii kana raawwatan seeratti akka dhiyaataniif ergaa kana waliif dabarsaa!!

Rakkoon kun akka irra deddeebiidhaan uumamu kan godhaa jiru qaamni silaa seera kabachiisu gochoota akkasii keessatti ofumaaf hirmaatee argamuu isaati!!

Ammas seerri haakabajamu!!

Giincii😥Warreen walqixxummaan amantaafii wal kabajni maal akka ta'e isaaniif  hingalle Giinciitti masjiidaaf Lafa awwaal...
03/04/2025

Giincii😥

Warreen walqixxummaan amantaafii wal kabajni maal akka ta'e isaaniif hingalle Giinciitti masjiidaaf Lafa awwaalchaa waggaa 40 lakkoofsise humnaan diiguufii fudhachuuf Ustaaza irratti reebicha raawwachuu eegalanii jiru!!

Farreen islaamaa bakka garaagaraati yeroo tokkotti haala walfakkaataadhaan duula hamaa gaggeessuu eegalanii jiru!

Hawaasni keenya Ammas tasgabbiidhaan amantaa xiqqoo yeroodhaaf seera biyyattiirraa qabnutti fayyadamuun Warri badii kana raawwatan seeratti akka dhiyaataniif ergaa kana waliif dabarsaa!!

Rakkoon kun akka irra deddeebiidhaan uumamu kan godhaa jiru qaamni silaa seera kabachiisu gochoota akkasii keessatti ofumaaf hirmaatee argamuu isaati!!

Ammas seerri haakabajamu!!

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ethio muslim posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share