Chora Botor Digital Media

Chora Botor Digital Media Day to Day Information

Oomishaa fi Omishtummaa Dachaan Dabaluun Wabii Midhaan Nyaataa Biyya Keenyaa Nii MirkaneessinaOoisha Misoomaa Boqqolloo ...
02/08/2024

Oomishaa fi Omishtummaa Dachaan Dabaluun Wabii Midhaan Nyaataa Biyya Keenyaa Nii Mirkaneessina
Ooisha Misoomaa Boqqolloo Kilastaraan Aanaa Cooraa Botoritti Misoomaa Jiru.

Badhaadhinni maatii fi biyyaa yoo hojjetan dhugoma!Gofina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti oomisha kilastara boqolloo ganda...
31/07/2024

Badhaadhinni maatii fi biyyaa yoo hojjetan dhugoma!
Gofina Jimmaa Aanaa Cooraa Botoritti oomisha kilastara boqolloo ganda cooraa baggee 01 🙏

Humnoonni Waloo Meeshaa Daandii Milkaa'ina Keenyaati---Ummanni Oromoo sirna jabaa dhimmoota siyaas-dinagdee akkasumas ha...
30/07/2024

Humnoonni Waloo Meeshaa Daandii Milkaa'ina Keenyaati
---
Ummanni Oromoo sirna jabaa dhimmoota siyaas-dinagdee akkasumas hawaasummaa ittiin gaggeeffatu Sirna Gadaa ijaarrachuun barootaaf ittiin bulaafi walbulchaa tureera. Sirna Gadaa jalattis sirnoota ykn jaarmiyaalee adda addaa hariiroo hawaasummaa ittiin qajeelfatu ijaaruun jiruuf jireenya isaa gaggeessaa tureera.

Sirnoota kana keessaa tokko Buusaa Gonofaati. Buusaa Gonofaa sirna wal gargaarsaa ummanni Oromoo yeroo yeroo rakkoon uumamaafi namtolchee muudatu ittiin walbira dhaabbachuun walceesisaa turedha. Sirni kun dhalootaa dhalootatti darbuun tokkummaa ummata Oromoo tiksee har'aan gahuu keessatti iddoo olaanaa qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoottan muraasaa asitti inisheetiiviiwwan duudhaa ganamaatti deebi'uu jedhuun aadaafi duudhaa ummatichaa cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaa tureera. Sirnoota kanas yeroo rakkoo qofa itti fayyadamuu osoo hin taanee faayidaa dinagdeef oolchuun jiruuf jireenya ummatichaa fooyyessuu, sirna cimaa ijaaruufi tokkummaa ummataa cimsuuf hojiirra oolfamaa jira.

Kana milkeessuufis sirnoonni eenyummaa, seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo keessaa maddan bu'uura seeraa akka qabaataniif Sirna Buusaa Gonofaa labsii lakkoofsa 244/2014tin Caffee Oromiyaatiin hundeessuun danda'ameera. Erga sirni kun bu'uura seeraa argachuun hojiirra ooluu eegalee as bu’aa olaanaa galmeessuu danda’ameera.

Buusaa Gonofaa Oromiyaa erga labsiin hundeeffamee asitti turtii waggaa lama keessatti miseensa mil. 24 horachuun bu’aalee fayyadamummaa ummataa mirkaneessaniifi namoota rakkoo namtelcheefi uumamaatiin rakkoof saaxilaman namoota mil.2,120,144 ittiin deeggaruun lubbuu baraaruufi jireenya itti fufinsa qabu akka jiraatan dandamachiisuun danda'ameera.

Kana bira darbees sammuu dhalootaa qaruun dhaloota saayinsiif teknoloojiin gahoome uumuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti nyaata barataatiif tilmaamaan qarshii 8,347,020,800 walitti qabuun hojiin guddaan hojjetamee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo ammaa Buusaa Gonofaa sadarkaa olaanaatti olguddisuun karaa dinagdee Oromoo utubuu danda’uun cimsuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira. Kanaanis, Buusaa Gonofaa dhabbata guddaa dinagdee Oromoo cimsuun sadarkaa addunyaatti beekamuufi abdii miliyoonotaa akka ta’uuf hunduu miseensa Buusaa Gonofaa ta’uun gumaata miseensummaa, gumaata akaakuufi hojii tajaajila lammummaatiin hojjetaman keessatti hirmaachuun dirqama lammummaa keenya bahachuu qabna.

Address

Jimma
1982

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chora Botor Digital Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share