04/02/2025
Dhimma Dirree Dhawaa
- Dhimmii Dirree Dhawaa fanjiiwwan sirni Wayyaanee Oromoofi saboota biroo jiddutti awwaalee biraa kute keessaa tokko ta’uu yeroo heddu dubbachaa turre. Akkuma sirni sun kuteen fanjii san fashaleessuuf carraatu ture. Akkan biyyatti galeen Dirreen jeequmsa keessa waan turteef dhimmootan adda dureen irratti hojjadhe keessaa tokko ture. Marii Aaalimootafi Ugaazota waliin taasiserraahis hubannoo hedduu argachuu dandaheen ture. Dhimma kanarratti, kitaaba Hin Gaabbuu boqonnaa 8.3 keessatti yaaliwwwan taasisaa turre barreesseera.Dubbii Dirree Dhawaas ta’ee kanneen birootiif furmaata waaraa laachuuf fedhii hawaasa gama lamaatiin ture kan danqaa itti uume jaruma 'keenya'. Dhugaa dubbachuuf hoggansi gama Soomalee dubbii Dirree Dhawaas ta'ee kan Mooyyalee mariin furuudhaaf hayyamamoofi qophii turan.
- Dhimma silaa gaafa miirri hawaasaa furmaataaf qophii turee san danqaa itti ta’an amma maaf ajandaa godhan? Murni aangorra jiru kun fanjii Wayyaaneen awwaalte san achuma tursiisanii gaafa barbaachisaa ta’e fayyadamuuf kaayatan. Dhimma ‘seenaa’ Dirree Dhawaa amma dubbii taateen durattis dubbii qoqqotaa turan. Fakkeenyaaf ‘gaafilee Oromoo marii biyyoolessaaf dhihaate’ jedhame keessatti fanjiilee Wayyaaneen awwaalte kan akka Mooyyalee, Harariifi kkf hedduu balballoomsuu yaalanii turan, ummatatu jalaa qabuu dide malee. Akeekni fanjiillee kana tuttuqaniif immoo furmaata itti barbaaduuf miti. Akkuma warra isaan guddisee san madaa tuttuqanii Oromoofi saboota biraa walitti gaarreffachiisaa umrii dheerefachuudhaafi.
- Wanti namni yaadachuu qabu, Dirreen Dhawaa mootummaa naannoo of danda’ee isii bulchuu hin qabdu. Mootummaa Federaalaatiinn kallattiin bulti. Bulchiinsi magaalaa aangoo xinnaa tajaajila hawaasaa laachutti murtaa’e qaba. Magaalattiin galii ofii hin sassaabdu, federaalatu sassaaba. Imaammata diinaggeefi hawaasaas baasuu hin dandeessu. Kanaafuu kantiibaan magaalaa sanii, Dirree Dhawaa “dabarsee kennuu/ gurguruu” dhiisii baajata ishii irrattuu murteessuuf