Maammee Hasan page

Maammee Hasan page Hanga danda'u uummata kootii walabummaa barbaachuu irratti xiyyeeffachuu dhaa kaayyoon Kiyaa kan uummanni kiyyaa barbaadu kana wan ta'eef.....!

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hangaatuu Harargee Hangaatuu Harargee, Ash Raf, Bilaal Or...
21/07/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hangaatuu Harargee Hangaatuu Harargee, Ash Raf, Bilaal Oro, Haider Temame, Ibsaa Oromo Shaw, Darmi Myantri, Gunjo Muhammad, Afreen Khan, Fatima Ahmed, Abbaa Hirkoo, Hasan Umar Walloo, Abdusalam Samman, Kuma Katabe Dima Maaruu, Qorataa Ilmaa Sabaa, Alh Ibrahim Ayuba, Anwar Ahbasabi, Mahamad Abdallaa, Adam Yusuf, Bashasha Gursum, Birra Illu, Muntahaa Adem, Omar Ibn Alii, Ukaashe Jamaale, Qüüftüü Gurbaa Jimmaa, Mahmmed Badri, Yuusuf Tajuu, Hāšāň Šāyīd, Hayelom Tesfay, Sumeya J Ali, አተራማሹ ዱርዬ, الحسين الرشيدي عبيد, የምሪዚቃ ታናሸ ነኝ, Fre Kiflom, Amaxayyiib Kadiir, Hayat Ahmed, ሰይድ ሀሰን, Muhamed Ebrahem Omer, Adem Jemal, Shodde Walloo, Miftaa Caala, Selemon Girma, ሰላሜ ነሽ ድንግል, Qerroo Walloo, Alii Mohammad, Ahimed Aliyyi, Megal Ayenew, Ibrahiim Ahmeed, امكرائض امكاض, Lij Anu, Leenco Abdella thank you so much 🫶

17/08/2022
1.Seenaa Adam Alii Musee    ===================       Adam Alii Musee eenyuu?        ====================Adam Alii Musee...
12/02/2021

1.Seenaa Adam Alii Musee
===================
Adam Alii Musee eenyuu?
====================
Adam Alii Musee uummata oromoo walloo,qeerroof qarree oromoo walloo biratti nama jaallatamaa fi kabajamaadha. Jaal Adam Alii eenyummaa oromoo walloo fi egeree oromoo walloo ijaaruu keessatti qooda guddaa qaba.
Seenaa ijoollummaa Adam Alii
========================
Abbaa isaa obbo Alii Musee fi haadha isaa adde Haaliimaa Abbaa Fooyyaa irraa kaaba walloo aanaa Arxummaa fursii ganda Fursee Murrii iddoo addaa araddaa Murrii jedhamuun waamamu keessatti bara 1974 dhalatee guddate. Achuma mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Bakkeejjaatti barnoota sadarkaa 1ffaa barate. Osoo mana barumsaa sadarkaa 1ffaa barachaa jiruu sirni leellistoota Amaaraa kan godina oromoo walloo uummata gandichaa fi barattoota mana barumsaa sanaa maqaa misooma jedhuun waltajjii waamtee jechoota jibbisiisoo fi kan hamilee ilma namaa tuqu uummata oromoon jette. Jechoota sirnootni dhaadessitoota Amaaraa yeroo uummata oromoo walloo maqaa waltajjii miisoma jedhuun waamtee itti moggaaftu keessaa inni beekamaa fi jibbisiisaan "osoo har'a seeftineetii ykn immoo godeetu jira ta'ee kotota keessan guurtanii ilmaan 10/15niin qaba jettanii yaatu kan jedhu ture. Jaal Adam Alii Musees jechoota gadi aantii Amaarriif sirni Amaaraa oromoo walloof qabdu kana yoo maal goone jijjira yaadni jedhu keessoo isaatti wal nyaachuu eegale. Hiriyyaan abbaa isaa tokko akka naan jedhetti ilaalchi sirnootni nafxanyaa kun uummata keenyaaf qabduu fi tuffii isheen oromoof qabdu ilaalaa waan guddateef barumsa addaan kutee gara manaatti deebi'e jedhan. Gara manaatti kan deebi'es akkuma keenya qotee bulaa ta'ee jiraachuu osoo hin taane haala isaaf aanja'uun uummata isaa ijaaree akka uummatichi roorroo diinaa of irraa qolatuuf akka ta'e dubbata hiriyyaan abbaa isaa kun. Jaal Adam Alii yeroo irraa gara yerootti caasaalee gandaa kan sirna Amaaraa lafa qabsiisuuf deeman waliin wal gaarreffachaa guddate.Yeroo tokkos humni dhaadessituu Amaaraa humnaa ol waan isa hordofteef biyyaaf uummata isaa keessa jiraachuu dadhabee baqattummaan gara biyya Arabaa deemee ture. Achittis rakkoo baqattummaa keessatti haalli osoo isa hin daangessin qeerroof qarree oromoo walloo haala nama ajaa'ibsiisuun ijaaree gara biyyaatti deebi'e. Naannoo jiraatuttis uummataan jaallatamaa fi nama naamusa gaariin guddateedha. Akkuma umurii dargaggummaan guddachaa dhufe,beekumsiif sabboonummaan eenyummaas keessa isaatti guddachuu eegale. Bakka quraana qara'uuttis ta'e iddoo uummatni wal ga'utti sodaa malee dhimma eenyummaa fi hacuucama oromoo walloo irra jiru dubbachuu jalqabe. Caasaan gandaa fi kaabineen ergama Amaaraan bobbaatus yeroo irraa yerootti hordofuu eegalte. Abbaan isaa obbo Alii Musees ilmi isaanii kun sirna gaa'ilaa keessa akka seenu murteessan. Karoorsanii erga itti yaadanii booda intala Mohaammad Haajii umaruu kaadhimaniif. Maaliif intala Mohaammad Haajii umaruu kaadhimaniif? Kunis sababa mataa isaa qaba. Mohaammad Haajii umaruu nama akkamiitii? Seenaa obbo Mohaammad Haajii umaruu barreessuuf osoo hin taane,dhimma jaal Adaam Aliin waan wal qabatuuf xiqqoon waa kaasuu barbaada. Mohaammad Haajii umaruu,Obboleessa jabaa ta'e tokko kan maqaan isaa Ahimad Haajii umaruu jedhamu qaba. Ahimad Haajii kun uummata oromoo walloo keessatti seenaa guddaa fi ajaa'ibsiisaa kan qabu yoo ta'u akkuma gootota oromoo walloo warreen kaanii meeshaa Amaaraan wareegame. Haaxa'ee,maajatee hanga Sanbatee dhuunfate bakka tokkotti bulchaa kan ture nama Ahimad Haajii umaruu jedhamu kana. Namni kun iddoon dhaloota isaa aanaa Arxummaa fursii ganda fursee murrii iddoo addaa araddaa Goolaa/Arjoo jedhamuudha. Jabaa walloon Hasan Ammeetti aansitee biqilchiteedha. Nama kana sirni kamuu lolaan waan dadhabdeef shiirtootaan meeshaa isaa lafa kaa'ee waltajjii aanaa akka seenu itti himame. Abboota amantii warri ofiin jettus ol kaawwadhuu seeni jechuun maqaa rabbiin gaafatan. Yeroo inni meeshaa of irraa hiikuuf dugda isaa naanneeffatu achumatti poolisiin rasaasa itti naquun ajjeefte. Hamileen oromoo walloos gadi cabde.Ooltee bultee sirni Amaaraa kan obboleessa isaa ajjeefte Mohaammad Haajii umaruu bulchaa gandaa taasiste. Maarree garaan haadhaa burreedha akkuma jedhamu obbo Mohaammad Haajiis warra harka isaaniirra dhiigni obboleessa isaa jiru waliin wal ta'ee sabboontoota oromoo walloo maqaa ABO deggertu jedhuun hidhaatti guursisuu eegale. Obbo Alii Musee sababa Mohaammad Haajii umaruutti soddoomaan(jaaloman) kan isaan taasise keessaa inni guddaan akka ilma isaanii jaal Adam Alii darbarsee sirna Amaaraatti hin laanneef ture. Jaal Adam Alii osooma kaadhimummaan jiruu bofni miilla isaa ciniinte. Hawaasni oromoo walloo naannoo sanaas waan danda'uun yaalee fayyisuuf bu'aa ba'ii heedduu taasise. Ifaajjeen haadhaaf abbaa jaal Adam akkasumas ifaajjeen hawaasa
naannoo osoo galma hin ga'iin rarraatee hafte. Dhumarra ogeessotni fayyaas ta'e namootni ogummaa mala aadaanis ta'e saayinsaawaan qaban miilli isaa yoo cite malee lubbuu isaaf iyyuu yaaddessaa ta'uu hubatan. Dadhabbiin maatiis ilma isaanii fayyisuu hin dandeenye. Jabaa uummatni abdatu kunis haala kanaan miilla isaa tokko dhabuuf dirqame. Erga miilla isaa tokko sababa dhibee kanaan dhabee booda intala Mohaammad Haajii umaruu kan kaadhimaa taasifates hin fuune. Obbo Mohaammad Hajiis intala kaadhimummaaf kenneef kana deebisee dhorkate. Abjuu maatiin jaal Adam gara sanan abjootanis hin taane. Oolee bulee jaal Adam Alii akkuma dhibee kanattii fayyeen akka nama qaama hir'uutti osoo hin taane oonneef qalbii guutuun qeerroo bilisummaa oromoo walloo ijaaruu eegalee.dandeettii
Adam Alii qabu keessaa kan baayyee nama oonnachiisu qaama fayyaa qabatanii Amaaraaf sirna waayyanneef warra guggufan mormee sabboonummaa lafa qabsiisuu isaati.Dhalataan gandichaa tokko kan ani maqaa isaa waamuu hin feene jaal Adam Aliin akkas jedhe. Ati qaaman hir'uudha waan taateef maaltu si dhibee jennaan mootummaa mormitaa jechuun gaafate. Adam Aliis deebii akkas jedhu deebiseef ani miilla kiyyaaniin naafadhe ati garuu sammuun naafatte jedheen. Namni kun har'as kaabinee ta'ee biltsiginnaa faana uummata gidirsaa jira. Dhugumatti sammuun naafachuurra du'ani baduutu gaariidha. Akkuma sirni waayyannee lafa qabatee,sabboonummaa oromoo cabsuuf ganamaaf galgala socho'u ilmaan oromoos kallattii adda addaan wal ijaaruun sabboonummaa diriirsuu eegalan. Keesumattuu sirni Amaaraa kan jibbiinsa oromummaa qabu warra garaaf jiraatanitti dhimma ba'ee oromummaa balleessuuf yaalii heedduu taasisuus hin milkoofneef. Ilmaan oromoo kan hiddaaf hundeen isaanii oromummaa irraa biqilte walloo keessatti dantaa eenyummaa keenyaa dabarsinee hin kenninu jechuun siirnoota sadii waliin wal'ansoo wal qabuu eegalan. Sirnootni kunis 1.Sirna Amaaraa
2.Sirna waayyannee
3.sirna fakkeessitoota amantii fi warra hiddi isaanii gar lameetii. As irratti waa baayyee barreessuun ni danda'ama. Ammoo uummatni keenya oromoon walloo dubbii gosaa keessa waan jiruuf rakkoo biraa akka hin uumneef jedheen barreessuu dhiisa. Ani barreessuu dhiisuus seenaan waa heedduu qabatee gaaf tokko ol ba'a.Akkuma sabboonummaan dagaagaa deemeen bitamtootni ruuzii qeerroo adamsuu eegalte. As fakkaattee achi fakkaattee odoo hiixattuu qeerroof qarreen oromoo walloo kan tumsa jaal Haluwaa Huseen fi jaal Adam Alii jalatti ijaaramanii jiran akka bakkalcha barii eenyummaan oromummaa irraa balaqqeessa'uu jalqabe. Bakkalchi eenyummaa kunis bara 2009 A.L.Htti qaanqee faajjii qabsoo oromoo kan ta'e alaabaa Adda bilisummaa oromoo aanaa Arxummaa fursii ganda Fursee Murrii (Amboo xiqqoo) keessatti fannisuudhaan gola diinaa dhiphise. Jaal Adam Alii musee ga'ee ijaarsa sabboonummaa kana keessatti qooda guddaa qaba .Sirni waayyannee rifuurran kan ka'e humna waraanaa guddaa ganda kanatti bobbaase. Onneen qeerramsaa yeroo kamuu qeerramsuma. Sirni waayyannee kan Amaara godina walloon durfamtu kunis akkuma ammaa kana maqaa gosan uummata gidirsuu eegalte. Gosni ilmaan keessan qabadhaa jettee fakkeessitoota amantiitti ajandaa kennite. Jaallan kun kan ijaaraman gosa bakka bu'anii osoo hin taane oromoof oromummaa ofii of dura buusaniiti. Haalota kana keessatti sagaleen midiyaas qabsoof murteesa waan ta'eef qeerroon bilisummaa oromoo kanneen oromiyaa kutaa adda addaa irraa hojiif walloo keessa jiraatan OMN irratti seenaa eenyummaa oromoo walloo fi fiiniinsaa qabsoo akkasumas waajjira waayyannee duratti alaabaan adda bilisummaa oromoo dhaabbachuu gabaasan. Diinaaf rifuu yoo ta'u ilmaan oromoo walloo kanneen koonyaa saud Arabiyaa fi kooyyaa jiisaan jiran You tube fi soshaal midiyaa adda addaa irraa hordofuun sagalee uummata isaanii balballoomsan. Balballoomsuu qofa osoo hin taanes deggeruuf waadaa seenan. Haalota kanaan jaal Adam Alii fi waayillan isaa qabsoo finiinsan.caasaan waayyannee rifuu guddaa keessa seene. Oolee bulees lolli guddaan kan sirnoota Amaaraaf qeerroo bilisummaa oromoo walloo gidduutti baname. Jaallewwaan akka shaafii Shee Yaashiin fa'aa sirnoota waayyannee kan humna waraanaa guddaa qabu waliin hudhanii kokkee wal qaban. Kanneen yeroo sana obbo Mohaammad Haajii umaruu gadi teessisee akka nadhoo ykn dubartiitti reebullee yeroo qabsoon baanbantu kana ool deebi'anii rafu malee falmachuuf hamilee hin qaban. Jaarreen kun har'a immoo biltsiginnaa jala seenanii uummata gidirsaa jiru. Jaal shaafii Shee Yaashiin,Adam Alii Musee fi jaallewwaan heedduu seenaa isaanii barreessee xumuruuf waraqaanuu nan ga'u. Dhumarra erga jaal shaafiin diina raasee rukutamee booda,miilli qabsa'aa fi barsiisaa gameessa Haluwaa Huseen gara sana dhaqqabe. Yeroo achi ga'us jaal shaafiin rukutamee buufata fayyaa seene .Humni kun tarkaanfii fudhachuuf iddoo waraanni waayyannee buufattee jirtutti yoo sosso'uus uummatni keenya oromoon walloo dammaqaa waan hin taaneef gara boodaa deebi'e. Kanarratti shiirtootni amantii fi fakkeessitootni amantii dubbii gosaa eegalan. Abbootni shiiraa kunneen gosa Jaallee.Noolee,Suubbuu fi Furbukkuu walitti qabdee ijoollee keessan bosona jiran hin galchitan yoo taheef ni hidhamtu,masgiidatti hin solaattanii fi manni keessan ni guba kan jedhuun shiira eegalan. Ijoolleen kun yoo galan immoo mootummaan keenya gorsee gadi dhiisa malee waa'uu hin godhu jechuun sheekotni kijibaan uummata garaa bokoksite.Yeroo duraaf shiira kanaan harka kan kenne Mohaammad Ahimad (jaal samsee)ture. Innis yeroosuma ijaaf harka hidhamee gara Qillxoo geeffame. Jaal Adam Alii ani meeshaa koos harka koos diinatti hin laadhu tokko kuffiseen kufa jedhee kutannoon osoo jiruu,sossobbaa namayyoon/firaan meeshaa isaa firatti yoo kennu ,firootni ykn namayyoon immoo jaal Adam Alii harka diinatti dabarsanii kennan. Carraan isaas dhumarra Qilinxoo taate. Jaallewwaan hafan sodaaf rifuu malee qabsootti cichan. Osoo jaal Adam Aliin fa'aa mana hidhaa Qilinxoo jiranii fincilli diddaa master pilaanii fi Fincilli xumura qarbummaa guutuu oromiyaa keessatti dhohe oromoota walloos dammaqse. Jaal Adam Aliin fa'aas bara lama murtii tokko fi badii tokko malee sababa oromummaa qofaan erga hidhamanii booda qabsoo uummatni oromoo taasiseen hiikaman. Jaal Adam Alii erga mana hidhaatii ba'ee boodas manaaf ilmaan koo osoo hin jedhiin aanaalee walloo torban irra deemuun uummata oromoo walloo ijaaruu eegale. Uummata oromoo walloo fi qeerroo bilisummaa oromoo walloo birattis goota jabaa fi gameessa akkasumas kutataa waan dubbaterraa kan duuba hin deebine ta'uusaa namootni heedduun dhugaa ba'uuf. Gootni miilla tokkoon hundee diinaa raase kun dhumarra haala suukaneessaa ta'een harka gantootaatti wareegame.
A.Wareegamuu jaal Adam Alii
=============================
1. Adam Alii Musee goota miilla tokkoon seenaa guddaa dalageedha. Wareegamuu isaan fuula dura yeroo tokko uummata ijaaruuf godinuma walloo keessa gara iddoo biraatti sosso'a osoo jiranii humni liyyuu Hayilii Amaaraa kan meeshaa gurguddaa baattu isaan marsite.Yeroo kana Adam Alii bo'oo lolaa ykn immoo yaatuu bishaanii tokkoon utaala jedhee keessatti kufe.basaasicha akka miiltootti jala deemu tokkoon akkas jedheen " ilaa miilla tokkoon dhiphina hanga kana arguun koo saba keenyaaf jecha malee fayidaa dhuunfaa koof jedhee miti waan ta'eef adaraa jabadhaa jechuun basaasaa kanaaf himaanaa dhaame. Miiltoo isaa kana akka inni baasaasaa ta'e Adam hin beeku ture. Basaasichi kun gosni oromoo walloo lama wal ajjeesee yeroo gosni inni ajjeese baqatu Amaara irraa akka dhalate maanguddoon gosichuma keessaa naaf himte. Namni basasaan kun erga Adam Alii wareegamee booda Amaaratti udduu gatatee sabboontoota heedduu hidhaatti guursise. Ilmaan bofaa bufuma isa oromoon jettus warra akkanaa kanaaf mitiree? Ilmaan bofaa kan hidda firooma amantii fi hidda aadaa oromoo walloo qabdu kun dhiiga qulqulluu dhangalaasisuuf bulchiinsa godina oromoo walloo kan ta'an Ahimad Hasanii fi Ammii Muhee waliin karaa itti sabboontoota oromoo yakkan irratti gandaa hanga aanaa,Aanaa hanga godinaa shiira qopheessuu eegalan. Shiira kana osoo hin kallaqqiin dura Adam Aliif bulchiinsi Ammii Muhee bilbilee yaa dhiiroo kana booda dadhabdeetta uummatni keenyas waa'uu hin hubatu waan ta'eef maaltu si rakkise taa'i maqaa qabsoo jedhus dhiisi ittin jedheen. Itti dabaluudhaan manaaf maallaqa feete nutu siif kenna waan ta'eef dhimuma qabsoo dhiisi sagalee jedhu Adam Aliif hime. Kanaaf ragaan viidiyoos ta'e ragaan namaa jira. Gootni dantaa sabaa fayidaaf hin kenninees murannoof kutannoo isaa jabeessee itti hime. As irratti waa hunda barreessuu dhiifnus ajjeechaa Adam Alii fa'aa keessaa kanneen harka qaban ragaa waliin harka uummata oromoo walloo fi qeerroof qarree oromoo walloo jira.Guyyaa tokko hordofnee seeraaf ni dhiheessina. Gara ijoo dubbii kootti deebi'uuf ilmaan shiiraa kunneen erga sossobbaa maallaqaa fi aangoon dadhabanii booda dhimma oromoo ajandaa taasifatanii yakkuuf karoora qopheeffatan. Shiira kanaan milkaa'uu akka danda'anis irratti waliif galan. Ammas irra deebiin Ammii Muhee fi Ahimad Hasan ,Adam Alii Museef bilbilanii osoo isin jirtanii Amaarri qotee bulaa keenya buqqisee lafa Waladdee irrati gamoo addaa addaa fi loon heedduu furdisaa jira jechuun dhimma sabaa ajandaa taasisaniif. Jaallan kun kiyyoo diinni xaxaa jiru hubachuu dadhabuun isaanii banaa uume uummata oromoo walloo garbummaatti hambisee. Ammii Muhee fi Ahimad Hasan ammas qabsaa'oota Adam Alii fa'aaf irra deebiin bilbilanii nutu haala isiniin mijeessa waan ta'eef qeerroo dammaksaa halkan gara lafa Waladdeetti sosso'aa jedhan. Qabsaa'ootni oromoo walloo kun ammas shiira kana osoo hin hubatiin qeerroo bilisummaa oromoo walloo dammaksuun gara godina oromoo walloo magaalaa Kamisee iddoo waladdee jedhamutti sochii taasisan. Erga bakka sana ga'anii booda eegdoota achi jirtu ari'anii lafa oromoo walloo kan qotee bulaa keenya irraa saamame to'annoo ofii jala oolchan. Miilli basaasaa isaan waliin jirtus viidiyoof sagalee waraabdee yeruma sana buchillota Amaaraa Ammii Muhee fa'aaf ergite. Buchillootnis kunneenis shiirichaan akka milkooftu waan hubatteef humna liyyuu haayilii Amaaraa bobbaaftee qarowwaan kana marsisiifte .Qaroon sabaaf gadi ba'aan kanaaf ilmaan shiirtootaaf liyyuu haayilii Amaaraa gidduutti lolli guddaan baname. Jaallan qeerroo walloo kunneen humna guddaa kana injifatanii gara iddoo irraa bobba'aniitti yoo deebi'an miiltoon qabsoo isaanii qeerroon heedduun ukkaamfamanii hidhaman. Humni diinaa meeshaa gurguddaa fi miilla basaasaa heeddumsifatee hordoffii gaafa eegalu qarowwaan Adam Alii fi jaal Haluwaa Huseeniin durfaman bosona seenanii sagalee balaqqeessa'a maandisuu fakkaatuun diina rifaasisan. Bulchiinsi godinichaa manatti udaanuu fi fincaa'uu eegale. Guyyaa osoo itti hin fudhatiin ammas sheekota hattuu taate qindeessee maallaqa guddaan bobbaase. Sheekoleef maanguddoon ajaja fudhattee bobbaates maqaa rabbiif quraanaan kakuu jalqabde. Jaallewwan kunneenis shiira maanguddummaan bosona keessaa gara magaalaatti ol dacha'an. Sheekoleenii fi maanguddooleen kunneen shiiraaf odoo asiif achi fiigduu guyyaa uummatni oromoo guutuu fi sabboontootni guutuun itti dhaaba Adda bilisummaa oromoo simatan geesse. Jaal Adam Alii fi waayillan isaas guyyaa jal bultii jiilli Adda bilisummaa oromoo Ertiraa irraa gara biyyaatti taasisu sababeeffachuun guutummaa godina oromoo walloo keessatti qophii bareedaa taasisuu eegalan .Daandiwwan adda addaa irrattis booca halluu alaabaa adda bilisummaa oromoo dibaa oolanii galgala sana dadhabanii galan. Bulchiitootni shiiraa kunis jaallewwan kunneen cidha guddaatti qabamanii jiraachuu isaanii hubattee halkan sa'a 10 irraa kaaftee mana qaroowwan kanaa humna waraanaa Amaaraa guddaan marsite erga bulte booda jaal Adam Alii manaa gadi baaftee balbala isaa fi fuula ilmaan duratti rasaasa itti roorbsuun ajjeefte. Jaal Adam Alii Musee bara baraan seenaan ni yaadata. Gantuuf yartuun immoo kunoo hanga har'aa sodaaf dhiphuu guddaa keessa jirti. Ilmaan oromoo heedduun har'as kaayyoo jaallewwan kun irratti kufan galmaan ga'uuf jecha baddaaf gammoojjii kaaba walloo keessatti leellistoota Amaaraa waliin qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiru. Qabsaa'aan ni kufa qabsoon itti fufa kan hayyootni jedhan kunoo walloo keessatti sirna biltsiginnaa hudhee qabee jira!!

19/01/2021

WBON kufee kufissaa takaa yom gadii rafee
Afùuuuuuuuuuuuuufi💪💪💪💪❤💚❤

Iraa baradhaa bayee sin fayidaa 🤞
11/01/2021

Iraa baradhaa bayee sin fayidaa 🤞

Sadaasa 21/2020Godina walloo Aanaa Dawaa caffaa waladde bakka jedhamutti mootummaan Bilxiginnaa ilmaan oromoo nama muhaa...
21/11/2020

Sadaasa 21/2020

Godina walloo Aanaa Dawaa caffaa waladde bakka jedhamutti mootummaan Bilxiginnaa ilmaan oromoo nama muhaamed Ali jedhamuu ajjeesuun nama lama ammoo qabanii hidhanii jiru.

Haga gabrummaan jirutti WBOn jiraHaga wbon jirutti Qawween jira! !!
18/11/2020

Haga gabrummaan jirutti WBOn jira
Haga wbon jirutti Qawween jira!

!!

Address

Kemise
535521

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maammee Hasan page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category