21/10/2022
Hiyyummaa naaf wayya hin jedhin,hiyyummaa irraa maganfadhuu,hiyyeessa ufitti qabi malee!
Eeee
Qabeenna horachuun jibba hinqabu,sahaabaa Nabii keennaa keessaa,hujii isaanii seeraan hojjataa,diin isaanii qaarriffaan qabataa,qabeenna qaban hunda dhangalaasanii diin Rabbii ittiin babal’isaa warri imalan hedduudhaa hubadhu,ati immoo gola keessa teettee,hujii dhiistee,duraan Rabbi natti murteesse jettee,harka marattee teettee,wanti fiddu hinjiruu gadi bahi!
Jaaloo
Jiruun tee yoo ajaja Rabbiitti buluu taate,yoo Nabii Rabbiitii ajajamuu taate,Sahaabaa isaaniitti hidhachuu yoo feete,faana isaanii seeraan hordofii,rakkoo biyya lamaanii,duniyaafi Akiraas nagaa bahi!
Hey
Usmaan bin Affaan,xalhaa bin ubeyidillaah,zubeyir bnul awwaam,Abdurahmaan bin Awf,sa’d bin Abii Waqqas faa fakkeenya sahaabota dureeyyii turaniitii, irraa waa bari!
Obbolaa
Hiyyummaan hin faarfamtu,Nabiin Rabbii SWA irraa maganfatanii beeki!
أنَّ رسولَ اللهِ صلَّى اللهُ عليه وسلَّمَ كان يقولُ اللهمَّ إني أعوذُ بك من الكفرِ والفقرِ وعذابِ القبرِ
Ekaa
ati uf hin dhabin malee,wanti dhabde hundi guyyaa isaa eeggatee gara kee dhufaa obsii fuula kee dura laalaa deemii hujii keetitti cimi!
ila
Hidhaa,dararaa,miidhaa,hisdii,cinqii,rakkoo,gadadoo, naasuu,dhukkuba,gadda,boohicha,gaabbii,jallina tan sitti fiddu Rabbi sirraa haa qabuu,ta tola malee lola sitti hin labsine Rabbi sitti haa qabu,jaamaa jaamaa hordofu Rabbi si hin taasisin,tan har’a fayyaa itti dhabdee funaantee,boru waan funaanteen fayyaa ittiin bitattu Rabbi sirraa haa qabu!