10/09/2025
Simannaan Bara Haaraa 2018 Waajjira Muummee Baankii Oromiyaatti sirna ho’aan Kabajame.
Hojii Raawwachisaa Olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Mokonnin fi Hoggantootni Olaanoo Baankii keenyaa kutaalee hojii Waajjira Muummee Baankii Oromiyaatti argaman hunda qaamaan deemuun ergaa baga geessanii fi kennaa ayyaanaa bara haaraa kennaniiru.
Hojii Raawwachisaa Olaanaan Baankii keenyaa Obbo Tafarii Mokonnin, bara baajata xumurame keessatti bu’aa gaarii Baankiin keenya galmeesseef hojjettoota Baankii hunda galateeffachuun, bara 2018ttis bu’aa gaarii argamsisuuf hojjetaan hunduu ammaa kaasee qindoomina olaanaan hojjechuu akka qabu hubachisaniiru.
Ergaa baga geessanii fi kennaan ayyaanaa bara haaraa Hojii Raawwachisaa Olaanaan baankichaan taasifame kun aadaa dhaabbattummaa Baankii keenyaa ta’uu bira darbee hojjettoota biratti kan haalaan eegamuu yoo ta’u, kunis miira ayyaanaa fi kaka'umsa hojii guddaa uumeera.
የ2018 አዲስ ዓመት አቀባበል በኦሮሚያ ባንክ ዋና መስሪያ ቤት በደማቅ ሁኔታ ተከበረ።
የኦሮሚያ ባንክ ዋና ስራ አስፈፃሚ ኦቦ ተፈሪ መኮንን እና ከፍተኛ የባንካችን የስራ ሀላፊዎች ወደ ሁሉም የባንካችን የዋናው መስሪያ ቤት የስራ ክፍሎች በአካል በመሄድ ለመላዉ ሰራተኞች የእንኳን አደረሳችሁ መልዕክት በማስተላለፍ የአዲስ አመት ስጦታ አበርክተዋል።
ባንካችን የተጠናቀቀዉ የበጀት ዓመት አመርቂ ዉጤት በማስመዘገቡ ለመላዉ የባንኩን ሰራተኞች ምስጋና ያቀረቡት ኦቦ ተፈሪ፤ በ2018 ዓ.ም በሁሉም መለኪያዎች ላቅ ያለ ዉጤት ለማስመዝገብ ሁሉም ከወዲሁ ሊረባረብ እንደሚገባ አስገንዝበዋል፡፡
በየዓመቱ ዋና ስራ አስፈፃሚያችን የሚያስተላልፉት የመልካም ምኞት መልዕክት እና የአዲስ አመት የበዓል ስጦታ ተቋማዊ ባህል እየሆነ በመምጣቱ በሰራተኞቻችን ዘንድ በጉጉት የሚጠበቅ ከመሆኑም በተጨማሪ ልዩ የበዓል ስሜት እና የስራ መነቃቃትን ፈጥሯል።
2018 Ethiopian New Year was colorfully celebrated at Oromia Bank’s Head Office.
On the eve of the 2018 Ethiopian New Year, our Bank’s CEO, Obbo Teferi Mekonnen, together with senior management, visited every department at the Bank’s headquarters to share greetings and give New Year’s gifts.
Obbo Teferi thanked all employees of the Bank for last year’s profit and urged everyone to work with high motivation and unity to achieve excellence in the 2018 Ethiopian new Year.
This gesture has now become a tradition at Oromia Bank. Our emplo