Gamachu Yohanis

Gamachu Yohanis Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gamachu Yohanis, Digital creator, Meki, Mek'i.

Boru Akkamumatti mana bana, ammaa Da'immaan nuun tessisftu,
23/03/2026

Boru Akkamumatti mana bana, ammaa Da'immaan nuun tessisftu,

21/08/2025

“The Nicest Jugde in the World”

Addunyaa kanarraa namoonni baay’een waan ittiin beekaman qabu. Kaan qabeenyaan beekama, kaan immoo barnootaan beekama. Kaan kalaqaan beekama. Kaan immoo fiigichaan, kubbaafi teenisii taphachuudhaan beekama. Kaan qeensaafi rifeensa dheerefachuudhaan beekama. Kaan immoo gara jabummaadhaan (ajjeesuu, cabsuufi balleessuu fa’iin) beekama.

Abbaa seeraa Frank Caprio’n garuu gara laafummaafi namummaadhaan beekama. Namni namaaf yoo tole, yoo garaa laafe, yoo wal danda’e, yoo wal hubateefi yoo irra waliif darbe addunyaan kun akkam bareeduu akka dandeessu agarsiise namni kun.

Frank Caprio’n waggaa 38’f abbaa seeraa ta’ee hojjechaa ture. Keewwata seeraa caalaa gara laafummaatu nama barsiisa jedhee amana. Seenaa nama baay’ee jijjiire. Imimmaan nama baay’ee qoorse. Ergaa namummaa baay’ee dhaame. Namni namaaf gaarii ta’uu qaba jedhee barsiisee - hojiidhaanis agarsiise!

Gochaa isaa kanaan akka addunyaattuu, “The Nicest Jugde in the World” jedhamee beekama.

Dhukkuba cancer isa mudateen kaleessa boqote.

Rest In Peace💔

Murtoo du’aatiin adabamee jira. Mee waan uummanni keenya itti jiru kana dubbisaa! Kan nuti hin argine, kan nuti hin dhag...
19/08/2025

Murtoo du’aatiin adabamee jira.

Mee waan uummanni keenya itti jiru kana dubbisaa! Kan nuti hin argine, kan nuti hin dhageenye gochaa sukkanneessaa meeqatu Oromiyaa keessatti raawwatamaa oola!

Himatamaa 1ffaa: Saajin Shawaaqannaa Mogos
Himatamaa 2ffaa. Goobanaa Gabbisaa

Godina wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo Noolee Keessatti himatamaan 1ffaan miseensa poolisii ta’e yeroo tajaajila turee fi himatamaan 2ffaan Manajaara Ganda Qoree Kookir ta’e yeroo hojjechaa turetti:-
Rakkoo nageenyaa aanichaa keessa jiru qabata godhachuudhaan gaaftokko halkan mana nama dhuunfaa deemuun ijoollee dubaraa umuriin isaanii waggaa 18 gadii ta’e lama fudhatanii bahan. Obboleessi shamarran kanaa dargaggoon tokko duubaan duukaa bu’ee hordofee mana isaan itti geessan arge. Achii booda gara manichaa dhaqee maaliif as fiddan jedhee gaafate. Yommuu kana miseensa poolisii kan ta’e himatamaa 1ffaan gurbaa kana jilbeenfachiisee meeshaa kilaashiin addarra rukkutee erga ajjeesee booda, shamarran lamaan kutaa garagaraa keessa turan gadi baasee ishee tokko qaama saalaa ishee keessa rasaasaan rukkutuun - ishee tokko immoo cinaacha ishee keessa rasaasaan rukkuteen ijoollee obbolaa sadii yeroo tokkotti maatii tokko keessaa bakka tokkotti ajjeessuun waliigalatti himata yakka ajjeechaa sadii (3) fi yakka malaamaltummaa kudha jahaan (16) himatame.

Manni Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Lixaa falmii bitaafi mirgaa erga dhaggeeffateen booda dhaddacha gaafa 13/12/2017 ooleen yakkamaq ta’uu isaanii mirkaneessuun;
Himatamaa 1ffaa murtii du’aan adabee jira Himatamaa 2ffaan yakkaa nama ugguruun isa waliin himatamee hidha cimaa waggaa 2(lama) adabamee jira. (kan isa 2ffaa kun ni xiqqaaten jedha ani)

Abbootiin alangaa dhimma kana seeratti fiddan, akkasumas Manni Murtii Olaanaa Godina Wallaggaa Lixaa guddaa galatoomaa!

Yohanis
Follow share this post

Maqii,Hagayya 12,2017 (MTA) Oduu Gaddaa!Hojjataa Waajjira Daldalaa,Carraa Hojii Uumuu fi Invastimentii Bulchiinsa Magaal...
18/08/2025

Maqii,Hagayya 12,2017 (MTA)
Oduu Gaddaa!

Hojjataa Waajjira Daldalaa,Carraa Hojii Uumuu fi Invastimentii Bulchiinsa Magaalaa Maqii kan ta'an Obbo Roobaa Huseen dhukkuba tasaa isaan mudateen Hagayya 12,2017 du'aan addunyaa kana irraa boqotaniiru.

Obbo Roobaa Huseen gaa'ela godhachuun abbaa maatii 2ti.Bara jireenyaa isaanii keessatti hamma guyyaa addunyaa kana irraa darbuutitti nama hojii isaa jaallatu,nama namuusa gaarii qaban ta'uu isaa hiriyoonni isaa ragaa bahu.

Sirni awwaalchaa Hagayya 13,2017 guyyaa Kibxataa mana amantaa Masarata Kiristoos magaalaa Maqiitti sa'aatii 6:00 irratti waan gaggeeffamuuf firri,hiriyoonni fi namoonni isa beektan hundi akka irratti argamtanii sirna gaggeessaa taasiftan maatiin isaa dhaameet jira.

29/07/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Gag Rar Gag, Dirree Guddaa, Galaanaa Galchuu, Falmataa Fayyera, Wiz Kelifa, Koisan Tadelee, Alaja Ya Wan Ofii, Misgoo Fayisaa, Aco Hace Yadata, Tesfa Debasa, Milkii Gurachaa Gujjii America, Luce Tek, Wa Wandimu Tadele Eimre, Derara Elias, Tolera Fituma, Abera Risa, Samuel Kasaye, Gurmmeessa Galchuu, Endale Bogale, Misganu Asafa, Hiikaa Desa, Habtamu Bekkele, Ababa Dinqa, Efa Bacha, Ayantu Bikila, Aliyyii Qaasim, Bekele Tariku Beyana, Liyaan Sanyii, Getuu Shuumaa, Misgana Yadessa Kaba, Sabom Gemeda Asefa, Zaaraa Ittaana, Sara Habtaamu, Addamuu Gobanaa, Dinqituu Kaasahun, Hel M, Gemechis Birr, Dabo Ab-gudo TB, Fraol Girmaa, Bushaa B Fiixaa, Carraa Gaarii, Bilisee Denbalaa, Sami W Lixa, Dawit Tasfyee, Sifan Teshoma, Sanyii Etefa, Hney Taresa, Ebisa Shuma, Lammii Tashome, Ayantu Hundesa

Address

Meki
Mek'i

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamachu Yohanis posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share