17/10/2025
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hoggantoota olaanoo mootummaa biroo waliin ta’uun Loojii Diinshoo ijaarsarra jiruufi naannawaa isaa akkasumas lafa margaa Geesee daawwatan.
Paarkiin gaarreen Baalee Finfinneerraa kallattii Kibba Bahaatti fageenya kiiloomeetira 400 irratti argamu kun bal’ina iskuweer kiiloomeetira 2000 qaba.
Paarkichi gaara Itiyoophiyaarraa olka’iinsaan sadarkaa 2ffaa irratti argamu dabalatee haala teessuma lafaa dinqisiisaa, bineensota bosonaa, bosona, lafa margaa fi mukkeen gosa garaagaraa qabaachuu isaan “ Paarkii tokko keessa addunyaa garaagaraa” jedhamee waamamuurra kan gahee dha.