ABBAA MALAA PAGE

ABBAA MALAA PAGE Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ABBAA MALAA PAGE, Digital creator, Melka Oda.

03/02/2025

***Waa sadi hanga du’aatti:-
1. Beeltii dheebuun keessa jirtu.
2. Rukkuttaa haaloon keessa jirtu.
3. Jaarsummaa dhibeen keessa jirtu.
***Waa sadii nama sadiif mamaadha:-
1. Akka goonni lolu, luuynaaf mamaadha.
2. Akka qaroon qaru, wallaalaaf mamaadha.
3. Akka arjaan kennu, doynaaf mamaa dha.
Waa sadi, waa sadiif sodaadhu:-
1. Horoqa/holqa mukaa, bofaaf sodaadhu.
2. Beekee nama hin dhiisu, gowwaa dubbiif sodaadhu.
3. Obboleeyyan walitti mufate, garaa haadhaa
sodaadhu
*** Dhiirti waa sadi dandeessee, waan sadi
dadhabde:-
1. Bilaaluu gurguddoo keessa deemteeti,
cirracha tokko kan kophee keessa seene
dadhabde.
2. Rooba guddaa keessa deemteeti, dhimmuu
mana takka obsuu dadhabde.
3. Waan abbaa duubaa dandeessee, waan
abbaa biraa dadhabde.
*** waan sadi si haa bararu:-
1. Qoree dhoqqee keessaa si haa baraaru.
2. Abaarsaa jaarsaa du’aaf deemu si haa
baraaru,
3. Jecha niitii/jaartii obboleessaa si haa
baraaru.
***Abaarsi jaarsoolee sadi:-
1. Itillee dhabi.
2. Soora/nyaata dhabi
3. Dhugaa dhabi.
***Waa sadi, waa sadiif sodaatan:-
1. Lafa diida gammoojjii, aduuf sodaatan.
2. Lafa hurrumaa, qoreef sodaatan
3. Qormaata qaroo, dubbiif sodaatan.

***Waa sadi, waa sadiitu irra jira/irra
caala:-
1. Nama biyya/mana hin qabne, shimbirrootu
irra jira.
2. Nama kabajaa/galata hin qabne, harreetu
irra jira.
3. Nama hijaa/haaloo hin qabne, sareetu irra
jira.
***Waa sadi deemsaan, sadi ammoo
taa’umsaan tola:-
1. Hayyuun deemsaan, gowwaan taa’umsaan
tola.
2. Dhiirri deemsaan, dubartiin taa’umsaan
tolti.
3. Bishaan deemsaan, ibiddi taa’umsaan tola.
***Deega sadii naman mudiin:-
1. Deega gudeedaa,
2. Deega afaanii.
3. Deega qabeenya.
***Waa sadi abbaa itti yaaman, sadi ammoo
ambaa itti yaaman:-
1. Maraataa abbaa, Heera gale amba itti
yaaman,
2. Dubra heeruma geesse abbaa, Harka bade
amba itti yaaman,
3. Sa’aa dulloome abbaa, Nama du’e amba
itti yaaman.

24/01/2025

Hogganoonni raayyaa ittisa biyyaa lolli akka dhaabbatu waywaachuu itti fufan

Lola dhumni isaa hin beekamne, lola dhuma hin qabne kan lubbuu isaanii gaaga'a jiru gaggeessaa akka jiran kan hubatan loltoonni mootummaa, waraanni akka dhaabbatu gaafatan.

Hogganoota raayyaa ittisa biyyaa keessaa tokko ta'uun ishee kan himamu dubartiin suurri ishee mul'atu kun waggoota arfan darban haala hamaa keessa dabarsuu dubbatti.

"Waggaa arfan kana miseensi keenya bishaan qabbanaa'aa argee hin beeku, uffata jijjiiratee hin beeku" jetti. Haalli kun asumatti akka dhaabbatu hawwii qabdu dubbatti. Har'as taanaan aarsaa kaffalaa akka jiran himti.

Lola Oromiyaa keessatti gaggeeffamuun loltoonni raayyaa itti biyyaa kumootaan lakkaa'aman dhumuu akka hin oolle himama. Duraan beeksisa baasuun humna barate simataa kan ture manni leenjii waraana Itoophiyaa, har'a isa barnoota hin qabneyyuu dhabeera.

Fedhiin miseensummaa isaatti dabalamuu gufateera. Inumaa waraana mootummaa ijaan arguun hawwaasa hanga jibbisiisetti adeemuu isaa Birgaader Jeneraa Kabbadee Raggaasaa dubbateera. Amma lolli akka dhaabbatu fedhii qaban ibsataa jiru.

  Wbo Zoonii Kibbaa Nanawa Aanaa qarcaa,Aanaa Malkaa Sooddaa  keessatti Diina kokkee qabaa jirtanu hundaafiDiini yeroo A...
04/06/2024

Wbo Zoonii Kibbaa Nanawa Aanaa qarcaa,Aanaa Malkaa Sooddaa keessatti Diina kokkee qabaa jirtanu hundaafi
Diini yeroo Amma Aanaa qarcaa ,Aanaa birbisa kojowaa, Aanaa Malkaa sooddaa irra gara iddoo Laga shaaru, Xuuxa. Dabbaqaa, Sookkee mazooraa, Fi Sookkeeti waan Wal guuraa jiruufi qophiin turaa.
Injjifannon wbof oromiyaan biyya ❤️ 💚 ❤️

Haqa haqaaqamu dide!-------------------------------------Ijoollee kiloo 6tti saayinsii fi siyaasa qortomsitee nyaatte ba...
24/04/2024

Haqa haqaaqamu dide!
-------------------------------------
Ijoollee kiloo 6tti saayinsii fi siyaasa qortomsitee nyaatte baate, namichi kolleejjii Microlink irraa digirii hate, ololaan moo'uu barbaada.

Dubbitu akkasi: Jalqaba hiikkadhaa galaa jedhan, ni didame. Shan taate qawwee caccabaa battee yaati jedhan. Tuffii eegalan. Xiiqiin damma irra mi'oofti mitiiree. Ijoolleen mataa guduruu wal-leenjisanii, wal-horanii, lalisanii, kuma 50'n gadi itti bahan. Biltsiginnan kana yoo argu ni rifate. Humnaan balleessina jechuun dhaadate. Opireeshinii garaagaraas gaggeesse. Garuu ni dadhabame.

Achii ololli bifa garaagaraa kan marsaa hedduu of keessa qabu eegalame. Kunis ni kufe. Achii galaanicha gogsinu malee qurxummicha balleessuun hin dandahamu jedhanii dhaadatan, garuu kunis kufaa ta'e. Kun seera uumamaa dabsuu yaaluu dha. Qurxummiin galaana malee jiraachu hin dandahu. Seera uumamaa kana ammoo dabsuun hin dandahamu. Galaanni didee qurxummii ofitti hammate.

Itti aansuun, nuti araara barbaanna garuu shaneen tokkummaa hin qabdu, hogganaas hin qabdu akkatti waliin mariihannu dhabne jedhanii watwaatan. Olola kanas addunyaa maratti facaasan.Sunis fudhatama dhabe. Ijoolleen mataa daabee hoggansaa fi tokkummaa akka qabdu itti agarsiifte. Marsaa 2f ijibbaata goote. Hinumaatu Gidaami haga Taanzaaniyaa imaluun kutannoo nagaa fi araaraaf qaban agarsiisan. Murannoo araaraf qaban kanas aarsa kafaluun agarsiisan. Siyaasa fi saayinsii toora galchani himuun, qaama 3ffaa maree araaraa sanarratti argame mara ajab gochisiisan. Kadireen keeyyata heerarra jiru tokkolle deebisuu fi himuu dadhabde. Lafa seentu dhabde. Ijoolleen siyaasa idil addunyaa toora galchite lafa naqxe. Kana gaafa argan baqatanii galan.

Amma marsaa isa dhumaaf ijibbaata godhaa jitu. Ololo miidiyaa. Raayyaa miidiyaa, gaachana sirnaa fi waan of harkaa qaban maraan ijibbaata godhaa jiru. Inni kun ammoo osoo hin eegalin kufe.

Tokkummaan ijoollee mataa daabee daranuu ni jabaate. Kutaa waraana ijaaran. Wal-dhageetti c

Bara keetitti: Waan baay'ee hojjatteerta. Waan hin ta'amu jedhamee yaadamu baay'ee taasisteerta.Amma wanti biroo hafee, ...
22/04/2024

Bara keetitti: Waan baay'ee hojjatteerta. Waan hin ta'amu jedhamee yaadamu baay'ee taasisteerta.
Amma wanti biroo hafee, lubbuun jiraattee hardha ga'uun keetuu waan guddaadha!

Ammas jiraadhu, iddoodhuma jirtutti nagaa qabaadhu!

Imaltoota kaayyooJaallan daandii haqaaWarra hin fudhanneWaan shiraafi raqaaJaallan dirree qabsootii diina kuffisanii kuf...
22/04/2024

Imaltoota kaayyoo
Jaallan daandii haqaa
Warra hin fudhanne
Waan shiraafi raqaa

Jaallan dirree qabsootii diina kuffisanii kufaa jiran.

Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa

Taargaa  konkolaataa Garba hanga Bulee Horaa hojjacha jiru  kan Labsii Ugguraa fudhachuu dide. ~16883~81227~02616~40990~...
16/04/2024

Taargaa konkolaataa Garba hanga Bulee Horaa hojjacha jiru kan Labsii Ugguraa fudhachuu dide.

~16883
~81227
~02616
~40990
~66401
~81257
~51798
~64757
~73939
~58214
~35084
~10274
~46213
~31289
~56264
~39876
~22087
~15412

Shufeeronni ykn konkolaachiftoonni shaarmuxaa Waliin hoteelaa keessaa dhiichiftan waa'ee uggurichaa qulqulleeffadhu!Ani ...
15/04/2024

Shufeeronni ykn konkolaachiftoonni shaarmuxaa Waliin hoteelaa keessaa dhiichiftan waa'ee uggurichaa qulqulleeffadhu!
Ani hin dhageenye dhugaa waaqaa, dhugaa garbeelii fi Wallaayi kan jedhu sun hin hojjetu beekaa.
Dibaa mukaa fi dhagaa miti rasaasaan tarkaanfiin fudhatama.
Uggurichi wanti adda isa taasisu balaa gurguddaa baatee namoota heedduu dubbisa keessattuu abbootiin qabenya Magaalaa Fincawaa 🚍🚌🛻.

01/04/2024

OROMOON NI BILISOOMTII🤸🏌️🤼🎉

Address

Melka Oda

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ABBAA MALAA PAGE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share