Megarsa Hamid

Megarsa Hamid Kaayyoo qabaannaan ni geessa bakka barbaadde💪

03/06/2023

Hayyuu akkanaa qabaachuun qabeenya, hayyuu akaanaa qabaachuun jabeenya, hayyuu akkanaa dhabuun tiqqeenya!

Hayyuun hawaasa isaatiif mataadha, hawaasni qaama, qaamni mataa hin qabne akkuma jiraachuu hin dandeenye hawaasni hayyuu hin qabnees kabajamee jiraachuu hin dandeyu.

Hawaasni tokkummaaf dammaqa qabu hayyuu isaa tiiyfateeti jiruu leencaa jiraata,
Hawaasni wallaalaa fii faca'a qabu hayyuu isaa nyaateeti saree alagaatiin nyaadhamee jeedala tahee jiraata!

Hayyuun gaaddisa guddaadha, ummanni biqiltuu titiqqoodha, biqiltuun titiqqoon gaaddisa muka guddaa jalatti jiraatti, gaafa gaaddisni guddaan san irraa jige aduun itti baati.

Hayyuu arkachuutu jabaata malee dhabuun laaftuudha, Hayyoota qabdan jabeeyfadhaa.

Kanniisni mootii isaa kabajeeti gaaguratti galee daraaraa adda addaa irraa deeyma bareedaa san demmeeysee nu badhaasaa jira, Tiitichi mootii isaa ajjeeseeti dikee fii balfa gandaa gubbaa waan tortoree fii raqa nyaachaa jira!

Hayyoota keenya kan bahaa dhiha jiran umrii isaanii nuuf haa dheereysu.

28/05/2023
28/05/2023

jaala jiruu tiyya
Haati mana kooti
Hundee biqilchituu
asara kiyya ati
ja'eetiin filadhee
An waa goomtu nattii !!!!!!

28/05/2023


Biyya Muslimni keessa jiraatutti, magaalaan Masgiida malee jaaramuu hin dandeessu !

13/05/2023

Marxoon nuuf uffata malee Aadaa qofaa miti

Address

East
Mesela
M.H

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Megarsa Hamid posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Megarsa Hamid:

Share