Megarsa Hamid

Megarsa Hamid Kaayyoo qabaannaan ni geessa bakka barbaaddeđź’Ş

03/06/2023

QOFUMMAA fi MIIDHAA ISAA
**************
Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. Tokko dhugumaan, namoota irraa qaamaan adda ba’anii jireenya qofaa jiraachuu yoo ta'u, inni biraan utuma namoota wajjiin jiranii hiriyaa dhugaa /aantee dhugaa/ kan miira ofii hiraniif dhabuun miira qofummaan guutamuu dha.
Lachuu qofummaadhuma, miidhaa qofummaan namatti fidu hedduudha. Kanneen armaan gadii miidhaalee qofummaa keessaa muraasa:

*****************************
● Umurii namaa ni gabaabsa: Carraan umrii malee du’uu isaanii kannneen hariiroo fayyaaleessa namoota waliin qabaniin yoo madaalamu kan namoota qofummaan jiraatanii daran dabala.
â—Ź Humna dhibee ittistuu qaamaa ni dadhabsa.
● Fayyaaleessumaa soorataa ni hanqisa. Namoota qofummaa qaban waanuma argatan waan soorataniif carraan nyaata madaalamaa argachuu isaanii ni hir’ata.
● Dhibee mukuu/gadddabuu (depression) fi muddama (stress) nama saaxila. Dandeettii mukuu/dhiphuu dandamachuu namaa illee ni hir’isa.
â—Ź Araada gara garaaf nama saaxila.
â—Ź Hariiroo hawaasumma daran nama harkaa balleessa.
â—Ź Carraa of ajjeesuu namaa ni illee ni dabala.

******************************
(Dr. Dawit, Speeshaalistii Dhibee Sammuu)

03/06/2023

Hayyuu akkanaa qabaachuun qabeenya, hayyuu akaanaa qabaachuun jabeenya, hayyuu akkanaa dhabuun tiqqeenya!

Hayyuun hawaasa isaatiif mataadha, hawaasni qaama, qaamni mataa hin qabne akkuma jiraachuu hin dandeenye hawaasni hayyuu hin qabnees kabajamee jiraachuu hin dandeyu.

Hawaasni tokkummaaf dammaqa qabu hayyuu isaa tiiyfateeti jiruu leencaa jiraata,
Hawaasni wallaalaa fii faca'a qabu hayyuu isaa nyaateeti saree alagaatiin nyaadhamee jeedala tahee jiraata!

Hayyuun gaaddisa guddaadha, ummanni biqiltuu titiqqoodha, biqiltuun titiqqoon gaaddisa muka guddaa jalatti jiraatti, gaafa gaaddisni guddaan san irraa jige aduun itti baati.

Hayyuu arkachuutu jabaata malee dhabuun laaftuudha, Hayyoota qabdan jabeeyfadhaa.

Kanniisni mootii isaa kabajeeti gaaguratti galee daraaraa adda addaa irraa deeyma bareedaa san demmeeysee nu badhaasaa jira, Tiitichi mootii isaa ajjeeseeti dikee fii balfa gandaa gubbaa waan tortoree fii raqa nyaachaa jira!

Hayyoota keenya kan bahaa dhiha jiran umrii isaanii nuuf haa dheereysu.

28/05/2023
28/05/2023

NAMOOTA HIRRIBNI DIDEEF
Waantoonni armaan gadii kun isin gargaaru.
**************************
1. Sa’atii walfakkaataatti gara siree ba’aa.
2. Ciisuu keessaniin dura aannan ho’aa dhugaa.
3. Bishaan ho’aan qaama dhiqadhaa ciisaa.
4. Kitaaba dubbisaa ciisaa.
5. Sa'aatii ammaa ammaa hin ilaaliinaa.
6. Nyaata baay’ee yokaan ulfaataa ciisuu, keessaniin dura hin nyaatiinaa.
7. Muuziqaa waan sagalee qaban of irraa fageessaa.
8. Bakkeewwa hedduu jaallattan suura isaanii maxxanfadhaa.
9. Ifa mana ciisicha keessaa balleessaa.
10. Bunaa fi waantoota isa fakkaatan ciisuun dura hin fudhatinaa.
12. Rafuun dura sochii qaamaa taasisaa.
**************************
Fayyaan Faaya

28/05/2023

jaala jiruu tiyya
Haati mana kooti
Hundee biqilchituu
asara kiyya ati
ja'eetiin filadhee
An waa goomtu nattii !!!!!!

28/05/2023


Biyya Muslimni keessa jiraatutti, magaalaan Masgiida malee jaaramuu hin dandeessu !

13/05/2023

Marxoon nuuf uffata malee Aadaa qofaa miti

13/05/2023

Bubuqqa'uu rifeensa mataa maaltu fiduu danda'aa?

1. Fangasii buqqee mataa hubu (Tinea capitis).

2. Miidhama rifeensa mataa irra ga’uun (fkn:- ho’a guddaa, keemikaalota garagaraa dibachuu, humnaan harkifamuu/micciiramuu rifeensa mataa).

3. Sirni dhukkuba qaama keenyarraa ittisu ykn maadinummaan (Immunity) keenya nutti deebi’uun rifeensa nurraa buqqisuu danda'a (Alopecia
areata’)

4. Mallattoolee dhukkuba biraa keessaa tokko ta'ee mul'achuu danda'a (fkn:- Dhibee xannacha, Taayirooyidii, hir’ina Pirootiinii fi Aayiranii).

5. Miidhaa qoricha fudhatamu biraan dhufu (drug side effects), kanneen akka qorichoota farra kaanserii.

***********
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

13/05/2023

Fayyaa "TIRUU" Keenyaaf:

1. Dhukkuba vaayiresota tiruu ofirraa ittisuu, kunis qulqullina naannoof dhuunfaa eeguudhaan (Hepatitis A ittisa), walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa fagaachuu (hepatitis B fi C ittisa), qoratamanii ilaalamanii talaallii fudhachuun (hepatitis B ittisa) ta'uu mala.

2. Qorichoota ajaja ogeessaa fayyaa malee sababa gara garaaf (keessumaa dhukkubbiif) fudhatam yeroo hedduu fudhachuu irraa of qusachuu (Miidhaa tiruu "Drug induced hepatitis" waan nutti fiduuf).

3. Diina tiruu kan ta'e Alkoolii kam irraa fagaachuu (Dhukkuba tiruu "Alcholic liver disease" waan nutti fiduuf).

4. Nyaata cooma hedduu of keessaa qabu nyaachuu dhiisuu fi sochii qaamaa sirriitti taasisuu (Ulfaatinni humnaa olii dhukkuba tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamu waan nutti fiduuf).

5. Qorichoota aadaa kan hagi isaanii (dose) hin beekamne irraa of qusachuu.

6. Buna dhuguu! Qorannoowwan hedduun fi kitaaboonni fayyaa buna dhuguun fayyummaa tiruu keenyaaf hedduu gaarii akka ta'e ibsu, keessuma gosa dhibee tiruu "Non Alcoholic Fatty Liver Disease" jedhamuuf.

-----------------------------
"Fayyaan Faaya" liver health

Address

East
Mesela
M.H

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Megarsa Hamid posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Megarsa Hamid:

Share