31/03/2026
Jireenya biyya lafaa kana irratti dandeettii kee fi dhamaatii kee caalaa,yeroo fi bakki dhaloota kee murteessaadha!!
Dandeettiin keetiif dhamaatiin kee bakka hawwii keetiin si gahuuf yaalii ni taasisa, ta'us ati milkaa'ina kee isa dhumaarra gahuuf CARRAA wanti jedhamus si duukaa jiraachuu qaba!!
CARRAA'n kun immoo bakka dhaloota keetiifi yeroo dhaloota keetii akka gaariitti siif murteessa!!
Akkuma "abbaa gaarii dhalachuurra,carraa gaarii dhalachuu wayya" jedhamu....jireenya biyya lafaa kana irratti carraa'n jireenya kee guutummaa guutuutti ni jijjjiira!!
Kana wanti'n kaaseef waa'ee Rodri kana ilaaleeenu!!
Rodri'n taphataa sarara gidduu cimaa fi dandeettii qabu ta'uu ni beekna!!
Akkasuma yeroo gaarii gara kubbaa miillaatti dhufee gahumsa gaarii agarsiisuunsaa akka milkaa'inni isaa firii gaarii godhatu isa gochuun milkaa'ina isa dhumaa kan jedhamu injifataa ballon d'or isa taasiseera!!
Haa ta'uyyuu malee taphattoonni seenaa kubbaa miillaa keessatti jijjiirama fidan,akkasuma kubbaan miillaa haala kanaan kunuunfamtee akka dhaloota ammaa kana bira geessuuf taphattoonni gahee olaanaa taphataa turan, milkaa'ina Rodri'n argate kana argachuun jaraaf malu ture kanneen akka andres iniesta,sargio busqet,toni krooss, Patrick viera,..fi kkf utuu hin argatin hafan!
Kunimmoo dandeettiin jaraa injifannoo ballon d'or iif gahaa ta'uu baatee osoo hin taane,namoota lama addunyaa kubbaa miillaa dhuunfatanii turaniin dhidhimfamaniiti!!...innis jaarraa Ronald fi Messi keessa dhalachuu jaraati!!
Messi fi Ronaldo'n waggoottan 16'f addunyaa kubbaa miillaa dhuunfachuun kan jaraa qofa godhatanii turani!!...yeroo sanatti eenyuyyuu osoo jiraatee homaa gochuu hin danda'u!!
Ammatti dhaloonni sirna gita bittaa Ronaldo fi Messi jalaa waan baheef, mirga ofii ofiin murteeffachuuf carraa argatee jira!!....
Kan isiniif qopheesse an ...... Kabiru ..... Add ergachuun maatii haa taanu๐ฅฐ๐ฅฐ