Dambi Dollo Institute college

Dambi Dollo Institute college Oromia region main compus

Footoo(picture) Arman gadi kana namni jaallatuf beeku hundi LIKE ITTI ROOBSICarraa kanatti akka fayyadamne namoonni nu j...
16/09/2025

Footoo(picture) Arman gadi kana namni jaallatuf beeku hundi LIKE ITTI ROOBSI
Carraa kanatti akka fayyadamne namoonni nu jaallattan peji kana like na godha yoo jibbitanille like gochu hin dhisinaa caarra ultra kana akka nun dabarsinee like qofaan kabajaan isinin jedha hordoftoonni keenya Marti galatooma waan nu deggartanif.
Qubee Electronics
Dorgommiin keenya ifatti eegaleera!

Akkuma beeksisa keenya jalqabaarratti isin hubachiifnee fi waadaa galle, badhaasa waldorgommii gosa 3 (sadi) hammatee fi qophaa'e ifatti eegalleerra. Itti dhiyaadhaa!

Meeshaa/badhaasa qophaa'e;
▪Bilbila SAMSUNG GALAXY S25 ULTRA qarshii 150,000 baasu
Inni kun warra reaction/like -dhaan caalaaniif 1ffaa bahaniif qophaa'e.

Ulaagaa dorgommichaa;
WARRA BAAY'INA REACTION/LIKE 'tiin dorgomuu barbaadaniif;
1.Maxxansa kana 'account facebook' kee jalatti share goota.
2.Ergaa barreeffama armaan gadii kana kan waa'ee "Qubee Electronics" irratti barreeffame kana 'account facebook' kee jalatti garagalchuun (copy paste) gochuun maxxansita/post goota. Sana booda akka hiriyoonnikee react/like siif godhan affeerta. Barreeffamni waa'ee Qubee Electronics ibsu kan ati 'timeline' kee jalatti 'post' gootu kan armaan gadii kana.
Ergichi kunooti;👇

"Qubee Electronics giddugala gurgurtaa meeshaalee elektirooniksii yoo ta'u, Computer, Laptop, Tablet, Bibiloota smart ta'anii fi aksaseeroota garaa garaa orjinaala isaa amanamummaadhaan isiniif dhiyeessa. Biiroleef, bakkeewwan hojii dhuunfaaf, barsiisota, barattootaa fi daldaltootaaf meeshaalee elektirooniksii armaan olitti caqafaman bakka jirtanitti ni dhiyeessa."

Teessoon;
LAKK-1
Finfinnee, Boolee Madaaniyaalem, Gamoo Oromiyaa (Oromia Tower)
LAKK-2
Finfinnee, Markaatoo Gamoo Tafarraa jalatti argamna.
Lakkoofsa Bil; +251911539551

(Yoo dandeesse ergaa kana caalatti miidhagsii ibsi. Yoo barbaadde barreeffama/ ergaa kana qofas fayyadamuu dandeessa. Garuu irraa hir'isuun hin danda'amu.

15/09/2025

Dorgommii kana nu injifachiisaa Qarshii 150,000 qabaa
!

Qubee Electronics filannoo keessan godhaa badhaasa qabaate isini dhufee jira follow godha abbaa carraa ta'a nunis abbaa carraa nu godha Badhaasa Qopheessaa jirra.
S25 ultra (150,000) moo
Brand new hp Envy laptop core 7 14th generation (150,000) isiniif wayya?

Filannoo keessan comment jalatti barreessaa. Kan Sagalee caalmaa argate badhaasaaf dhiyeessina.

Hiriyoota keessan bira akka qaqqabuuf share tolchaa.
Qubee Electronics waan keessan! Amanamummaan hunda dursa!
Suuraa: yaadannoo badhaasota darbanirraa fudhanne.

Seenaa gabaabaa dargaggoo Daangaa Dhinaa, Abbaa isaa obbo Dhinaa Daaffisaa Waxxeessoo fii Haadha isaa Aadde Nigisee Mirr...
09/09/2025

Seenaa gabaabaa dargaggoo Daangaa Dhinaa, Abbaa isaa obbo Dhinaa Daaffisaa Waxxeessoo fii Haadha isaa Aadde Nigisee Mirreessaa Ribbii irraa bara 1992, Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo Ganda Suddiitti dhalate, barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa achuma Ganda sanatti kan argamu Mana barumsaa Suddii sadarkaa tokkoffaa bara 1998 seenuun hamma bara 2003 (1-6) barate, bara (7-8) ammoo Mana barumsaa Adiveentistii kan magaalaa Dambii Doollootti argamutti barate, akkasumas barnoota isaa sadarkaa lammaffaa Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Qellemitti (9-12) barachuun, bara 2011 Yuuniversity Dirre Dawaa deemuun achitti barachaa ture! Daangaan Yuniversiti erga deemee boodaa wal dhabdee dhimma sanyu-mmaan mooraa yuuniversitii mara keessatti uumameen yuuniversitiin Dirree Dawaa yeroo sanaaf rakkoo jiruu tasgabeessuf baratootaa hunda gara maatitti galche! yeroo murta'aa booda yuuniversitichii beeksisaa deebi'aa jedhun waamicha barattootaaf taasisus yeroo sana daangaan barnootatti deebi'uu akka hin qabne of murteessee hiriyootaaf maatii isatti himuun, Waan jiruu karaa danda'ameen qabsoo bilis-ummaa oromoo itti fufsisuu eegale! Daangaa Dhinaa obboloota dhiira 5fi durba 4 qaba, amma kan lubbuun jiru nama 8 yeroo ta'u, isaa fi obboleettiin isaa tokko lubbuun addunyaarra boqotaniiru, Akkasumas Daangaan maatii isaatiif mucaa xumuraati! bara 2015 jaallallee isaa Seenaa Nikoolaa wajjin bultii ijaarratus, Hiree daa'ima godhachuu osoo hin argatiin nu biraa boqoteera! Daangaan jireenya isaa guutummaa Qabsoo saba bal'aa Oromoof nama of kenneedha, yeroo diddaa 'master plan' qeerroo ijaaruun fuldura bahee mormaa waan tureef bakkoota akka ( Muggii, Dambi Doolloo, Adaamaa, Buraayyuu, Xoollayyifaatti) yeroo garaagaraa hidh-amaa tureera, akkasumas daandii Qabsoo kana ni deemsisa jedhee itti amanuun uummata jaallatuuf utuu qabsa'aa jiruu gaafa 26-12-2015 humna waraa-na mootummaan qabamee, gaafa 3-13-2015, magaalaa Dambi Dolloo bakka Minkoo jedhamutti ajj**famuun ree-ffi isaa argame!

Magaalaan Dambi Doolloo Beekamtii qaama seerummaa argachuufi imala jijjiiramaa isheen yeroo ammaa irra jirtuMagaalattiin...
29/08/2025

Magaalaan Dambi Doolloo Beekamtii qaama seerummaa argachuufi imala jijjiiramaa isheen yeroo ammaa irra jirtu

Magaalattiin bara 1998 magaalaa guddittii Godina Qellem Wallaggaa taatee kan beekamtii argatte. Magaalaa kana kan adda ishee taasisu bakka Gootichi Oliiqaa Dingil itti weerartoota Xaaliyaanii itti injifate ta’uu fi hundeeffama magaalattii irraa eegalee qooda fudhannaan lammiilee biyyoota alaa keessa jiraachuu isaaniiti.

Barreeffanoonnii fi Qorattootni garaagaraa akka ibsanitti Magaalaan Dambii Dolloo bara 1933 bulchiinsa magaalaan hundeeffamte. bara 1941 jalqabee beekamtii qaama seerummaa argattee mana qopheessaan hundeeffamte.

Magaalattiin kutaa magaalaa Afuritti kan qoodamtee jirtu taatee isaanis: 1) Kutaa magaalaa Dolloo, 2) kutaa magaalaa Yabaloo, 3) Kutaa magaalaa Laaftoo, 4) Kutaa magaalaa Biiftuu jedhamu.

Babal’ina bu’uura misoomaa akka bishaan dhugaatii qulqulluu jiraattonni argatan %47 yoo ta’u, daandii keessoo magaalaa Asfaaltii 19 km, daandii dhagaa bocamaa 4.074km, daandii cirrachaa ykn haramaa bonaa 20.9km, daandii Asfaaltii riqichaan wal-qaxxaamuran tokko, dirree xiyyaaraa 1, Hospitaala Olaanaa tokko, buufata fayyaa 1, M/barumsaa sad 1ffaa kutaa 1 hanga kutaa 4 miti-mootummaa 5, mana barumsaa sad.1ffaa kutaa 1 hanga 8 kan mootummaa 6 fi kan miti-mootummaa 4 qabdi.

Mana barumsaa Sad.2ffaa kutaa 9 hanga 10 kan mootummaa 2, kan miti-mootummaa tokko fi mana barumsaa qophaa’inaa kutaa 11 hanga 12 kan mootummaa 2, kan miti-mootummaa tokko qabdi. Kolleejjii mootummaa 1 fi kolleejjii mootummaa kan teekinikaa tokko, Yuunivarsitii mootummaa tokko, Yuunivarsitii miti- mootummaa tokko, dirree xiyyaaraa ammayyaa 1, Baankii mootummaa fi miti-mootummaa 10 qabdi. Haalli amantaa uummatichaa hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa, musliimaa, waaqeffataa fi kan biroo qabdi.

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’insa daballii miindaa taasisuuf murteesse Hagayya 12, 2017 ...
18/08/2025

Mootummaan baatii Fulbaanaarraa eegalee hojjettootaaf fooyya’insa daballii miindaa taasisuuf murteesse

Hagayya 12, 2017 Mootummaan Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjettoota mootummaaf fooyya’insa daballii miindaa taasisuuf murteesseera.

Koomishiniin Siiviil Sarvisii Federaalaa ibsa baaseen, mootummaan haala jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii dandeettiin biyyaa eeyyamu fudhachaa jiraachuu ibseera.

Haaluma Kanaan mootummaan hojjettoota mootummaaf fooyya’iinsa daballii miindaa taasisuuf murteessuu beeksiseera.

Fooyya’iinsa Kanaan miindaan hojjetoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 4 fi 760 irraa gara Birrii kuma 6’tti akka guddatu ibsameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa inni olaanaan ammoo Birrii kuma 21 fi 492 irraa gara Birrii kuma 39’tti kan guddatu ta’uun eerameera.

Miindaan ka’umsa eebbifamtoota digirii jalqabaa Birrii kuma 6 fi 940 irraa gara Birrii kuma 11 fi 500’tti fooyya’a jedhameera.

Miindaan hojjettoota mootummaa siiviil sarvisiin ala dameewwan garaagaraa keessatti bobba’anis kan fooyya’u ta’uu komishinichi beeksiseera.

Fooyya’iinsi daballii miindaa kun baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 60 ol gaafachuu kan ibse komishinichi, baasii mootummaa waliigala waggaatti miindaaf bahu Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 60’n gahuu hubachiiseera. Pegi Dambi Dollo Institute college hordofaa

Laptop core 7 filaneerra like nu gochuun nu moosisaa hiriyoota kooBadhaasa Qopheessaa jirra.S25 ultra (150,000) mooBrand...
16/08/2025

Laptop core 7 filaneerra like nu gochuun nu moosisaa hiriyoota koo

Badhaasa Qopheessaa jirra.
S25 ultra (150,000) moo
Brand new hp Envy laptop core 7 14th generation (150,000) isiniif wayya?

Filannoo keessan comment jalatti barreessaa. Kan Sagalee caalmaa argate badhaasaaf dhiyeessina.

Hiriyoota keessan bira akka qaqqabuuf share tolchaa.
Qubee Electronics waan keessan! Amanamummaan hunda dursa!
Suuraa: yaadannoo badhaasota darbanirraa fudhanne.

🗣️ Sammuu kee Leenjisi /Train your mind/▬▬▬▬▬▬▬▬▬✍️ Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne be...
05/08/2025

🗣️ Sammuu kee Leenjisi /Train your mind/
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✍️ Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wanti inni hin dandeenye hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.

Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda'u, konkolaataa oofuu hin danda'u, afaan dubbachuu hin danda'u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda'u...ilmi namaa bu'aa waan leenji'eeti jechuudha. Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keenyaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji'uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, na danda'a yoo leenjisne waan gaarii bu'aa qabu hojjetee nutti agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin danda'u yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu'aa isas ni argina.

📖 Kutaa qaama keenyaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.

Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir'uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin barbaaddus. Silaa naaffachuun qaamaa milkaa'ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roosevelt wheelchariirra taa'ee hoogganaa hin ta'u ture.

✍️ Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture. Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna. Sammuun leenji'e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!

Fayyaa fi nagaa qabaadhaa!!
Maddi: Kan dubbifne irraa👌

Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa FinfinneeMuuxannoo:0 yearGalmeen Online:  1. Kuta 1-4 barsiisuuf liinkii (አማርኛ ዘርፍ) ...
04/08/2025

Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee
Muuxannoo:0 year
Galmeen Online:

1. Kuta 1-4 barsiisuuf liinkii (አማርኛ ዘርፍ) ማመልከቻ ሊንክ
https://docs.google.com/forms/d/1t5sv51E6vzWqYKCtqk9Kvu5PpItgsHntIW4yt3KClNI/edit

2. Kutaa 1-4 Afaan Oromoo ሊንክ

https://docs.google.com/forms/d/1JxI73fc10r3rHf5KehvGeGRC3vh2eseL0ywnbOsEyvY/edit

3. Kutaa 5-8 ffaatti barsiisuuf (አማርኛ ዘርፍ) ማመልከቻ ሊንክ
https://docs.google.com/forms/d/1bXj8NsAjDytw0zKTYfiAua8pW-OjG5sLiYA54WV_QSQ/edit

4. Kutaa 5-8 barsiisuuf liinkii (አፋን ኦሮሞ ዘርፍ) ማመልከቻ ሊንክ
https://docs.google.com/forms/d/1t6yZ7FYZuH_hmqG1USMbIAyDgohQn_-Yl1-mm3WInVM/edit

5. Kutaa 9-12 barsiisuuf liinkii ሊንክ
https://docs.google.com/forms/d/1aWxpORMvDJKGTcROPthUco7QIhkfUQ0QYTB_SuLDApc/edit

6. ከ11ኛ እስከ 12ኛ ክፍል ለማስተማር የስራና ተግባር ትምህርቶች /CTE/ ማመልከቻ ሊንክ

https://docs.google.com/forms/d/122n3ewCELWaKOIje1CUnLQbh9p1kODCGBui-EdaE2u8/edit

Galmeen:28/11/2017- 9/12/2017

‎Labsii Haaraa: Gibira (Income Tax) Irratti‎‎Duris, namni mindaan isaa Qarshii 600 gadi hin jiru ture. Ammas, namni mind...
12/07/2025

‎Labsii Haaraa: Gibira (Income Tax) Irratti

‎Duris, namni mindaan isaa Qarshii 600 gadi hin jiru ture. Ammas, namni mindaan isaa Qarshii 2,000 gadi hin jiru.
‎Kana jechuun: namni mindaa mootummaa qabu kan gibira irraa bilisa ta’u hin jiru jechuudha, practically.

‎Tole,
‎Mee sirna gibiraa durii waliin wal bira qabnee yoo ilaallu:

‎- Hojjettoota mootummaatti gibirri itti dabalame moo irraa hir’ate?

‎Akka iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa mul’isutti:
‎Mindaa xiqqoon = Qarshii 4,760

‎Namni mindaan isaa Qarshii 4,760 ta’e kuni, duraan gibira meeqa kaffalaa ture?
‎Labsii haaraa kanaan hoo meeqa kaffaluuf deema? Haa ilaallugaa:

‎✅ Dur:

‎Akka sirna duraanitti, namni mindaan isaa 4,760 ta’e, sadarkaa gibiraa tarree 4ffaa keessa gala — %20 jechuudha. Garuu kan duriirra waan jedhamu jira ture.

‎Akka fakkeenya kanaatti: %20 hir’isuu qarshii 302.50 hir’ifama. jechuun:

‎Yeroo shallagamu:

‎Gibira = (4,760 × 20%) - 302.50
‎ = 952 - 302.50
‎ = 649.50

‎Kana jechuun namni mindaan isaa 4,760 ta’e gibira qarshii 649.50 kaffalaa ture (soorama malee).

‎✅ Amma:

‎Amma garuu namni qarshii 4,760 argatu, tarree gibiraa 3ffaa keessa gala. Kana jechuun ammallee %20 irratti shallagama.

‎Garuu kan nam aarsu akka labsii haaraatti “deduction” natti mul’ataa hin jiru. isinitti muul'ataa jiraa? Hin jiru jechuudha.

Akkana taanan,

‎Gibira = 4,760 × 20%
‎ = 952

‎Kana jechuun, sichi namni mindaan isaa 4,760 ta’e amma gibira qarshii 952 kaffala jechuudha.

‎- Irratti Dabalame Moo Irraa Hir’ate?

‎Mee ilaali!

‎Duraan gibira qarshii 649.50 kaffalaa ture, amma ammoo qarshii 952 kaffaluuf deema.

Dhaloota borif abdannuQABXII AJAAYIBAA!💥Mucayyoo xiqqoo, waggaa 13 intala Oromootiin akka magaalaa FINFINNEETTI shamarra...
26/06/2025

Dhaloota borif abdannu
QABXII AJAAYIBAA!💥
Mucayyoo xiqqoo, waggaa 13 intala Oromootiin akka magaalaa FINFINNEETTI shamarran keessaa 1ffaa, akka waliigala dhiirota duukaa 2ffaa qabxii galmeessitedha.
AVERAGE=95.83
PERCENTILE=99.9%

Keessattuu gosoota qoramte keessaa HERREGA=100/100 Akkasumas, LAMUMMAA 100/100 fidde.❣️

QABXII AJAAYIBAA💥
->Akka magaalaa Finfinneetti, qabxii ajaayibaa karaa shamarraniin galmaa'e barattuu xiqqoo kanaani.

Kutaa 8ffaa bara kanaa kan 2017/2025, qabxii Giddu-Galeessaa 95.83 fi Parsaantaayilii 99.9% fiduudhaan akka magaalaa Finfinneetti, shamarraniin 1ffaa, dhiirota duukaa madaalamtee ammoo 2ffaarra jirti.

Mucayyoo Oromoo, 'Kabale Liben Arero' jedhamtuun, sanuu kan warra keenyaa horsiise bultootaati; ijoollee xixinnoon akkasii kunneen umrii kanaan qaxalee taatee yoo argamtu hedduu haamilee maatii fi biyyatti hora.

->Nifaas Silkii Laaftoo irraa, MANA BARUMSA STANFORD ADDIS irraa qabxii ajaayibaa kana galmeessuu dandeesseetti.

Abdinaol Abera Eyasu

Hatattamaan Waliif Qoodaa!= = = = = = =Carraan hojii muuxannoo 0 kun akka sin hin dabarre dafaa   waliif gochuun waliif ...
24/06/2025

Hatattamaan Waliif Qoodaa!
= = = = = = =
Carraan hojii muuxannoo 0 kun akka sin hin dabarre dafaa waliif gochuun waliif qooda!

➡️ Muuxannoon zeeroodhaan👇
➡️ Godinaalee irraa namoota 1013
➡️ Magaalota irraa namoota 263
➡️ Walumaagatti namoota 1276
➡️ Sadarkaa barnootaa Digirii jalqabaa
➡️ Qabxii 2:00 fi isaa ol kan qabu/qabdu

Beeksisa hojii kana komishiniin Gumurka Federaalaatu baasee carraa jiru godinaaleefi magaalotaaf kenne. Beeksisichi har'a waan ba'eef dafaa galmaa'aa!








#

In compliance with the examination protocol, the national exit exam at Dambi Dollo University commenced today.
09/06/2025

In compliance with the examination protocol, the national exit exam at Dambi Dollo University commenced today.

Address

Western
Addis Ababa
1234

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251912188973

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambi Dollo Institute college posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dambi Dollo Institute college:

Share