ODAA GADAA

ODAA GADAA Teaching guiding on right side about general knowledge, political, cultural, social religion of Orom

1983 Gc,at Addis Ababa university.
24/04/2026

1983 Gc,at Addis Ababa university.

09/08/2025
24/06/2025

SAMIIRAA (5)
(Barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)

Hojjettuu manaatu kaase. Kana booda gurroo Silkii lafa kaa'amuu isaa dhageesse. Obsaan waan ta'u eeguu qabde. Jaarsatu qufa'aa kaase. "Haloo maannin fallaguu?" Oggaa inni jedhu bakka dhaabbattetti gogde. Ni naate. Alanas kan ishiin hin beekne hin dhageenye dubbatu waan ta'ef. Ammas "Haloo jedhe ishiinis deebistee "haloo" jetti. Maanguddoonis "yih ye ato Roobaa beet nawu" ittiin jedhe. Amma waan keessaa hubatte qabdi. "Roobaa..." Ani Samiireen jedhama". "Samiiraa?" Jedhe. "Eyye!" "Haajiin kan eegaa isiniin jedhe" amma dirree xayyaara Booleen jira" jettee of beeksifte. Haajiinis battala akka ishee dhaqqabu himeefii dirree xayyaara Booletti ariitii dhaan deeme.
Lamaanuu jarjarsuu irraa kan ka'e waan jabaa tokko irraanfatan. Mallattoo addaa waliif hin laanne. Suuraa dhaan illee wal hin beekan. Attamitti wal arguu akka qaban hin haasofne. Samiiraan rakkina kana erga silkii cuftee hubattee yaadaan obbo Roobaan maal akka fakkaatan tilmaamti.
Hojjaa dheerina, fuula, rifeensa mataa, areeda... isaanii tilmaamti. Akka ilaalcha isheetti obbo Roobaan hucuu aadaa uffata, rifeensa aarrii qaba. Aarrii adii. Oromoo biyya isaa keessa jiru, kan oromummaan irraa dubbifamu, boonaa jaarsaati. Obbo Roobaanis biyya faranjiitii dhufti waan taatef, hucuu farajii uffatti, hidhii ishii halluudhaan qarattee jirti. Rifeensi ishiis kan elektriikaan luuccefamedha...
(JIA ......BULTII... BARA.... GANAMA......SA'ATII 8: ITTI) JEDHA BARREESICHI.
* * * * *

SAMIIRAA (4)(Barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)   Intala biyyaa baate deebisee gammachiisa malee, yaa Rabbi ati na...
23/06/2025

SAMIIRAA (4)
(Barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)

Intala biyyaa baate deebisee gammachiisa malee, yaa Rabbi ati na wajjin ta'i!" Jetti qilleensa keessa teessee. Biyya geessee maal akka gochuu qabdu buustee baasti, yaaddi, murtii dabarsiti, seera tumti.
Teessoo obboleessa Haji Badhaasoo kan magaalaa Finfinneetti argamu gibii(boorsaa) fannifatte keessaa sakattaatee baafte "obbo Roobaa Boroo, lakkoofsa bilbilaa... Magaalaa Finfinnee Olaanaa... ganda lakkoofsa manaa..." kan jedhu qoratti. "Waa'ee dhukkuba Hajii Badhaasoo maal akka dubbachuu qabdu yaadaan lafa kaawataa balaliite. Utuu fala barbaadduu madaaliin xayyaaraa golboobuu isaa qaamni ishii onnate. Waan ta'e hin hubanne. Foddaadhaan oggaa gad ilaaltu bosonatu muldhata. Naasuudhaan qurxamte.
Yammuu gad dhihaattu ganda bosona keessa jiru ta'uu hubatte. Xayyaarri biyyoota magaalaa gurguddoo keessa kutee bosona irra qubachuuf yaaluun isaa nama rifaasisa waan ta'eef kan nagaa hin fakkaatu "Kan fedhe yoo dhufe silan kore, kanaaf hin Seesu " jetti. Xayyaarri kunis magaalaa irra garmaamee dirree qubate. Dirree xayyaara Boolee ti.
Keessaa buutee Biyyee biyya ishee dhungatte. Duraan gaddatu ishee bossisaa ture. Amma garuu gammachuu tu imimmaan ija ishii calalu san keessaa lolaase.
Maanguddoon ishii bira dhaabatu lafaa ol kaasee "Inku'aan Lahagarish Afar Abeqqaash" ittiin jedhe. Namichi deebii eeggata. Isheen hin beektu. Cal jette. Maanguddoon irra deebi'ef hin qalbifanne se'ee. Ishiin Afaan kanaaf haarayaa dha. Namni sun maayii irratti "Ye Maan Naat Qabraarraa?" Jedhee aarii dhaan bira kute.
Namoonni ishii simachuuf bahan, yoo jiraatan iyyuu baayyina namotaa irraa kan ka'e argachuuf hin dandeenye Obbo Roobaa Boroos gara manaatti hafan. Lakkoofsa silkii kennameefin bilbiltee "Haloo... kun mana Obbo Roobaa tii jette. Kan Afaan Oromoo hin beekne ta'e. Afaan Ingiliffaa ...fi kan biraatinis ni yaalte. Haloo, Haloo, Haloo qofa dhageessi. Hajettuu manaatu kaase. Kana booda gurroo Silkii lafa kaa'amuu

SAMIIRAA (3)(Barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)   Firri fira hin beekne gaarummaa hin qabu, yoo wal fuudhes ni qur...
23/06/2025

SAMIIRAA (3)
(Barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)

Firri fira hin beekne gaarummaa hin qabu, yoo wal fuudhes ni qurcaa'a. Sanyiin kiyya qurcaa'uu irra dhabamuu isaa wayya. Ilmaan kiyya wal barsiisaa. Kun kennata guddaa dha". Dhaamsa jedhu dabarsan.
Dhaamsi kun yaada keessa ishii buuse. Waan ishii sodaachisu itti ta'e. "Qurcaa'uu" kan aayyoon garaatti baattu sun yoo dhiira ta'ee dhalatee guddate attamittan kanneen biroo irraa addaan baafadha? Ayyoonkoo yeroo san dhiira argachuuf Rabbiin kadhataa turte waan ta'eef Rabbi kadhata ishii ni dhaga'aaf ta'aa. Anaaf hundumtuu obbolaa dha. Hundaafuu cinqamuu hin qabu. Jettee of jajjabeessiti. Deemsi gara biyyaatti godhamtu boor ganama. Hiriyyoota ishii yeroodhaaf biyya ambaatti hafanitti nagaa dhaamuuf sa'atii xiqootu hafe. Sirna geggeessaa sana miidhagsuuf muuziqaan kaaseta filatamoo dhaga'amaa jira. Oromoonni duukaa weellisu, duukaa sirbu. Alagaan adiis itti fakkeessa. Kanneen keessa beekan oromoonni, kaasetiin kun ha galu, sun ha turu jedhu. Alagaan kanuma jiruu wajjin sirba. Dhiichisa.
"Fageenyatu na dhowweef malee siin yaaduu hin dhiifne yaa aayyoo koo!" Jedhu filatu. Irra deddebi'anii dhaga'uu fedhu Samiiraan ammoo sirba Adam Haaruun "yaameen dadhabe fira koo kottaa hojii irratti wal gargaarfanna! Gowwaa dhaa wajjin dhalachuu mannaa dhaloota ooluutu irra wayyinnaa?" Akkasumas haa geessu salaamtaan firoota bira. Dhiiraa fi dhalaa isaanii salaamtaan dhugaa dhaa kan kaate onnee irraa. Hiriyyoota kootif ka durbee fi dardaraa. Kan jedhu filatte. Imimmaan haqataa. Keessahuu "Gowwaadhaa wajjin ... kan jedhu lafee seene.
Seenaan Samiiraa isaan harkatti hafte. Aduun barii oggaa baatu dirree hanga xayyaaraatti geggessanii deebi'an. Ammas sibiila biyya ishii argite sana mar'umman isaa keessa kortee balaliite.
"Xayyaarri kaleessa balaa biyya ishii irraan gahe har'a immoo biyyatti ishii deebisaa jira. Alana firoota koo rifaasisuuf hin balali'u. Intala biyyaa baate deebisee gammachiisa malee, yaa Rabbi ati na

21/06/2025

SAMIIRAA (2)

Samiiraan barnoota qofa osoo hin taane, maallaqas hanga tokko argatteetti. Sa'a barnootaa ala hojii hojjetaa turte. Hiriyyoonni ishiis akkasuma. Kan meeshalee barnootaa bituu fi jireenya geggeeffachuutti bahe irraa maallaqni hafe, sagantaa fuulduraatiif gudunfamtee jirti. Aayyoo isiitiif guddaa yaaddi, kanumaaf dhamaatis. Utuu biyya keessaa hin ari'atamne ta'ee yoona ni heerumti, mana dhaabdi. Maamula guddifti, aayyoon ishiis akkoo argu turan. Haa ta'u malee, heeruma dura waan hiriyoonni ishii dabarsan , ragada, sirbaa fi tapha aadaa keessaa illee qooda hin fudhanne, haalatu isii dhorke. Kun hundumtuu godaannisa sammuu tahe. Kan caalu abdii waan ta'eef fuulduratti ilaalti. Umuriidhaan 26 guutte. Akka aadaatti durba haftuu dha. Waa'een hafuu garuu abjuu dha. Bultii kudha afur(torban lama) booda yoo Waaq jedhe biyyatti deebi'uuf of qopheessiteetti. "Harmee tiyya niin arga rakkinas ta'e baldhina, jireenya qanani'aas ta'e gadadoo ishii wajjin hirmaachuun qaba. Kunis yoo aayyoon jiraatte qofa. Yoo ishiin hin jiraanne ... anis ... natti hin fakkaatu". Jette.
Samiiraan biyyatti deebi'uuf osoo qophii irra jirtuu H/Badhaasoon dhukkubsatan. Itti jabaates. Intala boor gara biyyaa dhaqxu kanatti dhaamsa kennachuuf boquu isaanii ol qabatan. Hiriyyoonni ishiis sirna geggessaa sana irratti argamaniru. Dhaamsa dhageeffachuf muziqaa wellisaa jirtu cufan.
"Umuriidhaan adeemeen jira. Raageen jira. Ani hammuma dur sana, jette eeleen mana keessaa gubattee akkuma jedhamu, rakkinni biyyatti argame sun danuu na hin wareersine. Na hin sodaachisne. Isinis jabaachuu qabdan. Oggaa rakkinni jabaatu duukuma jabaachuudha. Rakkinatti hin laafinaa! Boodattis(duubattis) hin hafinaa! Haalli faffaca'insa yeroo darbee firatti nagaa dhaamuuf naaf hin eeyyamne. Akkuma kana, balaa oggas bu'e sanaan lammiin lammii irraa obboleessi obboleettii irraa adda bahaniiru. Mucaan tiyya Soofeen obboleessa ishii irraa adda baafamtee jirti. Yoona wal beeku natti hin fakkaatu hin se'u, osoo wal hin

19/06/2025

SAMIIRAA (1)
(barruu Madda Walaabuu lakk.3/1993 irraa)

Dura fago-dhihoo ture. Amma garuu fagoo fageenya dheeraa ademaa jirti. Sibiilli dura bakakkaa buusuudhaan ganda irraa ari'ate amma mar'ummaanitti ishii baata. Daran fageessaa jira. Achiin ishee ga'ee dirree qubate. Firoonnis isii simatan. Ammas biyya ormaa kan biraa.
Eyyee. Biyya ambaa keessa kan dhukkubsate qoricha, doofawwan qarooma, beelawan nyaata, kan daares uffata(huccuu) ni argata. Hundaafuu garuu, ulaagaan jabdun tattaaffii dha. Qabsoon jiruuf jireenyaa murteessituu dha. Yaadni harmee irraa fagaachuu guyyuu haaraa dha. Aayyoo isii yaaddi.
Samiiraan barnoota ishii xumuraan gahattu illee qalbiin isii aara hin galfatin jira. Qabeenyaa fi tajaajjilli jirus yaaddoo tana mo'achuu hin dandeenye. Garaan ormaa ormuma itti tehe. Hin baratamu, hin amanamu, hin abdatamus. Oromummaan ishii garuu hin moofa'uh. Akkuma dhalattetti jira. "Lugni oromoo afaan borii ti" jettee jabeessiti. Bor oggaa galtu, harmee ishee wajjin rakkina tokko malee akka walii galtee jiraattu of taasiftee jirti. Kana gochuufis gorsaa fi maree H/Badhaasoo waliin gootu jabessitee jirti. Gorsi Haji Badhaasoo jabina kenna. Hamilee guuta. Barnootni kun dhiphina natti heddumisee jira. Kan dhokatee ture mara ifa baasa. Barnootni rakkina furuuf miindaa guddoo haa qabaatu malee madda rakkina isa dhokotaa sana saaxila, yaada sammuutti eda'ee xurree ittiib rakkina keessa kutan akka soqan nama onnachiisa. Kun imnoo... jettee osoo haasawaa ishee hin dhaabiin, Haajiin bar of baruun micha. Kun rakkina miti. Dhiibdee turtee fi jirtu hubachuun, rakkinoota dhokfaman arguun, dhiphina miti. Haajaa ofii irratti hojjechuuf dhama'unis bal'ina malee dhiphina miti. Laal! Asii iyyuu kan baratetu biyya hangana geessu bulcha. Utuu bulchiinsa biyya kanaa, ana isa hin baratiin kanatti kennanii niin dandayaa? Anoo jaamaa dhaa gara kamittan geggeessa? Ofiis badee biyyas balleessuu taha. Kanaafuu kan baratw wayya. Jaamaan jaamaa harkisu... jedhee xumure.

Urji 1986GC
02/06/2025

Urji 1986GC

05/05/2025

Yaa Tarressaa motii tumtuu
Qottoon kee baran dhumtu.
Yaa tumtuu karaa duraa
Qottoon kee dhagaa mura.
Qottoo Tarressaa biteen
Goozuuf Baddessaa fixe.
Qacamaa lagaa raaseen
Wagiboo baddaa baase
Dhufeera mataa battee
Hammanaaf maqaa baddee
Caxoo koo moggaa gootee
Nyaata koo qofa goote
Adaree dhufuu jiru
Fira koo gobbuu jiru
Baraa naaf darbuu jiru
(Jedhe jedhan lafa moggaa hirraanif, Y.B)

Bar-tokko jedhaniiSeenaan yoo odeessuODAAF safuu! JettiGurri isa dhageessu. Bara hojiin namaa Hamminaan guutamee Bara ga...
24/01/2025

Bar-tokko jedhanii
Seenaan yoo odeessu
ODAAF safuu! Jetti
Gurri isa dhageessu.
Bara hojiin namaa
Hamminaan guutamee
Bara garaan Waaqaa
Namarraa kutame,
Bara dachiif samiin
Wal irraa fagaatee
Jallinnif hamminni
Gatiisaa argate,
Odaan dumessa ulfunaan
Araaraaf dhaabbatee
Badii saba baldhaa
Ofiisaa baadhatee
Araara sabasaaf
Waaqasaa kadhate.

Address

Nek'emte
0945334804

Telephone

0925000117

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ODAA GADAA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category