AMS TV, Afaan Oromoo

AMS TV, Afaan Oromoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from AMS TV, Afaan Oromoo, Social Media Agency, Nekemte Town, Nek'emte.

10/03/2025
10/03/2025
10/03/2025

Dhukkuboota HANTUUTA irraan nama qaban keessaa:

1. Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas hantuuta duute harkaan tuquudhaan kan namatti dhufu dhukkuba baakteeriyaan nama qabudha.

2. Leptospirosis: Baakteeriyaan kan dhufuu fi nyaata fincaaniif bobbaa hantuutaan faalame nyaachuudhaan akkasumas waltutuqqaa bishaanii fi waantoota biroo hantuuta kanaan waltuqaniin kan darbudha.

3. Plague: Kunis dhukkuba baakteriyaan dhufuu fi tafkii hantuuta ciniintee nama ciniintuu fi kallattumaan hantuutaan illee kan darbudha.

4. Salmonellosis: Nyaataa fi dhugaatii bobbaa hantuuta kanaan faalameen kan darbuufi kunis baakteeriyaan kan dhufudha.

5. Hanta virus polmunary syndrome: Dhukkuba vaayiresiidhaan dhufu kan ta'ee fi dhukkee bakka hantuutni itti fincoofte yokaan bobbaate irraa ka'uun yokaan kallattiidhumaan hantuuta tuquudhaan kan darbudha.

6. Hemorragic fever with renal syndrome: Kunis vaayirasiidhumaan ka darbuufii tuttuuqqaa, ciniinnaa hantuutaa, bobbaa fi fincaan hantuutaa fi nama irraa namatti illee kan darbudha.

************
Fayyaan faaya
©️ Dr. Gurmeessaa

15/10/2024

‘Xiyyaarri A350-1000 jedhamu kan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti fudhatu maamiltootaaf tajaajila baay'ee fooyya'aa kennuuf kan dandeesisudha’-Obbo Masifin Xaasoo

‘OBN Cyber Media’ Onkoloolessa 4,2017-Xiyyaarri A350-1000 kan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti fudhatu tekinooloojiin maamiltootaaf tajaajila baay'ee fooyya'aa kennuuf dandeesisu jedhan, Hoji Gaggeessaan olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, Obbo Masifin Xaasoo.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara imaltootaa A350-1000 jedhamu kan Afriikaatti isa jalqabaa ta'e "Ethiopia land of origins" jedhamuun moggaafame Onkoloolessa kana Erbaas(Airbus) irraa ni fudhata jedhan,Hojii gaggeessaan olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masifin Xaasoo.

Daandiin xiyyaaraa kun yeroo hunda xiyyaarota haaraa biyya alaa galchuufi bakka gahumsaa isaa sadarkaa idil addunyaa irratti qabu babal’isuun dirree aaviyeeshinii Afrikaa keessatti sadarkaa adda durummaa qabu cimsachaa jira.

Haaluma kanaan Xiyyaarri A350-1000, kan daandiin xiyyaaraa kun yeroo dhiyootti Eerbaasii irraa fudhatu, gosaan adda kan ta'ee fi Afrikaatti isa jalqabaa kan ta'e ta'uu eeraniiru.

Daandiin xiyyaarichaa xiyyaara A350-900 fayyadamuu erga jalqabee waggaa torba ta'uu eeranii, yeroo ammaa Xiyyaaronni A350-900 digdamiin tajaajila kenna jiru jedhaniiru.

Xiyyaarri A350-1000 jedhamu kun teessoo 400 kan qabu yoo ta’u, maamiltootaaf tajaajila olaanaa kennuuf teeknooloojii ammayyaa kan guuttate ta'uu eeraniiru.

Daandiin xiyyaaraa Itiyoophiyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2035tti waggaatti imaltoota miiliyoona 67 geejjibuudhaan galii waggaa doolaara biiliyoona 25 argachuuf hojjechaa jira. Yeroo ammaa xiyyaarota 147 qabuun bakkeewwan balalii idil-addunyaa 139 fi biyya keessaa 22 uwwisaa jira.TOI

16/03/2024

Address

Nekemte Town
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AMS TV, Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to AMS TV, Afaan Oromoo:

Share