17/04/2024
Namoonni akka Obbo Battee Urgeessaa ajjeefaman ajaja muummicha ministeeraan ala gonkummaa qaamni ajjeesu hin jiraatu jedhan qondaalli duraanii biltsiginnaa Dr. Milkeessaa Miidhagaa.
Ajjeechaa kanaafi kanneen kana fakkaatan kan raawwatan Koree nageenyaa jedhamanii namoota 7 of keessaa kan qabu ajajni muummicha ministeeraa irraa itti gadi kennamudha jedhe.
Kaayyoon ajjeechaa kanaa uummanni jiilee garbummaa tole jedhee fudhatee akka jiraatuuf jedha Dr. Milkeessaa Miidhagaa.
Obbo Battee Urgeessaa nama jijjiirama barbaadu; madaallii qabu; fulduratti geggeessaa guddaa biyyattiifi adduunyaa nama ta'uu danda'u, abdii egereefi nama qaaliidha jechuun ibse.
Koreen nageenyaa kun bara 2019 baatii waxabajjii keessa kan ijaaraman ta'uu kan ibsan Dr. Milkeessaa Miidhagaa, namoonni ajjeechaa kan raawwatan eessatti, yoomiifi akkamitti akka ajjeessan irratti leenjii walfakkaataa fudhachuun bobbaafaman jedhan.
Koreewwan namoota torbaa kanaan alatti nama miti simbirri Oromiyaa keessaa hin ajjeefamtu kan jedhu Dr. Milkeessaan, poolisiin Oromiyaa ajaja kallattii gubbaa gadi osoo hin argatiin uleen nama hin rukkutu, ajaja siyaasaa eeggata jedhe.
Koree nageenyaa kan jedhaman kun addatti poolisoota akka qabaniifi ajaja muummicha ministeeraafi naannootiin ala namoonni beekamoon gonkumaa hin ajjeefaman jedha.
Akkaataa namoonni itti ajjeefaman ajajuma muummicha ministeeraa irraa kennamudha kan jedhu, yeroo hedduu harka duubatti hidhuun gadi gombisanii akkasumas ragaa faana balleessuuf halkan dawoo godhatanii ajjeechaa kana erga raawwatanii abalutu ajjeese jedhanii quba asiif achii qabu jedhe.
Kana malees namoota ajjeechaa raawwatan eessatti, akkamitti, akka ajjeesuu qaban ni leenjifamu kan jedhu, yeroo baay'ee qarqara lagaatti, iddoo xuraawaatti, daandii gubbaatti, addabaaba'ii irratti kan ajjeesan akkaataa leenjii itti fudhataniin ta'uu hima.
Kaayyoon ajjeechaawwan akkasii kun kan biltsiginnaa mormu kamuu dhabamsiisuufi yaadaafi akeeka biltsiginnaa fudhachiisuudha jedhan jiru.
Uummata yaada kennachuu hin dandeenye, mormii hin kaasne, kan murteessuufii danda'u mootummaa ta'e akkasuma uummanni gidirfamee jiileefi dirqamee biltsiginnaa malee hin feenu uummata jedhu uumuu akka ta'es hima.
Uummanni garbummaa hamaa jalatti jilbiinfatee jira kan jedhu Dr. Milkeessaan, hayyoonni balaa dhufaa jiru xiinxaluun kallattii kaa'anii uummata baraaruun dirqama jedha.
Hayyoonni hanga yoonaatti callisanii taa'uun dogoggora jechuun ibsa.
Hayyoonni Oromoo walta'uun marii saffisaa taasisuun uummata Oromoo carra baraaru uumuu qabus jedhee jiru Dr. Milkeessaa Miidhagaa.
Waan qabatamaafi karoorri jiru biltsiginnaatti yoo harka kennatte ni hafta ykn immoo ni dhabamta kan jedhu qondaalli duraanii biltsiginnaa kun, uummanni akka uummataatti turuuf hooggansa waltawaa qabaachuun mariin hayyootaa saffisaan ni barbaachisa jedhee jira.