
19/04/2025
Baga Geessaan Guyyaa Yaadannoo Du'aa Ka'uu Gooftaa Keenya Yesuus Kristos Dhiphina Danuu Darbitanii baga geessani.
"Ilaa hoolicha waaqayoo isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu. Yoh.1:29
‘Inni du'aa ka'eera,. Mat.28:7
Baga geessan. ayyaanni kun kan nagaa,kan gammachuu, kan jaalalaa, kan milkii Isiniif, nuuf haa ta'u.!!!
hub.
=>gaafa Yesuus dhalate dukkanatu ife. Luq.2:9
rakkina kami keessa jiraattus, waan ati keessa jirtu ulfaata ta'us, waan ati hin yaadne waan si mudateef dukkana keessan jira jette yoo yaadde, hin sodaati Yesuus si wajjin jiraannaan dukkannikee ifadha.
=>gaafa Yesuus du'e immoo guyyaatu dukkanaa'e. mar.15:33
milkaa'inakee keessa, qabeenyakee keessa, manakee keessa, hojiikee keessa, gaa'ilakee keessa, beekumsakee keessa ifakee keessa Yesuus hin jiru taanan, ifti guyyaa saafaa iyyuu siif dukkana ta'a. Kanaaf isa inni siif kenne yesuusuma wajjin qabadhu dukkanikee ifa, barumsa guyyichaa keessa kan fudhatame.
baga geessani!!!
hiriyyoota keessaniin qaqqabsiisa.