Wollega FORUM

Wollega  FORUM Wollega forum is founded since 1985, now we are ready to give awareness for our people.

09/02/2025
06/02/2025
"Rakkoon bu’uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har’aatti fala aragachuu dadhabe tokkummaa dhabuudha. Waldhaggeeffach...
28/11/2024

"Rakkoon bu’uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har’aatti fala aragachuu dadhabe tokkummaa dhabuudha. Waldhaggeeffachuurra of dhaggeeffachuudha. Waliin dhaabachuurra wal faallaa dhaabachuudha. Akeekaafi kaayyoo sabaa garaagarummaa hin qabneef gamaa gamana dhaabatanii walgooluudha. Amalli akkasii jaarraa tokkoo oliif nufaana guddate kun kaleessaa hanga har’aatti qormaata nutti ta’ee jira. Tokkummaa keenya laaffisuun akka sabaatti qaaxxee alaatiif nu saaxilee jira."

PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa KennameEgereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naanni...
28/11/2024

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraa Kenname

Egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin marii taasifamaa jiruun dhimmoota bu’uuraa irratti wal hubannaan uumamaa jira
~~~
Guyyaa jijjiiramni biyya kana keessatti dhufe irraa jalqabee dhaadannoon keenya yeroo hundaa maddi saaxilamummaa ummata Oromoo tokkummaa keessoo dhabuu dha kan jedhu ture. Adeemsa riifoormii waggoottan jahaa dabarsine keessatti waltajjiin dhimmi tokkummaa keessoo Oromoo itti hin lallabamne hin jiru. Xiqqaa hanga guddaatti lallabaafi waamichi nageenyaa yeroon adda itti cite hin jiru. Fincilli diddaa gabrummaa ummanni Oromoo yeroo adda addaatti taasisaa ture hundi firii dhabaa kan tureef, Oromoon nama dhabee miti. Gameeyyii qaqqaalii hedduun qabsoo saba kanaatiif aarsaa kaffalanii jiru. Humnas dhabee miti. Sabni guddaan kun mirgaafi eenyummaa ofii kabachiisuu bira darbee akka biyyaatti humna jijjiiramaa ta’ee agarree jirra.

Rakkoon bu’uuraa Oromoo kaleessarraa kaasee hanga har’aatti fala aragachuu dadhabe tokkummaa dhabuudha. Waldhaggeeffachuurra of dhaggeeffachuudha. Waliin dhaabachuurra wal faallaa dhaabachuudha. Akeekaafi kaayyoo sabaa garaagarummaa hin qabneef gamaa gamana dhaabatanii walgooluudha. Amalli akkasii jaarraa tokkoo oliif nufaana guddate kun kaleessaa hanga har’aatti qormaata nutti ta’ee jira. Tokkummaa keenya laaffisuun akka sabaatti qaaxxee alaatiif nu saaxilee jira.

Riifoormiin siyaasaa akka biyyaatti gaggeessine rakkoo keessoo Oromoo kanaaf fala ta’a jennee abdii guddaadhaan eegnee turre. Dirreen dimokraasii akka bal’atuuf hojiin hojjetame Oromoo dantaa sabaatiif jedhee gamaa gamasitti bittinnaa’ee ture keessaafi alaa walitti fidee ture. Taateen sun Oromoodhaaf carraa guddaa ture. Oromoon carraa sana fayyadamee tokkummaa isaa itichee biyya hin utubu taanaan akka sabaatti caba baraa baratti hin fayyine cabuu akka danda’u raagamee ture. Kanaafis tokkummaa isaa akka cimsatu lallabamaa ture. Yeroo sanatti jalqabbiin gaariin jiraatullee, amalli jaarraaf nuwaliin fulla’e waan gadi nun dhiisneef oolee osoo hin buliin bitaafi mirgatti walharkisuufi waldura dhaabachuun jalqabame.

Siyaasa Oromootiif Qawween fala hin ta’u jennee xiqqaa guddaan osoo watwaannuu waldhagahuun waan dhibeef kunoo waggaa jahaaf wal-ajjeesuutti jirra. Ummanni keenyas aarsaa isaaf hin malle kaffaluuf dirqame.

Imalli jijjiiramaa waggoottan shanan darbanii nageenyaan dabaalameera osoo ta’ee Oromoon eessa gahuu akka danda’u tilmaamuun nama hin rakkisu. Madaa mogolee walitti taanee tarkaanfii waldhoowwine. Rakkoon kun dhaabachuu akka qabu, Oromiyaafi Oromoo gidduutti nageenyi waaraan mirkanaa’uu akka qabu, Oromoodhaaf misoomaafi dimokraasii dhugaa malee dararaan hin maluuf kan jedhu irraa ka’uun akka mootummaattis ta’e akka Paartii Badhaadhinaatti yeroon waamicha nageenyaa itti hin dhiyeessine hin jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Paartiin keenya bu’uurarraa fedhii nageenya buusuufi Oromoo gidduutti tokkummaa itichuuf qaban irraa ka’ee marii nageenyaa marsaa lammaaf WBO waliin taasifameef haala mijaawaa uumaniiru. Jalqabbii sana ummanni hawwii guddaadhaan eegaa kan ture ta’ullee, akka carraa ta’ee milkaa’inaan goolabamuu hin dandeenye.

Mariin marsaa lamaan yaalame waan hin milkoofneef, abdii kutannaadhaan balbala nageenyaaf banne hin cufne. Karaa adda citiinsa hin qabneen gaaffii daandii nageenyaa kana dhiyeessaa turre. Ummanni Oromootis miidhama isarra gahaa jiru irraa ka’uun guyyaa guyyaatti nageenyaaf watwaataa jira. Akka aadaafi safuu isaatti harqota baatee, sangaa camadee, farda luugamee, hiriira bahuun dheebuu nageenyaaf qabu ibsatee jira. Qaama hidhatee bosona jiruuf Ijoollee koo galaa jechuun waamicha haadhaa fi abbaa taasisee jira. Waamichi ummanni fi mootummaan walitti fufiinsaan taasisaa turanis firii hin argamsiisne jechuun hin danda’amu. Miseensonni WBO kumaatamaan lakaa’aman waamicha kanaaf owwatanii daandii nagaatti dhufaniiru. Leenjii haaroomsaa akka fudhatan taasisuun ummatatti makamanii jireenya dhuunfaa isaanii akka jiraatan taasifameera. Baay’ee isaanitiif ammoo carraan hojii uumamee jira.

Tibba darbe akka Oromiyaatti Hiriirri waamicha nageenyaa Abbootiin Gadaa, Haadhooliin siinqee, Abbootiin amantaafi kutaalee hawaasaa gara garaa hiraamchise taasifamuu hordofee bu’aan abdachiisaan nageenya waaraa Oromootiif daandii saaqu argamaa jira. Haaluma kanaan, miseensonni WBO kumaatamaan lakaa’aman waamicha ummanni taasise kanaaf owwaachuun galanii jiru. Ummnni nageenya dheebootee nageenyaaf lallabaa tures qaamoolee waamicha isaa kanaaf owwaatanii galaa jiraniif simannaa kabajaa taasisee jira.

Miseensonni hidhattoota kanaa waamicha ummanni taasiseef owwaachuun gareefi dhuunfaadhaan galaa jiraachuun isaanii akka eegametti ta’ee, rakkinichaaf furmaata waaraa fiduun kan danda’amu qondaaltoota waraanichaa waliin waliigalteefi walhubannaan yoo uumameedha. Kanarraa ka’uun, waamicha yeroo adda addaa tasisaa turreen cinatti, qodaaltootaafi miseensota WBO, waamicha daandii nageenyaa kanaaf deebii eyyeentaawaa qaban waliin marii adda citiinsa hin qabne taasisaa turree jirra. Mariin kun egeree fi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti araara buusuun nageenya waaraa fiduu irratti kan fuulleeffateedha. Haaluma kanaan, marii qondaaltootaa fi miseensoota WBO daandii nagaa filatamaadha jedhanii amanan waliin taasisaa turreen dhimmoota bu’uuraa mariin irratti taasifame irratti walhubannaan uumamuun mariachi haala gaariin deemaa kan jiru yommuu ta’u, injifannoodhaan akka goolabamu amantaa guddaa qabna.

Balballi nagaaf baname hin cufamu; nageenyi waamara !

❤️
14/09/2023

❤️

Address

NEKEMTE
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wollega FORUM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share