05/06/2026
Haala Yeroo ilaalchisuun Ibsa Waajjira Ministeera Muummeerraa kenname.
ganama barii, daangaa hanga daangaatti magaalota gurguddoo hanga maagaalota xixiqqootti lammiileen Itiyoophiyaa hiriira dheeraa saa'aatii dheeraa kutannoo olaanaa agarsiisuun ba'anii mootummaa isaanii filataniiru.
Lammileen miliyoona shantamii afurii ol ta’an dirqama seena qabeessa kana raawwachuuf galmaa’aniiru.
Lakkoofsi kun lakkoofsa ummata waliigalaa biyyoota tokko tokkoo oli.
Filannoon kunis qaama dhugummaa isaa gaafatu kamiiifuu deebii ifaafi shakkii hin qabne kenneera!
Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa buufataalee filannoo kuma 52 keessaa kanneen kuma 50fi 188 ol ta’an yeroon banamanii guyyaa guutuu filattoota keessummeessaa akka turan mirkaneesseera. Kaadhimamtoonni kuma10fi 438 ol paartilee siyaasaa 42 irraa dhuufanfi dhuunfaan kan dorgoman 80 kan ta’an teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Naannoo injifachuuf dorgomaniiru. Kunis ulaagaalee safaramuu danda’an kamiiniyyuu, seenaa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa diimokraasii isa guddaafi murtee dabarsuufis ta’e gama bulchiinsaatiin haala qindoomina qabuun hojiirra ooledha.
Gareen Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa(AU), Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Kabajamoo Uhuruu Keeniyaataatiin durfaamuufi biyyoota Afriikaa 37 irraa mudamtoota 83 of keessatti qabate, filannicha 'haala seeraa fi caasaa bulchiinsa diimokraasii bal'inaan deeggaru keessatti kan adeemsifame' jechuun madaaleera.
Gareen Taajjabdoota Filannoo IGAD kan Itti-Aantuu Pirezidaantii Yugaandaa duraanii Kabajamtuu Speesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibweetiin(PhD) durasamu gabaasa kan jalqabaa baaseen, buufataalee isaan taajjaban hundatti saanduqni filannoo haala sirriitiin saamsamuu isaanii, bakka bu'oonni paartilee adeemsa guutuu keessatti argamuu isaanii, akkasumas filannichi guddina caasaa, bulchiinsaa fi teeknoolojii baay'ee ajaa'ibsiisaa akka argisiise mirkaneesseera.
Dursaan Taajjabdoota Filannoo IGAD filannoo kana 'filannoo boqonnaawwan haaraa hedduu' jechuun moggaaseera.
Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa (EHRC) adeemsa sagalee kennuu keessatti dhiittamni mirga namummaa kamiyyuu mudachuu dhabuu isaa mirkaneesseera.
Qindoominni Taajjabdoota Hawaasa Siiviilii dhaabbilee 55 Boordii Filannootiin beekamtii argatan irraa taajabdoota kuma 65fi 299 guutuu biyyattii keessatti bobbaasuun, buufataalee filannoo dhibbeentaa 99 irratti gufannaa tokko malee taajjabuuf carraa argachuu isaa mirkaneesseera.
Kunneen madaalliifi murtii dhugaa dhaabbilee biyyaalessaafi Ardii amanamummaa qabaniin kennameedha.
Miidhaa gocha jeequmsaa finciltoota ABO Shaneetiin lammiilee nagaa irratti, keessattuu dhaabbilee amantii keessatti xiyyeeffannoo godhatee raawwatame hordofuun; maatiifi firoottan isaanii kan dhabaniif, miidhaa qaamaa kan irra ga’eefi qabeenyi isaanii kan jalaa barbadaa’eef lammiilee keenya Godina Arsii keessa jiraniif Ministirri Muummee Abiy Ahimad(PhD) maqaa mootummaa Itoophiyaatiin gaddi guddaa itti dhaga’amuu ibsaniiru.
jeequmsi kun qaamolee guddina Itoophiyaa gufachiisuu barbaadan, gareewwan finciltoota keessoo naannoo Amaaraa keessatti socho’aniifi humnoota alaa guddina Itiyoophiyaa guutuu biyyattiif jibba qaban waliin qindoominaan kan raawwatame yoo ta'u; kaayyoon isaas Itoophiyaa keessatti tasgabbi dhowwuufi gufannaa filannoo uumuuf karoorra badii qophaa'e hordofee kan dhufedha.
Mootummaan filannoon waliigalaa 7ffaan tokkollee osoo dhimmi nageenyaa hin mudatiin haqa-qabeessaafi hirmaachisaa ta’ee akka xumuramuuf waggaa tokkoo oliif qophii addaa gochuun kutannoodhaan hojjechaa tureera. Karaa biraatiin, humnoonni badii dinagdeefi siyaasa alaa waliin hidhata tokkummaa uumuun kaayyoo isaanii badii galmaan ga’uuf qophii bal'aa gochaa turaniiru, filannoon biyyaalessaa akka hin raawwatamnes carraaqqii guddaa taasisaniiru. Akka qabatamaatittis yeroo filannoon duraafi yeroo filannoo keessatti mirgaafi bilisummaa filachuu lammiilee doorsisuufi gufachiisuuf harka isaanii kan badii diriirsaniiru.
Humnoonni diinaa kunneen wal-deeggaruu fi wal-qunnamuudhaan fincilaafi jeequmsa kaasuuf, magaalota gocha shororkeessummaatiin rukkutuuf, kellaawwan karaa irratti gocha sochii daangeessuufi naannolee murtaa’an keessatti addaan baasanii xiyyeeffannoo biraatiin miidhuuf socho’aniiru. Akka agarsiiftuutti, meeshaalee waraanaa, dhukaasaafi loojistikii biroo deeggarsaan dhiyeessuun naannolee muraasa kaaba Amaaraa keessattifi kibba Tigiraay daangessanii argaman irratti kaka'umsa badii raawwataniiru, Naannoo Amaaraa keessatti dabalatee magaala Bahir Daar, Gondor, Debre Birhaanfi Woldiyaa irratti akkasumas lammiilee nagaa xiyyeeffannoo godhachuun gocha shororkeessummaaf qophii taasisaa turaniiru.
Magaalaa Finfinnee keessattis garee dhokataa ijaarratanii naannolee filataman irratti miidhaa geessisuuf socho'anii kan turan ta'us yaaliifi shira badii kana fashaleessuun danda'ameera.
Waajjira Ministeera Muummee