Gada Civilization Post

Gada Civilization Post Daandii Haqaa

23/12/2022
Namni Kun Beekumsaan Dorgomaa Hin Qabu!!
23/12/2022

Namni Kun Beekumsaan Dorgomaa Hin Qabu!!

22/12/2022

Simmintoon gabaa bilisaan akka gurguramu murtaa’e

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)-Omishni simmintoo gabaa bilisaan akka gurguramu murtaa’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa ibse.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Obbo Tashaalee Ballihuu ibsa miidiyaaleef kennaniin qajeelfamni gurgurtaa simmintoo duraanii jijjiiramuu ibsan.

Qajeelfama fooyyeffameen raabsitootaa fi gurgurtoota qinxaaboo filachuun gahee warshaaleeti jedhan.

Oomishtummaan warshaalee hanga dabalutti gatiin gurgurtaa simmintoo baatii ja’aan yeroo tokko ministeerichaan kan murtaa’u ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan bittaa fi gurgurtaa oomishichaa keessaa kan ba’e yoo ta’u, qajeelfama fooyya’een gurgurtaan omishichaa nagahee malee akka hingaggeffamne to’annoo ni taasisa jedhaniiru.

Gabaa oomishichaaf eeyyaamni daldalaa seeraa qabeessii fi nagaheen murteessaa ta’uu eeraniiru.

Warshaaleen tokko tokkos dirree waliin gahiinsa isaanii bal’isuun fedhii raabsitoota filachuu akka qaban ibsamee, har’arraa eegalees bittaa fi gurgurtaan oomishaa simmintoo to’annoo fi hordoffii malee gabaa bilisaan kan gurguramee bitamu murtaa’uu himaniiru.

Konkolaataan kamuu simmintoo fe’ee warshaa ba’uu sandaa bakka ga’umsaa qabaachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Address

Burayu
Nekemt

Telephone

+51940877470

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gada Civilization Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share