Pheeniel Tewaahido-ጵንኤል

Pheeniel Tewaahido-ጵንኤል Fuulli Pheniel Tewaahidoo fuula barnoota ortodooksii waloomaa kessatti barannudha.

💐Baga Geessan 💐  "YAA BARSIISAA OSOO AS JIRAANNEE AKKAM GAARII DHA!''(Mat 17:1)Gaara Tabor yookaan Afaan Gi’iiziin “Debr...
18/08/2023

💐Baga Geessan 💐

"YAA BARSIISAA OSOO AS JIRAANNEE AKKAM GAARII DHA!''(Mat 17:1)

Gaara Tabor yookaan Afaan Gi’iiziin “Debre Taabor” jedhama. Argamni isaa Israa'el, kibba baha Galiilaatti argama. Bakki kun Gooftaan keenya Fayyisaan Addunyaa fooniin lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa fi iddoo raajii baay’ee itti hojjetedha. Jireenya yookaan seena mana kiristaanaa keenyaa keessattis bakka guddaa kan qabu dha.

Yeroo Gooftaan keenya lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa turetti uummata yeroo sana jiraniif beekkamtii tokkoon hin beekamu ture. Eenyummaa isaa irratti shakkii adda adda qabu ture. Kanaaf gooftaan keenya duuka buutota isaan "Namootni eenyu nan jedhu?" (Marq 8:27) jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yohaannis cuuphaa, Eeliyaas, kan hafan immoo raajota keessaa tokko jedhu" (Mat 16:14) jedhanii Gooftaa keenyaaf deebisan. Gooftaan keenyas duuka buutota isaan, "Isin hoo eenyu naan jettuu?" (Mat 16:15) jedhee isaan gaafate. Duuka buutota keessaa Qulqulluu Pheexiroos, " Ati Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bara baraati." (Mat 16:16) jedhee deebiseef.

Achumaanis akka gidirfamu, du'uu fi guyyaa sadii booda akka ka'u isaanitti hime. Pheexiroosiin gorsee hafuura hamaa isa faana tures ari'eefi. Bartoota isaa fi uummataanis "Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannoosaa baate na duuka haa bu'u" (Marq 8:31-34) jedhe. Egaa asitti wanti hubachuu qabnu ergaa guddaatu nuuf kaa'ame salphaatti kan ilaalamu miti. Yoo jiraachuu feene, yoo mootummaa Waaqayyoo feene, yoo waanjoo seexanaa jalaa bahuu barbaadne , yoo abidda bara baraa jalaa galuu barbaadne ifaaf ifatti gooftaan keenya jireenya keenya biyya lafaa irratti daandii isaarra akka deemnu nuuf dhaamera.

Erga kana barsiisee guyya jahaa booda Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa Pheexroos, Yaa'iqoob fi Yohaannisiin fudhatee gara Gaara Ejersaatti kadhannaaf ol-bahe. Isaaniin dhiisee gara fiixee gaarichaatti bahee osoo kadhachaa jiruu; fuulli isaa geeddarame, uffatni isaa addaatee, akka bakakkaatti calaqqise, asumaan namootni lama dhufanii isa faana (waliin) osoo jiranii argan. Isaanis Musee fi Eeliyaas turani. Yeroo kana Pheexiroos "Yaa barsiisaa osoo as jiraannee akkam gaarii dha; daasii (godoo) sadii tokko siif, tokko Eeliyaasiif, tokkommoo Museef haa ijaarru" (Mat 17:1) jedheen. Garuu baay'ee sodaatee waan tureef waan dubbachaa ture hin beeku.

Yeruma sana duumessi Afuura Qulqulluu fakkeeffamuun isaan uffise, sagaleen "Kuni ilma koo isaa jaalatamaadha isa dhagahaa" (Marq 9:7) jedhu dhufe. Isaa booda Gooftaan qofaa isaa hafe. Yeroos dadhabinni, shakkiin, xuriin laphee duuka buutota isaa ni qulqullaa'e. Gooftaan Beeteliheemitti moofaatiin marame horii waliin bule, foon namaa isa cubbuun itti raawwatamu uffatee tuffatamaa ture ifa isaan kabaja isaa mul'ise. Duuka buutotni isa waliin bahan sodaan waan hundaa hordofaa turan. Gooftaan kadhannaa namaa kan hin irraanfanne kadhaa Musee fi Eeliyaas yaadatee isaaniif kabajaan mul'ateef; Museen awwaala keessaa yommuu waamamu Eeliyaas immoo iddoo Sabni Jiraattotaa (Biheere Heyawaan) warri hin duune jiraatanii tii waamame.

Egaa waan Gaara Ejersaa kana irratti raawwatame kun Waaqayyo namoota du'anii fi fooniin jiran kan walitti fide dha. Namootni isaan Musee ykn Eeliyaasi jechaa waan turaniif gooftaa isaanii uumaa isaanii ta'uusaa mul'ise.
Kana sababeeffachuun manni amantaa keenya gaafa Hagayya 13 ayyaanota wagga waggaan ayyaana Gaara Ejersaa jechuun, guca yookaan ibsaa gubuun ni yaadatti.
Yeroo ammaa kanas raajii nama dhibuu fi kiristaanota qormaata keessa galchuuf namootni yaada sobaa fi barsiisa mana amantaa keenyaan ala ta'een, ergamoota Daabiloos ta'uun mana kiristaana keenya qoraa jiraachuun isaanii waan dhokate miti. ‘Ani Dubree Maariyaamii dha ani ergamaa dha’ yeroo jedhanii namaan dogoggorsan argaa jirra.

Qulqulluu Pheexiroosis osoo as taane gaarii dha kan jedhes yommuu hiikamu mana kiristaanaa yookaan mana amantaa keessa jechuusaati. Kanaafi dha yeroo baay'ee manni kiristaanaa keenyaa sababiin gaaran fakkeeffamtuuf.

Eeyyeen mana Waaqayyoo keessa ta'uun gaarii dha. Mana Waaqayyoo deemuun ni barbaachisa. Hojii foon keenyaaf ta'u yeroo kenninee akkuma hojjennu jireenya keenya isa boruuf fayyina lubbuu fi foonii argachuuf galaa kaawwachuun nu barbaachisa.
Gaarri Ejersaa kun akka barsiisa mana amantaa keenyaatti bataskaanan bakka buufamti. Yaa maatiiwwan Waaqayyoo egaa maaltu akka mana Waaqa haa ta'u! Kan akka Waaqayyoon eebbisaa, faarfachaa, kadhachaa, galateeffachaa, jaalalaa fi haguuggii Waaqayyoo jala jiraachuu caalu jiraaree.

Nuyis egaa akkuma jiruu keenyaaf yeroo kenninee, mana amantaa keenyaa deemnee Waaqa jaalalaa keenya eebbisnee, kabajnee, faarfannee, barannee galuun nurra jiraata.
Gooftaan keenya akkuma Gaara Ejersaa irratti Musee fi duuka buutota isaaf Waaqummaa isaa dhugaa baheef nufis iccitii isaa nuuf haa ibsu! Kadhaan haadha keenyaa Dubree Maariyaamii fi Qulqullootaa nu waalin haa haa ta'u!
Ameen❗️

📖“Afuurri Koos Waaqayyoo Fayyisaa Kootti Ni Gammaddi.” (Luq.1:47)             💐Giiftiin keenya Qulqulleetti Durboo Maari...
17/08/2023

📖“Afuurri Koos Waaqayyoo Fayyisaa Kootti Ni Gammaddi.” (Luq.1:47)

💐Giiftiin keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaam Waaqa akka deessuuf kan filatamte fi raajoonni dursani kan dhugaa bahaniif osoo hin dhalatiin dura gadaameessa haadha ishee keessa jalqabe abaarsa duri irraa kennaa Waaqayyootiin eegama kan turte uuma ishee yoo galateeffattu “Waaqayyoo fayyisaa kootti afuurri koo ni gammaddi" jette malee gara fuulduraatti kan na fayyisuu hin jenne. Shakkitoonni tokko tokko "Afuurri koo Waaqayyoo fayyisaa kootti in ililcha" jedhu qabachuun Durboo Maariyaam abaarsaa daddarbaa sana qabdi kanaaf fayyisaa koo jette jedhani mormuu fedhu. Haata'umalee, Qulqulleetti Durboo Maariyaam kan dubbatte kana laphee Afuura Qulqulluun guutaameen yoo ilaalle akka isaan jedhan kana miti. "Fayyisaa koo!" jechuun ishee kan amanamee fi sirridha. Sababni isaas osoo hin dhalatiin gadaameessa haadha ishee keessa yeroo jirtutti cubbuun daddarbaa, abaarsi duri akka irra hin geenye durseetu kennadhan ishee eegera waan ta'eef galata Waaqaaf galchite. Warroonni mormaan kun garuu ergaa Kitaaba Qulqulluu sirnaan hubachuu dhabuu irraan kan ka'e hojii fayyisummaa Waaqaa guutumaan guututti hojjatame hiika jal'aa ta'e itti kennuu yoo yaalan mul'ata.

Haata'umalee, kitaabni qulqulluu keessatti "fayyina" jechuun namni tokko cubbuu osoo hin hojjetiin duras dabalatee kan dhorkamu ta'uu isaa argina. Fakkeenyaaf Yihuudaan ergaa isaa lakkoofsaa 24-25 irratti "osoo hin gufatin akka isin eeguuf kabaja isaa fuulduratti mudaa malee
gammachuun akka isin dhaabuuf kan danda'u qofaa isaa kan ta'e Waaqa fi fayyisaa keenya baroota hundaa dura; ammas hanga bara baraatti surraa fi kabaja Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiif kabajni, surraan, humnis aangoonis isaaf haa ta'u." jechuun sirritti ibseera.

Sababa abaarsaatiin qilee baditti kufuu irraa Qulqulleetti Durboo Maariyaam gadaameessa haadha ishee keessa jalqabee kennaa Waaqayyootiin eegama kan turte yoo taatu kunis adda kan ta'e wanti tokko gidduu osoo hin galiin fedha Waaqa qofaan kan raawwate fi sa'aati itti isheen gadaameessa haadha ishee keessa bultuu jalqabee kan raawwate hojii Waaqayyootinidha. Kanaafuu, kenna Kiristoosiin guyyaa Haati ishee Haannan ishee ulfoofturra jalqabe hojii fayyinaa raawwatameef irraa ka'uun "Waaqayyoo fayyisaa koo" jette galateeffatte.

🏵️Inni biraan Gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos haadha isaa Qulqulleetii Durboo Maariyaam wanti inni isheef godhee waan guddaan waan jiruuf "fayyisaa kooti" ittin jette.

🌺Walumagalatti Durboo Maariyaam abaarsa sanyiin daddarbaa dhufee sanarra arjumma Waaqayyootiin eegamte kan jiraattedha waan ta'eef oolma Waaqayyoo isheef oleef galata kana galchitedha. Ergamaan Waaqa Qulqulluu Gari'eelii fi Qulqulleeti Elsaabex "Ati dubartoota keessaa kan eebbifamtedha, ulfina qabeettidha, kennaan kan guutamte gammadi” jedhanii ishee galateeffatan nutis haa galateeffannu. (Luq.1:26-42) Dabalatanis muda kan hin qabne ta'u ishee ogeessi Solomoon (W/Weed. 4:7) irratti "Yaa misirroo ko, ati guutummaa dhumati miidhagduudha, mudaa tokkolle hin qabdu" jechuun misirroon Kiristoos Durboo Maariyaam mudaa tokko illee akka hin qabne dursee dubbate. Kanaafuu, nuti kiristaanooni kiristoositti amannu haadha isaa "Yaa misirroo Kiristoos ati guutummaadhumatti miidhagduu mudaa tokkitti illee hin qabdu" jenne ishee ni galateeffanna, ni faarfannaaf.

Eebbifii araarsummaan dubroo Maariyaam nu waliin haa ta’u!

Yaada keessaniif: Milkiyas Mosisa

📖Jireenyi Waaqayyo waliini!Akkuma mukti jirma isaa irraa adda bahee guddachuu hin dandeenye, ilmi namaas Uumaa isaa irra...
16/08/2023

📖Jireenyi Waaqayyo waliini!

Akkuma mukti jirma isaa irraa adda bahee guddachuu hin dandeenye, ilmi namaas Uumaa isaa irraa adda bahee firii godhachuu hin danda'u. Akkuma daraaraan nam-tolchee urgaa gaarii fi jireenya hin qabne (hin guddanne), akkasuma wanti ariitiidhaan fiI feedhii Waaqayyoo irraa adda baane godhannu hundi gammachuu dhugaa fii itti fufiinsa kan hin qabne dha. Raawwiin isaas gaddisiisaa dha. Kanaafidha gooftaan keenya “Jireenyi namaa safara qarshii isaa waan hin taaneef, fedhii wantootaaf qabdanin goyyomfamuu irraa of eeggadhaa! “ kan jedheef.(Luq 12÷15)

Fira ko, fedhiin biyya lafaaf jaalalli qarshii waaqayyoo kee irraa akka gargar si hin baasne of eeggadhu! Goyyomsaa biyya lafaa irraa fagaadhu.

©️ Milkiyas

Telegram:

🌺​​🔔Seenaa dubbifamuu qabu🔔🌺           Yeroo tokko abbaan tokko gara dursaa (nyaachisaa) gadaamii kessatti jiraatanii dh...
05/07/2023

🌺​​🔔Seenaa dubbifamuu qabu🔔🌺

Yeroo tokko abbaan tokko gara dursaa (nyaachisaa) gadaamii kessatti jiraatanii dhufanii akkas jedhani:-
"Yaa abbaa koo gadaamii kana keessatti namni kennaa hin qabne anadha. Abbaan warri fuuldurakoo galan kennaa garraamummaa qabu; warri duuba koo obsa Iyyoobiin qabu; warri nawalin galanis kennaa jaalalaa qabu, namni isaan hin jaalanne hin jiru. Isaan hunduu qajeelotadha.

Abbaa koo ani garuu akka isaanii miti. Homaa kennaa hin qabu; qajeelaas miti" jechaa boo'ichaan abbaa isaan hoogganutti himatani. Isaanis waaqayyoo kennaa isaa siif haa kennu jedhanii jajjabeessani gaggeessani.

Erga isaan deemaniin boodas hogganaan kun gara abboota warra isa bira jirannitti garagalee:- " manokseen amma boo'aa ture kennaa addaa nuti hin qabne qaba. ; gaarummaa isaanii ilaalaa oola. Akka inni of hin tuulleefin itti hin himin gaggeesse" jedhe.

📌Yaa obbolootaa, gara lubbuu keessanii malee gara cubbuu obboloota keessanii hin ilaalina; waaqayyo argaadhaa!

©️ Milkiyas Mosisa

 Akkuma mukti jirma isaa irraa adda bahee guddachuu hin dandeenye, ilmi namaas Uumaa isaa irraa adda bahee firii godhach...
14/03/2023


Akkuma mukti jirma isaa irraa adda bahee guddachuu hin dandeenye, ilmi namaas Uumaa isaa irraa adda bahee firii godhachuu hin danda'u. Akkuma daraaraan nan-tolchee urgaa gaarii fi jireenya hin qabne (hin guddanne), akkasuma wanti ariitiidhaan fiI feedhii Waaqayyoo irraa adda baane godhannu hundi gammachuu dhugaa fii itti fufiinsa kan hin qabne dha. Raawwiin isaas gaddisiisaa dha. Kanaafidha gooftaan keenya “jireenyi namaa safara qarshii isaa waan hin taaneef, fedhiin wantootaaf qabdanin goyyomfamuu irraa of eeggadhaa! “ kan jedheef.(Luq 12÷15)

ko, fedhiin biyya lafaaf jaalalli qarshii waaqayyoo kee irraa akka gargar si hin baasne of eeggadhu! Goyyomsaa biyya lafaa irraa fagaadhu.

© Milkiyas Mosisa

Qulqulleetti Durboo Maariyaam maaliif kaadhimaa Yooseef jedhamte?~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~  Giiftiin keenya tolummaa fi ...
27/08/2022

Qulqulleetti Durboo Maariyaam maaliif kaadhimaa Yooseef jedhamte?
~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~+~


Giiftiin keenya tolummaa fi qulqullummaan mana qulqullummaa keessa wagga kudha lama erga teesse booda walumatti wagga kudha shan yemmuu guuttu hammeenyaan kan guutaman warrii Ayihoodaata mana qulqullummaa keenya keessaa haa baatu jechuun irratti mari’atan. Lubni Zakkaariyaasis marii isaani kana dhaga’ee gadda guddaan gara isheetti seenuun “Yaa Qulqulleetti Israa’eel waa’een jireenyaa keeti kun maal wayya?” jedheen. Isheenis Waaqayyoo malee kan biraa waanan hin beekneef gara Waaqayyootti naaf kadhadhu” jetten.

Zakkariyaasi uffata lubaa uffatee gara mana qulqullummaatti galuun “ Yaa Waaqayyoo Gooftaa Israa’eel hoo Kabajamtuu fi ulfinaa qabeettii kan taate daa’ima kana akkam godhu?” jechuun gara Waaqayyootti yeroo kadhatuu Waaqayyoos akkas jedheen “mana Yihuudati kan dhalatan haati mana isaanii warra jala du’e ulee isaanii walitti qabuun maqaa isaani irratti barreessi mana qulqullummaa keessa kaa’i irrattii kadhachaa bulii abbaan ulee mallattoon irratti mul’atee ishee haa kaadhimatu (haa eegu) jedheen.

Innis akkuma ajajameetti ulee namoota 1985 (kuma tokkoof dhibba sagaliif saddeettami shan) walitti qabee mana qulqullummaa keessa ka’ee irratti kadhachaa yoo bulu ganama uleen Yooseef akka ulee Aaroon osoo hin dhaabiin biqiltee bishaan osoo hin obaasiin daraartee laliste firii horattee “ Yaa Yooseef Maariyaamiin eegi ” kan jedhuu irratti barreeffame argame. Guggeenis dhuftee mataa isaa irra teesse; carraas gaafa kaasan isaaf ba’e sababootaa sadan kun isaaf
lakka’ame. Kunis Fakkeenyummadhaan:-

-Uleen fakkeenyaa Durboo Maariyaam

-Firiin fakkeenya cimina ammanta ishee,

-Daraaraan fakkeenya hojii gaarii ishee, Tokkos,

-Ililliin (daraaraan) fakkeenya amantaa ishee,

Firiin fakkeenyaa Ilma Waaqaa da’uu isheeti jechuun abbootii beektoonni amanta akkasitti hiiku.

Lubonnis maanguddoo Yooseefif “
Waaqayyoorra argannee kan sitti kennine fudhuu eegi hin tuqin” jechuun itti kennan.Wanti baay’ee kan nama dinqisiisuu, Waaqayyoon hojii isaa sababa malee hin hojetuti kunoo kanan duras qomoo kudhaa lamaan gidduudha Aarooniin tajaajilaaf kan
filee gargaarsa isaatiin kan keessa bulu Qulqulleetti qulqulloota akka eeguuf ulee isaa kan daraarse, akka lalistu fi firii horattu akuma godhe hunda (S/Lakk.17:1-10) dabalataan bultoos dhugaa qulqulleetti qulqulloota kan jedhamte haadha isaa Qulqulleetti Durboo Maariyaam akka eeguuf qulqullummaa ishee bilisummaa ishee kan beekaan Sillaaseen Yooseef akka eeguuf filatan.

Abbaan Hiriyaaqosiis “Yaa durbee hoo! Yooseefif kan kadhimamte wal qunnamuuf miti
qulqulluu ta’ee akka si eeguu fi malee”
jechuun akkuma dubbate Yooseefis Durboon Maariyaam akka eeguuf adaran itti kennamte

armaan olii irraa akkuma hubannutti hiikni jecha ‘kaadhima’
jedhuu iddoo gara garaatti hiika adda addaa qabaachuu danda’a. Garuu akka hiika kitaaba qulqulluutti kaadhima jechuun eeguu, tiksuu, gargaaru hiika jedhu qaba.

Fakkeenyaaf:-
Qulqulluu Phaawuloos uummata warra Qorontos yeroo barsiisuu “Ani akka durba amanamtutti Kiristoos abba manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf isin kaadhimachiisee waanan tureef
akkuma Waaqayyoo inaafu anis nan inaafa” jedhe. (2Qor.11:2) Asiratti “Kiristo
os abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf isin kaadhimachiise” yoo jedhu Kiristoositu fuudha jechuudhaa? Miti Tokkicha abba hundumaa kan ta’e samii fi lafa kan uume mootummaa isaaf akka inni isin eeguuf Kiristoositti isin kenne jechuusaati. Tokkos misirroo Kiristoos isin taasiseera
jechuusaatidha.

Raajichi Hoseenis raaja isaa keessatti Waaqayyoon dhiifama isaatiin gaafa saba cubbuu keessatti kufe sana kaasu “… ani yeroo hundumaaf (bara baraaf) kan koo akka taatuuf si kaadhimadheera qajeelina, dhu
gaa, jaalala, oo’as agarsiisuudhan kan koon si godhadha. Amanamummaa agarsiisuudhaanis kan koo sin godhadha (sin kaadhimadha) atis ana Waaqayyoo kee bartee ni hubatta” jedhe. (Hos.2:19-22)

Asiratti Waaqayyoo uummatan si kadhimadhe jechuunsaa uummata fuudha jechuudhaa? Miti Waaqayyoo hin fuudhus hin heerumus. Waaqayyoon si kaadhimadheera kan koo si godheera jedhe dubbachuun isaa cubbuu akka warra sadoomii fi gamoraa biyyatti sana keessatti raawwacha waan turaniif dheekkamsa itti roobsee ture. Boodaas
garuu Waaqayyoo waamicha dhiifama uummataaf dhiyeesse kana booda isin hin balleessu isin kan kooti kaadhimaa koo isin godhadhera jechuusaatidha.

Dabalatanis Wangeela Maatewoos (Maat.2:13-
14) irratti “Erga jarri biyya isaanitti sokkanii
immoo kunoo Ergamaan Gooftaa tokko abjuudhaan Yooseefitti mul’ate, “Ka’i mucichaa fi haadha isaa fudhadhuuti biyya Gibxiitti baqadhu; Herodis mucichaa ajjeessuuf waan barbaaduuf hamma
ani sitti himutti achuma turi” ittin jedhe. Asirratti ergamaan Waaqa Yooseefiti abjuun mul’atee daa’imicha fi haadha isaa fudhadhu baqadhuu ittin jedhe malee mucaa keeti fi haadha manaa kee fudhadhu baqadhu hin
jennen. Haaluma walfakkaatuun erga Herodis du’een boodaas ergamaan Waaqa abjuudhan Yooseefitti mul’ate “Warri lubbuu mucichaa barbaadan du’aaniruutii ka’i mucaa fi haadha isaa fudhadhuuti biyya Israa’eel dhaqi! Ittin jedhe; kana irratti inni ka’ee mucichaa fi haadha isaa fudhate gara biyya Israa’eel in dhaqe.” (Maat.2:20-21).

Guutumaan guututti hariiroo fuudhu fi heerumu isaan lamaan giddu hin jiru.
Walumaa galatti jechi kaadhimaa jedhu akka afaan warra Irbootaatti yoo ta’uu gara Afaan
Oromootti immoo Eegdu, tiksee jechuudha. Qulqulluu Luqaasiis barreeffama isaa keessatti
“kaadhimaa Yooseef” jedhe dubbachuun isaa Durboo Maariyaam yeroo rakkootti akka ishee gargaaruuf jechuu barbaadeeti malee osoo waan ishee fuudhu yookiin isheen isatti heerumtu ta’ee Yooseef kan fuudhu yookiin Yooseefitti kan heerumtu jedhe barreessuu danda’a ture. Ergaan isaa kana irra kan fagaate waan ta’eef jechuun gabaabsee Yoooseef akka eeguuf kan isaaf kennamte jedhe barreesse.

Durboo Maariyaam gonkuma fedhii heerumaa hin qabdu turte; kanaafidha Qulqulluu Gabri’eel ni ulfooftaa yeroo jedhuun “kun akkamitti naaf ta’aa? Ani dhiira hin beekuu jetten” kun kan inni agarsiisuu sana duras dhiira hin beektu durbadha; gara fuulduraattis
dhiiraan wal baru gonkuma akka hin barbaanne bara baraaf durbummaan jiraachuuf murteessite jirti waan taheef.




godhaa!

13/07/2022

💐✞ Jaalala ✞ 💐
✝️✝️✝️
(1 Ergaa Yohannis 4:7-21 )
✞------------✞------------✞
💐 Michoota ko! Jaalalli kan Waaqayyoo waan ta'eef, kottaa wal in jaallannaa! Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyoo ti, Waaqayyoonis in beeka.

‼️ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne.

Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.

Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.

📍Michoota ko! Waaqayyo akkana erga nu jaallatee, nuufis immoo wal jaallachuun in ta'a.

💐 Namni tokko illee Waaqayyoon takkaa hin argine; yoo wal jaallanne Waaqayyo nu keessa in jiraata, jaalalli inni ittiin nu jaallatus nu keessatti fiixaan ba'uu isaati.

Inni hafuura ofii isaatii irraa waan nuuf kenneef, nuyi isa keessa innis nu keessa akka jiraatu in hubanna.

📍 Abbaan ilma isaa fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge, nuyi argineerra, dhugaas in baana.

Namni Iyyasuus ilma Waaqayyoo ta'uu isaa amanee yoo beeksise, Waaqayyo isa keessa, innis Waaqayyo keessa in jiraata.

📍Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa, keessa in jiraata.

Biyya lafaa kana keessatti akkuma Kristos jiraatetti jiraachuu keenyaan guyyaa firdiif ija-jabina qabna; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu biratti fiixaan ba'uu isaa ti.

Jaalala keessa sodaan hin jiru; jaalalli inni iddoo ga'e sodaa gad baasee in gata; sodaan adabatti hidhamee waan jiruuf, namni sodaatu jaalalli isaa iddoo hin geenye.

Inni duraan dursee waan nu jaallateef, nuyis kottaa in jaallannaa!

📍Namni, "Waaqayyoon nan jaalladha" jedhee, obboleessa isaa immoo yoo jibbe, inni sobduu dha; obboleessa isaa isa arge kan hin jaallanne, Waaqayyoon isa hin argin jaallachuu hin danda'u.

📌 Egaa namni Waaqayyoon jaallatu, isaa immoo akka jaallatuuf abboommii kana isa biraa arganne."

💐Wal haa jaalannu💐

Address

Nekemt

Telephone

+251939357846

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Pheeniel Tewaahido-ጵንኤል posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category