Finfinnee Midea Network

Finfinnee Midea Network Finfinnee Medea Netwirk Odeeffannoo Qulqulluf hojjata Nu hordoofaa

16/07/2025
Mallattoo Olka'insa Itoophiyaa!= = = = = = Olka'insi Itoophiyaa wacaafi boo'icha diinota keenyaa keessa darbee Addunyaat...
16/07/2025

Mallattoo Olka'insa Itoophiyaa!
= = = = = =
Olka'insi Itoophiyaa wacaafi boo'icha diinota keenyaa keessa darbee Addunyaatti mul'achuun maqaa hiyyummaa biyya keenya irraa mulqee guddina ishee lallabaa jira.

Hidhi haaromsaa guddichi bu’aa tokkummaa keenyaa mallattoo olka'insa guddina biyya keenyaa ta'e xumuramuun humna ibsaa qofa sochoosuu osoo hin taane misooma hunda galeessaaf oolee mataa diinota keenyaa gadi qabuuf jira.

🇪🇹

16/07/2025
16/07/2025
Kufaatii Abiyyi Booda..🤔= = = = = =Gareen injifannoo Oromoo aarsaa qaaliin dhufetti dhoqqee dibuun waggaa 7 oliif dhama'...
16/07/2025

Kufaatii Abiyyi Booda..🤔
= = = = = =
Gareen injifannoo Oromoo aarsaa qaaliin dhufetti dhoqqee dibuun waggaa 7 oliif dhama'aa ture amma immoo abjuu fedhii isaa hin qoorsine “Kufaatii Abiyyiin Booda Barbaachisummaa Marii Biyyoolessaa Oromoo” mata duree jedhu qabannee dhufaa jirra jechuun abjuun umurii isaa gabaabsee kaayyoo isaa sobaa bittinneessu olola hin fakkaanne facaasuuf yeroo dadhabaa jiru argaa jirra. Gareen kun kana duras orma waliin injifannoo ijoolleen Oromoo aarsaa qaliin fiddetti qoosaa turus akka malee ittiin ceepha'ame. Ammas abjuu maseeneefi yaadama gatate qabatee xiqqoo boo'uuf yaalaa jira. Boo'us kolfus garuu dhugaan injifataadha.

Abjuu maseene kana irratti ABO’n Daawud Ibsaan hoogganamu bakka bu’oota isaa hundaan akka hirmaatu shakkiin hin jiru. Gama KFO'n garuu Professor Mararaan dhuguma hirmaataan anaaf gaaffidha.🤔

Ittanaan Habtegorgis YouTube isaa ittii daldalata. Warri miseensa ABO fi KFO ofiin jedhan muraasni waa hubatus baay'een isaa daboo callisee girrisudha. Kun gantummaa guddaa kufaatiin guutedha.

Warra saba biyya kanaa ganee mandara koolugaltummaa keessa joorutu kufa ta'ee, isa cichoomina guddaan jijjiirama qabatamaa fiduuf saba biyya kanaaf hojjetutu kufaa walumaan ilaalla. Warri kufe haamilee akkamiin kufaatii nama biraa himaa?

Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru nuun jechuufi ammas lamuu?? Haban hin taatu!

Abiy Ahmed Ali injifannoon imala isaa itti fufa. Kaayyoofi akeekni keessan hojiidhuma keessaniin kufa!👏

16/07/2025
Badhaasni Pirezidaanshaal Award marsaa 4ffaan gaggeeffame*******Raawwii hojii karoora xiiqii marsaa 2ffaa bara 2017 tiin...
15/07/2025

Badhaasni Pirezidaanshaal Award marsaa 4ffaan gaggeeffame
*******
Raawwii hojii karoora xiiqii marsaa 2ffaa bara 2017 tiin Biiroolee, Godinaalee, Magaalota, Aanaalee fi Gandoota raawwii olaanaa galmeessaniif badhaasni Pirezidaanshaal Award marsaa 4ffaaf kennameera.

Badhaasni kun hojii waliigalaa bara 2017 gaggeeffameen qaamolee raawwii ol'aanaa galmeessaniif kan kennamedha.

Haaluma kanaan
Badhaasa Magaalotaaf kennameen
1. Magaalaa Adaamaa
2. Magaalaa Bishooftuu
3. Magaalaa Jimmaa

Badhaafamtoota Godinaalee
1. Arsii Lixaa
2. Godina Jimmaa
3. Shawaa Bahaa

Badhaafamtoota Biiroolee
1. Biiroo Galii Oromiyaa
2. Biiroo Fayyaa Oromiyaa
3. Biiroo Abbaa Alangaa

Address

Nekemt

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Finfinnee Midea Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share