22/05/2026
Akka nu abdii kunnee
Jaraaf itaanuuf raatuu
"Barumaan miinzee ta'a
Arsenal waancaa'n nyaatu"
Jedhanii masaanuuwwan
Osoo baacanuu nutti,
Gaalli adeemsan dhaabu
Sareen amalaaf duttii...
Qoccollaa jibba ormaa
Dhagaa nutti darbamu,
Obsinee, xiiqeffannee
Hamilee nu sarbamu
Godaannisa barootaa
Madaa keenya kulkule
Anniisa taasifannee
Booree garaa bubbule
Qabsoo ijibbaataa
Bara kurnee lamaa
Daandii dheeraa deemnee
Dheebotaa; nuuf gamaa
Gatantarree kufnus
Xiiqiin ol nu kaasaa
Abdii kutuu dhiifnee
Diinatti dhukaasaa,
Eelannee bututnus
Akka qocaa siqnee
Xurii ruubii jaarraa
Nurra ture dhiqne.
Osoo nutti kolfuu
Diinni dibbee reebaa
Gurra itti duuchannee
'Quwaaxxaraa'f xeeba
Abjuu dhugoomsinee
Fuunee galle geebaa!
Eeyyee.....
Nuti dhukaaftota
Loltuu London kaabaa
Hirreef humni keenya - siichi Addunyaayyuu
Luka tokkoon dhaaba!
Congra my ARSE 🏆💪
✍️...