17/05/2026
Humnakoon ol ta'e Natti Hin Mufatiina!?
=======================================
Bara darbe Akka na dhukkubu fulbarruukoo irrattii siniif Maxxanseen Ture;Ani Jalqaba qorannookoo kanan taasise jalqaba Hospitaala waliigalaa odaa hullee jimmatti argamutti baqaqsanii yaaluun bu'aa qorannoo argameen kaansarii lafee ta'u naatti himan sadarkaa isaanitti yaalichi waan ulfaatuuf rifeerii xiqur Anbassaatti naaf barreffame anis dhuunfaan ofyaaluu waan hin dandeenyeef refeeriikoo qabadhee bakka dhaabbanni keenya waliigalte qabutti yaalamuuf murteesse gara finfinnee deeme Hospitaala Washington jedhamutti qorannoo haaraa jalqabe .ammas qorannoon kan mul’isu kaansarii lafee ta'uu mirkaneessan. Dr.Kiyya gorsaa fi baqaqsani yaaluu cimaa akka gaafatu natti hime, dura Yaalii sana amanee fudhachuun natti ulfaate ture sababni isaas lafee luqqeettu irra waan ta'eef ofeeggannoo guddaa akka gaafatu fi Biyya keessatti yeroo dhiyoo as yaalii kennuun jalqabamuu isaatiin yaalicha amanee fudhachuun natti ulfaate, akkasumas Hospitaalichatti yaalii akkasii kana kennuun hin jalqabamne kanaaf Dr.kiyya gara Ethio-Tibeb deemte yaalamta jedhe natti hime. yeroo sanatti dhaabbanni keenya Ethio-Tibeb waliin waliigaltee hin qabu anis Naannoo sanatti ji'ootaaf Marmaaraa waanan tureef kun hundi walxaxa ta'uun Shakki natti uume,kanaaf yoo fedha rabbii ta'e fayyuu danda’a jedhe ji'a ja'aaf duubatti deebi'e kadhata tokkoo tokkoo hordofe,sunis waan naaf hin milkoofnef ji'a ja'a boodde gara hospitaala Washington Boolee Ruwaandaa jirutti deebi'e,yeroo sanatti Hospitaalichi carraa yeroo argateen ji'a ja'a keessatti material hunda waan guuttateef sarjari akka naaf godhan nan murteesse.Sarjarii ta'ee hordoffii wagga tokkoo ergan taasise booda dhukkubichi deebi'e ka'e, ammatti lafee luqqeettuukoo irratti dhiitoo jabaatu muldhata, Mallattoon dhukkubicha na hin ciibsu ,na hin teessisu,na hin deemsisu. Dr.koo garu ammas sarjariin naaf godhamee murame akka bahuu fi ammas dhukkubichi deebi'e akka biqilu natti hima kun ammoo furmaata waaraa waan naaf hin kennineef gara hospitaala bira deeme akka gorsa Dr.fudhadhu murteesse kanumaan gara Hospitaala Ethio-Tibeb deeme. Amma egaa waan isin hubachuu qabdan Dhaabbati keenya Ji'a booddee gaafaan Hospitaala Washington deebi'u walii galtee yaalii hojjetaaf kennuu Isaani wajjiin qabu Adda kutaniiru kana booda gara Hospitaala Ethio-Tibeb deemee Akka ilaalamu ykn yaalamu gaafan specialist lafe dubbisu Dr. achis qaama fi bu'aa Qorannookoo ilaale bakkuma kanaan dura yaalama turteetti deebi'i yaalami ani sin tuqu naan jedha,ani si yaalu hin danda'u jedhe na gaggeessa, sababni isaas Adeemsa yaalii Duraa Keessatti dogoggorri yaalii akka uumames naaf kaase,gaafa kana fala dhabee ammas irra deebi'ee maal akka gochuun qabu irraa deebi'ee Dr.Ethio-Tibab sana gaafadha, Dr.biraa naaf kennee Hospitaala Dream jedhamu deemi specialist Kaanserii lafee gaafadhu addumaan naan jedhe,anis gara sana imalee deeme bu'aa qorannoo koos agarsiise ture.Dr.Hospitaala Dream Qaamakoo fi bu'aa qorannookoo erga laale booddee Wal'aansi naaf kennamu qabu biyya keessatti akka ulfaatu natti hime kanaaf ati Umuriikee dargaggeessaa waan taateef yoo dandeesse gara biyya hambaa deemtee yoo yaalamte fayyakeetti deebi'u dandeessa nan jedha, asitti dubbiin dubbachuuf na hudhe ofii kiyya of yaaluuf maallaqa sana hin qabu dhimmi fayyaa qaalii akka ta'e beektu dhaabbannikoo immo hanga yoonatti miliyoona tokkoo kan ta'u baasii godhe na wal'aneera gara biyya hambaatti garuu si yaalchisuuf hin dandeenyu nan jedhan, filannoo Tokko garuu Dr.Dream Hospitaaliin naaf kennanii turan, yoo dandeesse alatti yaalami yoo hin dandeenye Dhibichi qaamakeetti osoo hin faca'iin lukicha mudhii gadii of irraa murii wiilchari fayyadami naan jedhe na qajeelche haa ta'u malee muramee booddee fayyaa Guutuu argachuun ulfaata Akka ta'us natti himan.
Obbolatakoo gara Biyyaa Alaa deemee yaalamuuf Qabeenyaa guddaa na gaafate Innis gara doolara Amerika 32000 ykn Birrii Itoophiyaa Miliyoona 5.2 gaafate yaalii qofaaf.
Tilmaamni Kunis bu'aa Qorannoo MRI,CT-scan, Biopsy image Biyya Hindiitti ergamee shallagamee naaf deebi'edha.
:Tilmaamni kun Tajajila Geejjiba Qilleensaa fi baasii Adda Adda osoo Hin dabalatiini Akkasumas erga achi gahame Qorannoo gadi fagoo sarjarii irra deebiin Waan barbaaduuf gatii wala'aansaa kana ol ta'u danda'u Kan jedhan.
Kadhannaa Gargaarsaaf – Jireenya Koo Baraaruuf Na Tumsaa 🙏
Kabajamoo hiriyoota koo, obboloota koo fi
hawaasa jaallatamoo,
Ani Habtamu Saka Alemayehu dha. Bara 2015 E.C irraa eegalee hanga ammaatti (2018 E.C), dhukkuba cimaa Chondrosarcoma (kaansarii lafee) jedhamu waliin wal’aansoo dheeraa fi ulfaataa keessan Jira.
🧑🦯Obbolee hin dhalatu malee Waan ta'an hin beekani.
=======================================
Harmeenkees harmeekooti
Dhiignikees dhiigakooti
=======================
Dhaqnikees dhaqnakooti
Hiree uumama qabna Abbaankees Abbaakooti.
============================
Du'a foonii booddee jaalallis hin jiru.
Lubbuun ilmoo namaas deebi'e hin biqilu.
================================
✍️Yoo dandeessan erga kana Uummata Ethiopian Miliyoona "130 "Biraan naaf ga'a.
✍️Waaqa Uumaas naaf Kadhadha.
1000184416062 CBE.
1000032995474 Coop bank.
0925831759