Rayyaa kominikeeshiinii Aanaa Babbillee Araddaa Tulaa

Rayyaa kominikeeshiinii Aanaa Babbillee Araddaa Tulaa Land mgt and government information

12/12/2025
10/12/2025

Manguddoo tokkootu dulloomanii yeroo lafa kanarraa darbuuf gahan ilma isaanii ofitti waamanii "yaa ilmakoo sa'aatii harkaa kana abbaa kootu naaf kenne, isaaf immoo Abbaa isaatu kenneefii ture. Amma sa'aatiin kun gara waggaa dhibba lamaa darbeera anis ilmin qabuufii waan gati jabeessa dhaalchisu si waan ta'eef siifan kenna, Garuu dursa deemiitii manneen daldalaarra naanna'ii hangamiin akka sirraa bitan gaafadhu" jedheen.

✍ Mucichis suuqii garaa garaa irra naanna'ee gaafachuutti ka'e, Daldaltoonnis 'sa'aatiin kun moofaadha, sanumattuu ammoo
ligidii qaba qarshii shan caalaadhaan yoo binne nuuf hin baasu jedhaniinii baay'ee rakasha godhan.

✍ Daldaltoota jijjiree biyyaa biyyatti deemee yoo gaafatus kan gatii isaa rakashsiisu malee Kan gatii madaalawaa kennuuf dhabe.

✍ Sana booda deebi'ee Abbaa isaatiin "Abbaakoo daldaltoota hedduu suuqii qaban gaafadhee qarshii shanii oliin hin binnu jedhaniiru jedheeni. Abbaan isaas "amma immoo gara god-hambaa yookan muuziyeemii biyyoolessaa dhaqiitii gaafadhu" jedheen.

✍ Mucichis gaafa hooggantoota muuziyeemii biyyoolessaa dhaqee gaafatu qarshii miiliyoona lamaan sirraa binna jedhaniin.

✍ Mucichis gammadaa gara abbaa isaatti deebi'ee, "abbaakoo kunoo reefan bakka ta'u deeme, isaan qarshii miliyoona lamaan sirraa binnaa fidi" naan jedhan jedhee itti hime.
✍ Sana booda taa'anii ajaa'ibsiifataniiti gorsan siif laadha jedhaniin.

✍Egaa yaa ilma koo! Bakka sin madaalleefi eenyummaa kee yookiin gatii kee hin beekne yoo oolte ati rakasha taata. Kanaaf yaa ilma koo bakka Oolmaa keefi gatii Kee hin madaalle hin ooliin. Warra sin beekne biratti akkuma sa'aatii kanaa rakasaa taata, warra si beekan birattis akkuma sa'aatii kanaa qaalii taata jechuun gorsa ajaa'ibaa Umrii dhumtetti galaa taasisaniifii darban! Kanaaf bakka sin madaalle yoo dhaabbatte gatiin kee rakasha. Bakka si hin madaalle hin dhaabbatin Obboloota koo
ABC News Afaan Oromoo
👇
https://t.me/drhoneliat12em

Address

Quni

Telephone

+251923191554

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Rayyaa kominikeeshiinii Aanaa Babbillee Araddaa Tulaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share