
23/06/2025
Paarlaamaan Iraan ulaan Hormuuz akka cufamu yaada dhihaate raggaasise.
πππ ππ¨ππππ¬π ππππ°π¨π«π€
(Waxabajjii 23/2025) Finfinnee
β’ Ameerikaan ammoo Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa akka gootu gaafatteetti
Bobaβaan hin calalamiin addunyaa kanaa dhibbeentaan 20 ulaa βStrait of Hormuzβ Iraan fi Omaan gidduu argamu kanaan daddabarfama.
Paarlaamaan Iraan ammoo haleellaa US Ameerikaan Israaβeliin tumsuudhaan biyyattii irratti raawwatte haaloo bahuuf ulaan βStrait of Hormuzβ kun akka cufamu yaada murtee dhihaateef raggaaseera.
Murteen Paarlaamaa kun hojiirra kan oolu, ajajni dhumaa hogganaa olβaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Khaamiiniidhaan erga kennamee booda akka taβe eerameera.
Ulaan βStrait of Hormuzβ kiiloo meetira 40 balβatu kun yoo cufame, dhiheesii bobaβaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaan uummamuu akka dandaβu Niwiis Wiik Televizhiinii Iraan waabeffachuun gabaasera.
US Ameerikaan ammoo ulaan βStrait of Hormuzβ akka hin cufamne Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa akka gootu gaaffatteetti.
Ministirri Dhimma Alaa US Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, ulaan kun akka hin cufamne Chaayinaan Iraan irratti dhiibbaa akka gootu waamicha dhiheessaniiru.
Embaasiin Chaayinaa Waashingitan jiru garuu hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada kan hin kennine taβuun eerameera. (ETV, Reuters)