07/01/2026
Waamicha Yaa'a Gadaa Sikkoo-Mandoo Dhaddacha Heeroo hin hafamuu,Hin Hafinaa Jedhan Abbaa Gadaa Sikkoo-Mandoo Aliyyii Muhaammad Suruur! Arsii Sikkoo-Mandoo yaa'a Dhaddacha Guutaa irratti gaggeeffataniin Dhaddachoonni Gadaa Sikkoo Mandoo 20 akka deebi'aniif murteen dabarse.
Dhaddachi 21ffaan Hosaanaa keessatti argama. Qaama murtee jila yaa'a Dhaddacha Guutaa dhaddachoota 20'n deebisuu kan ta'e yaa'iin guddaan Arsii lafa seena qabeettii Baalee Bahaa Aanaa Laga Hidhaa Dhaddacha hangafa dhaddachoota Sikkoo Mandoo kan ta'e 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐇𝐞𝐞𝐫𝐨𝐨𝐭ti Ammajjii 01 hanag Amajjii 03/2018 tti yaa'iin guddaan Arsii gaggeeffamuuf qophiin hundi xumuramee hirmaattonni fageenya irraa garasitti imalaa jiru.
Oromoon duudhaa isaa ganamaa Sirna Gadaa jalaa laffate bakkatti deeffachuun yeroo murteessaafi barbaachisaadha. Sirni kun yeroo mootummaan Jijjiiramaa Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi'uuf xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jirutti gaggeeffamuun adda isa taasisa.
Yaa'iin kun kan Oromoo hundaa waan ta'eef ilmaan Oromoo hunduu keessattuu abbaan sirnichaa Ilmaan Arsii Sikkoo Mandoo, yaa'a kanarratti argamuun sirna keenna bakkatti akka deeffannu waamicha waliif dabarsina.