Sawena Media Network

Sawena Media Network SMN World Service-Facebook Miidiyaa Uummataa Hordofaa?!

SMN} Adoolessa 3/2017" Gadaan Sirna Bulchiinsaa Diimokraatawaafi Calaqqee Eenyummaa Saba Oromooti.Gadaan sirna uummanni ...
10/07/2025

SMN} Adoolessa 3/2017" Gadaan Sirna Bulchiinsaa Diimokraatawaafi Calaqqee Eenyummaa Saba Oromooti.

Gadaan sirna uummanni Oromoo ittin wal bulchaa tureefi madda beekumsa xabboo dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeedha. Sirni Gadaa Oromoo keessatti sochiin siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi hariiroon uumaaf uumamaa ittiin hoogganamu ta’uu bira darbee dhimmoota akka waldhabdee furuufi murtii walootiin mirgi uumamaa kan ittin eeggamuudha.

Sirna bulchiinsa Gadaa keessatti walitti hidhamiinsa hawaasummaa ijaaruu fi bifa Aadaa, sansakafi safuu Uummata Oromoo calaqqisiisuu danda’uun wal harkaa fuudhiinsi baallii Gadaa akkaataa sirnaafi seera Oromootiin kan itti raawwatamuudha. Sirni Gadaa, sirna Oromoon jaarraa hedduuf ittin wal bulchuun har’a gahe yoo ta’u, yeroo ammaa caalmatti daangaan isaa eeggamuun bakkasaatti deebi’aa jira.

Kanaanis sirni wal harkaa fuudhiinsa baallii Gadaa yeroo isaa eeggachuun waggaa saddeet saddeetin gaggeeffamaa jira. Bu’uuruma kanaan Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo gamasaaniitin yaa'ii Sikkoo Mandoo Adoolessa 5 hanga 6tti gaggeessuuf waamicha taasisanii jiru.

Abbaan Gadaa Sikkoo Mandoo Obbo Aliyyii Muhammad Suruur yaa'iin Sikkoo Mandoo gaggeeffamu kun aadaafi duudhaa Oromoo jabeessuu, kunuunsuun dhaloota gara dhalootatti akka darbuuf kan gargaarufi barmaatilee miidhaa geessan kanneen Sikkoo Mandoo keessatti mul'atan irratti murtii garagaraa dabarsuuf kan kaayeffate ta’uu eeranii jiru.

Dabalataanis yaa'ii gaggeeffamu kanaan Oromummaa jabeessuu, walbeekumsifi walhubannaan Oromoo Sikkoo Mandoo giddutti akka cimu taasisuun safuufi duudhaan sabichaa akka hin cabne kan ittiin taasifamuufi tokkummaafi waldhageettiin kan itti cimu ta'us ibsaniiru.

Hawaasni bal'aan Sikkoo Mandoo yaa'ii Adoolessa 5 hanga 6 Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii, Hara Laangaanootti adeemsifamu kanaratti akka hirmaatuufi murtiiwwan yaa'ichaan darban hojirra akka oolchaniif Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo waamicha taasisaniiru.

SMN } Waxabajjii 28/2017 Godina Baalee bahaa Aanaa Sawweenaa Ganda Hadaatti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Eebbifamee Jir...
05/07/2025

SMN } Waxabajjii 28/2017 Godina Baalee bahaa Aanaa Sawweenaa Ganda Hadaatti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Eebbifamee Jira!

Godina Baalee bahaa Aanaa Sawweenaa Ganda Hadaatti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Birrii Miliyeena 153n Oliin Hojjatame Bakka Hogganaan Biiroo misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa fi Bulchaan Godina Baalee Bahaa Aab Jaarsoo Boruu Raroo akkasumas Hoggantoonni Garaa garaa hedduun Argamanii fi Hawaasni Bal'aan Ganda Hadaa Argamanitti Eebbifamee Jira.

Hawaasni Ganda Hadaa Baga Gammaddan! Rakkoo Bu'uuraalee Misoomaa Ganda Hadaa Keessaa Rakkoon Bishaan Dhugaatii qulqulluu Gaafii Hangafaati.Hawaasa Ganda Hadaatii fi Naannawa Sanaa Hundinuu Baga Gammaddan Baga Rakkoo Bishaan Dhugaatii qulqulluu bara dheeraa ture Isiniif Deebi'e .

Qaamni dhimmi Ilaallatu qooda fudhattoonni Milkaa'inna Pirojektii Bishaan Dhugaatii ganda hadaa Hundinuu Galatoomaa.

SMN } Waxabajjii 28/2017 Vist Bale" Dacheen Baalee Lafa Uumamaan Uumaan Badhaasee dha, Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawween...
05/07/2025

SMN } Waxabajjii 28/2017 Vist Bale" Dacheen Baalee Lafa Uumamaan Uumaan Badhaasee dha, Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawweenaatti kan Argamu Gaarri Qaawaa Iddoolee Seenaa Qabeessa Baalee Bahaatti Argaman Keessaa isa Tokkoodha, Haa ta'uutii Gaarri Qaawaa Uumamaan Iddoo Seenaa qabeessa Ta'ee Argamus Gaarri Qaawaa Biyyaa fi Adunyaa dhiisii hanga Ammaa Baalettuu Hin beekkamne, Hambaalee Seenaa fi Bakkeewwan hawwata Turizimiitiif Oolan kunuunsuu fi Beeksisuun Dirqama Qaama Hundaati!

Gaarri Qaawaa Akkuma Suuraa irratti argitan kana Gaara Uumamaan Qaawa Baldhaa,Miidhagaa kana qabuudha Tilmaamni Baldhinni Qaawa Isaa Olee meetira 15 Daglee meetira 10 ni taha, Hambaalee Gaarreen Baalee keessaa Gaarri Qaawaa isa tokkoodha, Qorattoonni Hawwata Turizimii Oromiyaa Dabalatee Gareen Akka biyyaatti Iddoolee Seenaa qabeessa Ethiopia keessatti Argaman kamuu Qoratanii Biyyaafii Adunyatti beeksisaa jiran Gaara Qaawaa iddoo seenaa qabeessaafi Miidhagaa kana Oromiyaa,Toophiyaafi Adunyattis Beeksisaa?

Akka Baalee Bahaatti Iddooleen Seenaa Qabeessa Murteessoo ta'an 👉 1, Soof-Umar 2, Dirree Sheek Huseen 3,Gaara Qaawaa fi 4, Gaara Gooniiti, Gaarri Goonii Iddoo Dahoo Gootota Baalee Ture , Gootichi Gammoojjii Baalee Jeneraal Huseen Bunee Daraaraa Gaara Goonii Iddoo qubsuma Mooraa Waraana Isaa godhuun injifannoo garaagaraa *nyoota Irratti galmeessaa ture, Kanaaf iddooleen kun akka Baalee Bahaatii Mitii, Akka biyyaattis Iddoolee Murteessoodha, Dacheen Baalee Lafa Uumamaan Uumaan Badhaase kan jedhameef kanaafi jedhan, Akkasuma Dacheen Baalee jaannata Addunyaatis jedhu Qorattoonni Hawwata Turizimii Addunyaa !✍️🙏

Kiristiyaanoo Roonaldoon guyyaatti Yuuroo miiliyoona tokko ol argata,Uurjiin kubbaa miilaa addunyaa kanaa Kiristiyaanoo ...
27/06/2025

Kiristiyaanoo Roonaldoon guyyaatti Yuuroo miiliyoona tokko ol argata,

Uurjiin kubbaa miilaa addunyaa kanaa Kiristiyaanoo Roonaaldoon waliigaltee Kilaba Sa’udii Arabiyaa Al-Naasir keessa isa tursiisu mallateeseera.

Roonaaldoon bu'uura waliigaltee haaraa waggaatti mindaa Yuuroo Miiliyoona 400 argata.

Mindaan kun ji'aan Yuuroo miiliyoona 33.34, torbaanitti ammoo Yuuroo miiliyoona 7.6 ta'a.

Mindaan Roonaaldoon guyyaan argatu Yuuroo miiliyoona 1.1 yoo ta'u, sa'aatii 1 keessatti ammoo Yuuroo Kuma 46 fi 300 argata jedhameera.

Dabalataan ammoo taphatichaaf qoonni abbaa qabeenyummaa Al-Naasir dhibeentaa 15 kennameera.

Roonaldon Al-Naasirif goolii yoo galche kaffaltii dabalataa Paawundii kuma 80, yoo mijeessee kenne ammoo Paawundii kuma 40 argata.

Dabalataan Kilabni Al-Naasir Roonaldoof Jeetti paawundii miiliyoona 4, baasii isaa hundaa walinii fi hojjettoota sa'aatii Guutuu 16 akka qaxareef gabaafameera.

Hoggantoonni waraanaa   sadii haleellaa  ’eliin ajjeefaman jedhaman lubbuun jiraachuu isaanii gabaafameHoggantoonni wara...
25/06/2025

Hoggantoonni waraanaa sadii haleellaa ’eliin ajjeefaman jedhaman lubbuun jiraachuu isaanii gabaafame

Hoggantoonni waraanaa Iraan sadii haleellaa Israa’eliin ajjeefaman jedhaman ayyaana injifannoo Iraan ummata waliin osoo kabajanii mul’achuu isaanii Anadooluu fi miidiyaaleen Iraan gabaasan.

Waxabajjii 13 irraa eegalee Israa’el haleella Iraan irratti raawwatteen jeneraalota Iraan ajjeesuushee kan beeksifte yoo ta'u, hooggantoonni waraanaa Iraan sadan guyyaa kaleessa yeroo Iraan ayyaana injifannooshee kabajju ummata waliin kabajaniiru jechuun maddeen kunniin gabaasan.

Isaan keessaa tokko Ajajaan Raayyaa Qudsi Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Birgaadeer Jeneraal Ismaa’il Qa'aanii gammachuudhaan ayyaana kana kabajuusaanii miidiyaaleen biyya keessaa Iraan gabaasaniiru.

Viidiyoon tajaajilli oduu Iraan Tasniim maxxanse, namoota saganticharratti walitti qabaman keessaa Qa'aaniin akka argamu agarsiiseera.

Ejensichi X irratti Komaandar Qa'aaniin guyyaa injifannoo har’a Teehraan keessatti kabajamerratti argamu jechuun dubbateera.

TVn Preessii mootummaan maallaqaan gargaaramus viidiyoo kana maxxansuun akkas jedheera: “Birigeedar Jeneraal Esmaa’eel Qa’aanii, Ajajaa Raayyaa Qudsii Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaama Teehiraan keessatti yeroo ayyaanni injifannoo sirna Ziyoonistii (Israa’el) irratti argametti namoota ayyanicharratti argamaniin gammachuu guddaadhaan simataman.”

Gaazexaan Niwu Yoorki Taayimsi jalqaba ji’a kanaarratti akka gabaasetti, Qa'aaniin hoggantoota waraanaa Iraan olaanoo haleellaa Israa’eliin ajjeefaman keessaa tokko ta’uu ibsuu isaa ni yaadatama.

Haaluma walfakkaatuun dhaabbati oduu Tasniim akka gabaaseetti yeroo sanatti ministira ittisaafi ajajaa humna qilleensaa kan turan Birgaadeer Jeneraal Aziiz Naasirzaadeeh haleellaa qilleensaa Waxabajjii 13 Ministeera Ittisaarratti raawwatameen ajjeefamuu isaanii kan gabaafame yoo ta’u garuu ammallee lubbuun jiraachuufi aangoorra jiraachuu isaanii ibse.

Akkasumaas Gorsaan Olaanaan Ayaatullah Alii Kaaminiifi Hogganaa nageenyaa kan ta’an Admiiraal Ali Shaamkaaniillee namoota haleellaa qilleensaa Israa’el Waxabajjii 13, 2025 raawwateen ajjeefamuunsaanii gabaafame keessaa tokko kan turan Admiiraal Alii Shaamkaanii sirna injifannoo kanarratti argamuun injifannoo kana kabajuu isaanii dhaabbileen oduu Iraan gabaasaniiru

Oduu Ammee!= = = = =Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Balallii Gara Isr*elitti Taasisu Addaan Kutuu kan beeksise yoo ta'u, B...
16/06/2025

Oduu Ammee!
= = = = =
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Balallii Gara Isr*elitti Taasisu Addaan Kutuu kan beeksise yoo ta'u, Bifuma wal fakkaatuun biyyoonni Addunyaa hedduuniis balallii isaanii dhaabuu ibsaa jiru.

SMN } Waxabajjii 7/2017 "Biyyoonni Baha giddugaleessaa Iraani fi Israa'el haleellaa qilleensaa fi misaa'elaatiin wal aka...
14/06/2025

SMN } Waxabajjii 7/2017 "Biyyoonni Baha giddugaleessaa Iraani fi Israa'el haleellaa qilleensaa fi misaa'elaatiin wal akaayaa jiru.

Biyyi Beeniyaamin Netaaniyaahuu Israa'el waxabajjii 13 bara 2025 ganama haleellaa biyya Ayaatolaa Alii Komeenii Iraan irratti raawwatte hordofee halkan edaa magaalaan guddoon Israa'el Teel Aviv ibiddi itti roobaa buluu miidiyaaleen idil-addunyaa gabaasaa jiru.

Israa'el fi Iraan, Tehraan fi Teel Aviv, Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi Ayaatolaa Alii Komeenii, Mosaadi fi Ministeerri basaasaa Iraan wal haleellaa jiru.

Israa'el wiirtuuwwan niwukilaraafi buufatawwan waraanaa Iraan irratti haleellaa raawwachuun hoogganaa Eegdota Warraaqsaa Iraan Huseen Salaamii aangawoota waraanaa olaanoo dabalatee saayintistoota gabbisa niwukilaraa Iraan ajjeefte.

Tarkaanfii Haloo bahiinsa fudhadhee Israa'elitti Azaaba bana kan jedhe hoogganaan Iraan Ayaatolaa Alii Komeenii halkan edaa misaa’eloota Bilaastikaa Teel Aviv irratti dhukaasaa bule.

Teel Aviv misaa'eloota Tehraan irraa itti dhukaafamaa bule humna Ittisa qilleensa Iron Dom jedhamuun qolachuuf yaala bultuus haleellaan hedduun raawwatamuu miidiyaaleen gabaasaa jiru.

Gabbisni Nikulaaraa fi jiraachuun Iraan Israa'eliif sodaa guddaadha kan jedhan dureen Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu haleellaa Jimaata kaleessaa ganama raawwataniin miidhaa guddaa wiirtuu gabbisa Niwukilaraa Iraan irraan gahuu dubbatani jiru.

Israa'el haati dhaabbata basaasaa guddaa addunyaa Mosaad fi Iraan haati diroonii Mohaajar 6 baha giddugaleessaa keessatti wal haleellaa jiru.

Haleellaa Israa'el Jimaata Iraan irratti banteen saayintistoota nikuleeraa jaha fi aanga'oota waraanaa dabalatee namoonni 78 ajjeefamuu fi 320 miidhamuu Iraan dhaabbata mootummoota gamtoomanitti beeksifte jirti.

Haleellaa Haloo bahuu Iraan Jerusalemii fi Teel Aviv keessatti raawwatteen namoonni lama ajjeefamuu fi 21 miidhamuu Israa'el beekfsitee jirti.

Haleellaa eda Tehraan raawwataa turteen magaalaan akka Rishoon lezion faatii miidhamani jiru.

Haleellaa biyyoonni baha giddugaleessaa lamaan wal irratti taasisaa jiran kanaan biyyoonni garagaraa yaaddoo isaanii ibsataa jiru.

Chaayinaan Israa'el "walabummaa, nageenyaa fi birmadummaa daangaa Iraan sarbuu" balaaleffattee jirti.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaan Chaayinaa, Fuu Koong walgahii ariifachiisaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii halkan darbe taa'ame irratti Chaaynaan haleellaa Israa'el raawwattee balaaleefattee jedhe.

Beejiing dhiibbaa hamaa haalli amma jiru marii nikulaaraa Iraan irraan geessisu irratti ''yaaddoo guddaa'' qabdi jechuun itti dabalanii, Israa'el muddama akka hin hammaanne gochuuf tarkaanfii waraanaa hunda hatattamaan akka dhaabdu gaafataniiru.

Akkasumas Iraan ''anniisaa niikulaara haala nagaatiif fayyadamuu akka biyya mallatteessituu Waliigaltee Meeshaa Nikulaarri Hin Babal'isneetti mirgishee guutummaatti kabajamuu qaba'' jedhan.

Kanas ta'ee sana biyyoonni lamaan ammas walitti dhaadachuu itti fufaniiru.

SMN} Caamsaa 23/2017 "Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a taphatama!= = = = = =Tapha xumuraa har’a halk...
31/05/2025

SMN} Caamsaa 23/2017 "Taphni xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a taphatama!
= = = = = =
Tapha xumuraa har’a halkan Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti taphatamu kana lammiin Roomaaniyaa Istivaan Koovaaksi abbaa murtee olaanaa ta’uun dursu.

Istivaan Koovaaksi tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii, Liigii Awurooppaa fi Konfiraansi Liigii abbaa murtee olaanaa ta’un kan dursan nama jalqabaa ta’u.

Intermiilaan yeroo 3 waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifateera.

PSGn ammoo hanga ammaatti waancicha injifatee hin beeku.

Kilaboonni lamaam taphoota waliin taphatan 5 keessaa PSGn yeroo 3 yoo injifatu, Intermiilaan yeroo lama injifateera.

PSGn seenaa jalqabaa hojjechuuf, Intermiilaan ammoo yeroo 4ffaaf waancicha injifachuuf falmiin har’a kilaboota lamaan gidduutti taasiifamu hawwiin eegama.





SMN} Caamsaa 18/2017 Liiverpuul injifannoo Piriimeer Liigii bara 2024/25 deeggartoota isaa waliin kabajaa jira. Daandiww...
26/05/2025

SMN} Caamsaa 18/2017 Liiverpuul injifannoo Piriimeer Liigii bara 2024/25 deeggartoota isaa waliin kabajaa jira.

Daandiwwanirra naanna'uun waancaa Piriimeer Liigii yeroo 20ffaaf fudhate kabajuurratti argama.

Waggaa shan dura shaampiyoonaa Piriimeer Liigichaa ta'us sababa Kooviid - 19'n deeggartoota isaa waliin osoo hin kabajiin hafuun kan yaadatamuudha.

Liiverpuul taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz bara kanaarratti taphoota 38 taphateen qabxii 84 walitti qabachuun shaampiyoonaa ta'uun isaa ni beekama.

Deeggartoonni Liverpool Baga Gammaddan!

SMN } Ebla 08 /2017 :- Fiyooreentiinoo Peerez  Riyaal Maadiriid Arsenaal yoo kuffise tokkoon tokkoon taphattootaaf badha...
16/04/2025

SMN } Ebla 08 /2017 :- Fiyooreentiinoo Peerez Riyaal Maadiriid Arsenaal yoo kuffise tokkoon tokkoon taphattootaaf badhaasa qopheessuu himan

Morkiin qalbii addunyaa hawwate taphni Riyaal Maadiriidii fi Arsenaal galgala kana xumura argata.

Arsenaan har'a galgala Maadiriid yoo injifate, waggaa 15 booda yeroo jalqabaaf walakkaa xumuraaf gaha.

Tapha marsaa jalqabaan galchii 3 fi 0 kan injifatame Riyaal Maadiriid guyyaa injifatame irraa eegalee qabxii kana jijjiiruuf xiiqii keessa galee jira.

Taphataan sarara gidduu kilabichaa Jude Bilingahaam ‘galgalli har’aa kan Maadiriidi’ jechuun dhaadateera.

Dhaadannoon kuni kan Bilingahaam qofaa miti, yaada taphattootaa fi deeggartoota kilabichaa hundaati.

Gama biraan sarara ittisaa cimaa kan qabu Arsenaal galchii lamaa ol erga itti lakkaa'amee, guyyoonni 497 lakka'amaniiru.

Loosbilaankonni qabxii kana yoo jijjiraan riikoordii kanallee ni cabsu.

Gama biraan Riyaal Maadiriid galchii sadii itti lakka'amee goolii 4 ol lakkoofsisee qabxii erga jijjiiree waggaa 40 ta'uun isaa morkii garee lamaanii adda taasisa.

Fiyooreentiinoo Peereez taphattoonni Maadiriid qabxii kana yoo jijjiiran kennaan addaa akka isaan eeggatu waadaa galaniiru.

Tapha Atileetikoo Maadiriid waliin taasisaniin qabxii jijjiranii nuusa xumuraa wayita gahanitti,tokkoon tokkoon taphattootaaf paawundii kuma 200 fi kuma 50 gumaachuun isaanii ni yaadatama.

Misikkir Alamaayyootiin

SMN } Bitootessa 27/2017:- Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawweenaatti Dhaabbanni (World Vision) Damee Aanaa Sawweenaa Midhaa...
05/04/2025

SMN } Bitootessa 27/2017:- Godina Baalee Bahaa Aanaa Sawweenaatti Dhaabbanni (World Vision) Damee Aanaa Sawweenaa Midhaan Nyaataa,Zeytaafi Hatara Hawaasa Gandoota Maayibaasii Hadaatiif Raabsuu Eegalee Jira.

Guyyaa Har'aa Gandoota Maayibaasii Hadaa Gandoota Kudhan Keessaa Ganda Lama ganda Doolchaatii fi Ganda Hadaatiif Abbaa Warraa Kuma Tokkoo (1,000) Oliif Midhaan Nyaataa, Hataraa fi Zeyti Nyaataa Raamsafameefii jira.

Sochii Ji'a Ramadaanaa qofa keessa taasisneen Namoonni Kuma tokkoo fi dhibba jahaaf kudha afur (1614) gama Islaamummaa d...
26/03/2025

Sochii Ji'a Ramadaanaa qofa keessa taasisneen Namoonni Kuma tokkoo fi dhibba jahaaf kudha afur (1614) gama Islaamummaa dhufuu danda'anii jiru.” Ustaaz Xaaliburidallah.

Masha Allah!
Rabbi isinirraa haa jaallatu.

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sawena Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share