26/07/2026
GAAFFII HORDOFTOOTAA IRRAA
************************************
GAAFFII: Doctor, abbaan manaa koo hayyama konkolachisummaa baasuuf qorannoo fayyaa gaafa taasisu akka carraa vayirasiin tiruu gosa vayirasii B dhiiga isaa keessatti argame.Ani akka haadha manaa isaatti maal gochuun qaba?
DEEBII: Hayyee...Gosti vayirasii B kan daddarbu karaa tuttuqqii dhiigaa , haadharra gara daa'ima dhalattutti , wal-qunnamtii saalaa fi dhangala'aa qaamaa akka dafqaa nama isa qabuutin ni daddarba.
*Vaayirasiin kun akkuma nama falaameen nama ga'eessa 5-10% keessatti duwwaa infeekshinii uumuu danda'a!
*Namoota infeekshinii godhatan keessaa immoo ji'a ja'a booda namoota 90-95% keessatti ofumaan qaama keessaa bada! Kana jechuun nama 100 vayirasiin tiruu gosa B qabame keessaa namni 95 ji’a 6 keessatti ofumaaf fayya!
*Namoota muraasa (5%) hafan keessatti vaayirasiin kun ji'a jaha booda dhiiga keessatti hafuu danda'a; kunis infeekshinii vaayirasii tiruu gosa B isa turaa (chronic hepatitis B virus infection) jedhama.Namoonni kun hordoffii fi yaala qorichaa barbaadu!
Hub: Yeroo tokko vayirasii tiruu gosa B qabamnaan dhiiga keessaa guutummaatti balleessun hin danda’amu! To’achuun garuu ni danda’ama. Akkuma HIV/AIDS jechuudha.
Kanaaf namni jalqaba Vaayirasiin kun dhiiga isaa keessa jiraachuu ilaalamuu
1. Yoo qaama namaa keessa jiraachuu baate, talaallii isaa fudhachuu. Talaallin isaa kunis hospitaalota mootummaa hedduu fi manneen qorichaa (pharmacy) dhuunfaa baay’eetti gatii salphaa dhaan ni argama. Namni tokko ji’a 6 keessatti si’a sadi fudhannaan 95% dhukkubicha ni ittisa.
2. Yoo dhiiga kee keessa jiraatemmoo mana yaalatti hordofuu dhan sadarkaa isaa adda baafachuu ,achiinis yaala jalqabuu!
Yaala:
*****
HUB: Namni tasa vayirasii tiruu gosa B yoo faalame kunis karaa tuttuqqii dhiigaa , wal-qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne fi kkf osoo hin turin sa'aatii 72 yoo baayyate guyyaa 7 gaditti qoricha fi talaallii isaa yoo fudhate carraa vayirasii kanaan qabamuu isaa hambisuu yookiin daran xiqqeessuu danda'a.
Vayirasii tiruu gosa B namoonni qabaman qoricha kan qabu fi hordofnaan haalaan miidhaa isaa to'achuun ni danda'ama, garuu guutummaatti irraa fayyuun hin jiru.
*****************************
Barumsa fayyaa akkasii guyyaa guyyaan argachuuf fuula Fcebook "Dr Oliyad Shegene" jedhu follow gochuun nu hordofaa! ulfaadhaa!
Galatoomaa! Like and share this page!
Dr Oliyaad Shagganaa tin