Dr Oliyad Shegene

Dr Oliyad Shegene Medical Doctor, Lecturer and Public Health Advocate
"Fayyaa koof beekudhaan nan eeggadha!
(1)

GAAFFII HORDOFTOOTAA  IRRAA************************************GAAFFII: Doctor, abbaan manaa koo hayyama konkolachisumma...
26/07/2026

GAAFFII HORDOFTOOTAA IRRAA
************************************
GAAFFII: Doctor, abbaan manaa koo hayyama konkolachisummaa baasuuf qorannoo fayyaa gaafa taasisu akka carraa vayirasiin tiruu gosa vayirasii B dhiiga isaa keessatti argame.Ani akka haadha manaa isaatti maal gochuun qaba?

DEEBII: Hayyee...Gosti vayirasii B kan daddarbu karaa tuttuqqii dhiigaa , haadharra gara daa'ima dhalattutti , wal-qunnamtii saalaa fi dhangala'aa qaamaa akka dafqaa nama isa qabuutin ni daddarba.

*Vaayirasiin kun akkuma nama falaameen nama ga'eessa 5-10% keessatti duwwaa infeekshinii uumuu danda'a!
*Namoota infeekshinii godhatan keessaa immoo ji'a ja'a booda namoota 90-95% keessatti ofumaan qaama keessaa bada! Kana jechuun nama 100 vayirasiin tiruu gosa B qabame keessaa namni 95 ji’a 6 keessatti ofumaaf fayya!
*Namoota muraasa (5%) hafan keessatti vaayirasiin kun ji'a jaha booda dhiiga keessatti hafuu danda'a; kunis infeekshinii vaayirasii tiruu gosa B isa turaa (chronic hepatitis B virus infection) jedhama.Namoonni kun hordoffii fi yaala qorichaa barbaadu!

Hub: Yeroo tokko vayirasii tiruu gosa B qabamnaan dhiiga keessaa guutummaatti balleessun hin danda’amu! To’achuun garuu ni danda’ama. Akkuma HIV/AIDS jechuudha.

Kanaaf namni jalqaba Vaayirasiin kun dhiiga isaa keessa jiraachuu ilaalamuu
1. Yoo qaama namaa keessa jiraachuu baate, talaallii isaa fudhachuu. Talaallin isaa kunis hospitaalota mootummaa hedduu fi manneen qorichaa (pharmacy) dhuunfaa baay’eetti gatii salphaa dhaan ni argama. Namni tokko ji’a 6 keessatti si’a sadi fudhannaan 95% dhukkubicha ni ittisa.
2. Yoo dhiiga kee keessa jiraatemmoo mana yaalatti hordofuu dhan sadarkaa isaa adda baafachuu ,achiinis yaala jalqabuu!

Yaala:
*****
HUB: Namni tasa vayirasii tiruu gosa B yoo faalame kunis karaa tuttuqqii dhiigaa , wal-qunnamtii saalaa of eeggannoo hin qabne fi kkf osoo hin turin sa'aatii 72 yoo baayyate guyyaa 7 gaditti qoricha fi talaallii isaa yoo fudhate carraa vayirasii kanaan qabamuu isaa hambisuu yookiin daran xiqqeessuu danda'a.

Vayirasii tiruu gosa B namoonni qabaman qoricha kan qabu fi hordofnaan haalaan miidhaa isaa to'achuun ni danda'ama, garuu guutummaatti irraa fayyuun hin jiru.
*****************************

Barumsa fayyaa akkasii guyyaa guyyaan argachuuf fuula Fcebook "Dr Oliyad Shegene" jedhu follow gochuun nu hordofaa! ulfaadhaa!

Galatoomaa! Like and share this page!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

DHALA DHABUU KAN DUBARAA (female infertility)            ****************************************************Dhala dhabu...
25/07/2026

DHALA DHABUU KAN DUBARAA (female infertility)
****************************************************
Dhala dhabuu yookin maseenummaa kan jennu:

1. Dubartii umurii wal-hormaata ( waggaa 15-49) keessa jirtu
2 .Mala ittisa ulfaa kamiyyuu kan hin fayyadamne
3. Torbaanitti yoo xiqqaate qunnamtii saalaa si’a 3-5 gochuu fi
4. Haala kanaan waggaa tokkoof yoo dhalli dhabameedha
Dhala dhabuun kunis jalqabumarraa dhala godhachuu dhabuu ( primary ) fi erga dhala godhatanii deebi’anii godhachuu ( secondary infertility) dadhabuudha.

Sababa dhalaa dhabuu dubaraa Fidan :
**************************************
*Sababni dhala dhabuu rakkoo dhiiraas ykn dubartas ta’uu danda’a. Kan dubaraa 40% yoo ta'u, kan dhiiraa 30% qabata. Ammaaf garuu kan dubarootaa ilaalla:

1. Rakkoowwan muldhachuu dhabuu hafuu marsaa laguun walqabatu (anovulatory) 50% qabata
2. Umurii ( waggaa 35 ol) carraan ulfaa’uu hir’ataa deema
3. Dhukkuboota qunnamtii saalaan daddarban ( STIs)
4. Araada garagaraa akka alkoolii, sigaaaraa fi kkf
5. Rakkoowwan qaama wal-hormaata dubaraa akka ulaa cufaa ( vaginal septum) ykn gadameessa umamaan cufaa fi kanneen biroo
6. Qorichoota tokko tokko fkn qoricha kaansarii, co***ne fa
7. Baqaaqsanii yaaluu naannoo gadameessa ykn mudhii gadii yoo qabaatte
8. Rakkoo xinsammuu garaagaraa yoo qabaatte fi kkf

Rakkoo dhala dhabuun fidu inni guddaan rakkoo xiinsammuu fi hamma ga’eela diiguu geessuu danda’a .

YAALA (Treatment)
********************
Ulagaalee dhala dhabuu armaan olii namni guutu gara mana yaalaa deemuun sababni isaa erga adda bahee booda, rakkoowwan baay’een isaanii ni yaalamu!

GALATOOMAA…..horaa bulaa fayyaa hin dhabinaa!

Fuula Facebook “ Dr Oliyad Shegene” jedhu follow gochuun barumsa fayyaa koottaa waliin baranna!
Dr Oliyaad Shagganaa tin!

HANQINA DHIIGAA (Anemia)*******************************Hanqinni dhiigaa rakkoo yeroo baay'ee mudatu fi sababoota garaaga...
25/07/2026

HANQINA DHIIGAA (Anemia)
*******************************
Hanqinni dhiigaa rakkoo yeroo baay'ee mudatu fi sababoota garaagaraan dhufuudha. Hiikaan isaa akkuma maqaan isaa ibsu hammi seelii dhiiga diimaa qaama keenya keessaa gadi bu'uudha.
Namoota lafarra jiran keessaa nama 3 keessaa namni 1 hanqina dhiigaa qaba jedha. Dhabbanni Fayyaa Addunyaa!

Sababoota hanqina dhiigaa
*****************************
*Hanqina nyaata albuuda ayiraniin badhaadhan kanneen akka tiruu ,foon diimaa, biqiloota baala magariisaa, atara fi baaqeelaa fa dha.
*Hanqina nyaataa fooleetii fi vayitaminii 12 badhaadhan kunis maddi fooleetii biqiloota yoo ta'u, maddii vayitaminii B12 ammoo bu'aalee beeyladotaa irraa argama.
*Sababa garaagaraan dhiigni dhangala'uu fkn sababa balaa ykn da'uumsa irraa
*Rakkoolee dhaalan daddarban tokko tokko
*Rammoolee mar’imaanii dhiiga xuuxan
*Dhukkuboota daddarboo hin taane kanneen akka dhukkuba kalee , tiruu fi kkf

Mallattoolee hanqina dhiigaa
*******************************
*Dadhabbii qaamaa , humna dhabuu yookiin bututa
* Bowwoo mataa yookin mataa dhukkubbii
*Hafuura kutuu yookin hafuurri wal-hanqachuu
*Rukuttaa onnee dabaluu
*Gurraa keessaa nama iyyuu yookin qillisuu
*Lafa namatti naanna'uu
*Xiyyeeffannoon yaaduu dadhabuu*Hanqina dhiigaa irraa kan ka'e miidhaa kalee , onnee fi qaamoota keenya biroo irra gahuu
*Afaan, arrabni fi hidhiin mammadaa'uu faa dha.

Yaala
*****
*Yaaalli hanqina dhiigaa sadarkaa fi gosa isaa irratti hundaa’uun yaala garaagaraa qaba.Yeroon yaalamuu baannan garuu qaamota akka onnee , kalee fi sammuu miidhuun hamma du'atti geessuu danda'a.

Please warri maxxansa kana argitan fuula Facebook

“ Dr Oliyad Shegene"

jedhu follow fi like gochuu hin dagatinaa! Nama baay’ee bira ga’aa hin jiru!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

Ofeeggannoo Fayyummaa Kaleef godhamuu qaban!***********************************************************Yeroo ammaa kana ...
22/07/2026

Ofeeggannoo Fayyummaa Kaleef godhamuu qaban!
***********************************************************
Yeroo ammaa kana akka biyya keenyattiis ta'ee akka addunyaatti dhukkubni kalee daran hedduummaa jira. Kalee bu’aa qaama keenyaa keessaa baay’ee murteessaa kan ta’e salphaatti midhamuu fi fayyidaan ala qaama ta’uu danda’uudha. Kanaaf akka armaan gadii kanatti of eeggannoo gochuun fala.

1.Qoricha mana yaalaan ajajame ala fudhachuu irraa of qusachuu. Kunis qorichoonni mana yaalaatii kennaman baay'een isaanii fi qorichoonni aadaa baay'een kalee hubuu danda’u.
2.Sosochii qaamaa gochuu
3. Fincaan yeroo dheeraaf qabachuu dhiisuu
4.Tamboo aarsuu dhiisuu
5. Alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusachuu
6.Nama dhukkuba sukkaaraa ykn dhiibbaa dhiigaa olka’aa qabu yoo tahe qoricha fi yaala isaa sirritti hordofuu
7. Furdina garmalee irraa of qusachuu yooki hirdhisuu
8. Bishaan sirritti dhuguu guyyaatti yoo xiqqaate litiira 2 fi isaa ol
9.Mallattoolee infeekshinii ujummoo fincaanii akka fincaan gubuu , sarduu (arifachiisuu) fi dhiiga makuu yoo jiraate dafanii yalamuu.
10. Yoo xiqqaate waggaa si’a tokko ykn lama fayyummaa kalee keenya ilaalamuu fi kkf dha.

Mallattoolee miidhama kalee agarsiisuu danda’an:
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
* Namni kalee tokkoon jiraachuu waan danda’u fi kaleen keenya hamma hojii isaa 70% ol dhaabbatutti mallattoo agarsiisuu dhiisuu danda’a.
*Kanaafis namni baay’een erga kaleen isaa lamaanuu hojii dhaabee mallattoolee akka dhiitaa qaamaa guutuu , hammi fincaanii hirrachuu ykn gutummatti dhabamuu , fedha nyaataa dhabuu , haqqisiisaa fi kkf argisiisee mana yaalaa dhaqa.

Yaalii (Treatment):
============
Yaaliin isaa sadarkaa miidhama kalee fi sababa isaa irratti hundaa’a. Garuu yeroo baay'ee osoo hin beekamin , kaleen lamaanuu hojii ala ta’uu danda’a; furmaanni isa ammoo kalee biraan bakka buusuu duwwaadha.

Horaa bulaa deebanaa!
Dr Oliyad Shagganaa tin

MIIRA SAALQUNNMATII DHUMAA OR**SM) irra gahuu DADHABUU DUBARAA (Anor**smia in women)************************************...
22/07/2026

MIIRA SAALQUNNMATII DHUMAA OR**SM) irra gahuu DADHABUU DUBARAA (Anor**smia in women)
*********************************************
Dhiira qofatu dafee fixa miti, dubartoonni dafanii fixuun dadhabuunis jira.

Kunis yeroo wal-qunnamtii saalaa fedhii saalaa dhumaa yookiin olaanaa ( or**sm) irra osoo hin gahin hafuun dubaraaf miira baay'ee gaarii hin taane fi hariiroo dhiira fi dubara sana gidduutti rakkoo guddaa uumuu danda'u dha.

Rakkoon akkasii kunis akka rakkoo dhiiraatti kunis dhiirri akka waan gammachiisuu dadhabe qofatti ilaalamuu ni danda'a.

Jalqabarratti rakkoon dubartoonni miira isa dhumaa ykn olaanaa (or**sm) walqunnamtii saalaa irra gahuu dadhabuu kun bakka lamatti qoodama kunis:

A) Jalqabarraa kan ture primary or**sm problem)
*Dubartoonni kun takkayyuu miira dhumaa keessa galanii hin beekan!

B. Boodarra kan jalqabe secondary) kunimmoo yeroo booda kan dhufe yoo tahu sababoota adda adda qabaachuu danda'a!

SABABOOTA FEDHII SAALAA DHUMAA IRRA GAHUU DADHABUU DUBARTOOTAA fidan:

1.wal-qunnamtii saalaa dura miiraa keessa galchuu dhiisuu ( poor warm-up)… 80% rakkoon kun rakkoo hunda caalaa kan baay'inaan mul'ata dha.
2.Miiraa gaarii keessa jiraachuu dhiisuu
3.Rakkoolee xinsammuu akka mukaa'ummaa fi cinqamaa qabaachuu
4. Rakkoowwaan hormoonii wal hormaataa garaagaraa qabaachuu
5. Rakkoowwaan naannoo mudhii fi dugugguruu dugdaa akkasumas Ispaayinal koordii huban qabaachuu
6. Hariiroo gaarii qabaachuu dhabuu
7. Yaadannoo badaa wal-qunnamtii saalaa wajjin walqabatan qabaachuu kanneen akka gudeeddii yeroo ijoollummaa fi ulfa baasuu
8.Baqaaqsanii yaaluu naannoo mudhii fi gadameessaa qabaachuu .. kunis miidhama narvii fi qaamota saalaa fiduu waan danda'uuf
9. Ulfaa baasuu( abortions)
10. Dhukkuboota akka onnee, narvii , sukkaaraa fi kkf
11. Qorichoota mana yaalaa tokko tokko akka qorichoota xinsammuu fi kanneen biroo!
12. Fedhii ofii ofiin ofirraa baasuu( ma********on) fi kkf dha.

Galatoomaa!
Fuula Facebook “ Oliyad Shegene” jedhu follow gochuun waliin baranna!
Dr Oliyaad Shagganaa tin

BOFAAN HIDDAMUU ( Snake bite)*********************************  *Bofti yeroo baayyee kunis 75%  kan nama hiddu miila, it...
21/07/2026

BOFAAN HIDDAMUU ( Snake bite)
*********************************
*Bofti yeroo baayyee kunis 75% kan nama hiddu miila, itti aanseemmoo harka irradha. Bakka hiddame irraa madaa xixiqqoo lama wal bukkeetti qabaata.

Kunis caasaa itti nama hiddu hiddituu ( fangs) isa summii bofa irra namatti dabarsitu kan bofti yoo afaan bane laagaa isa gara gubbaatti argaman agarsiisa. Inni bofti yeroo nama arge gadi baasun mirmirsu sun arrabadha.

*Nama baayyee irratti dhiitaa , diimachuu, dhukkubbii ykn gubaa bakka hiddame iraa dhufu.

*Bofti sun yoo summaawaa tahe qaamni hiddame sun humnaa ol bokokuun(compartment sydrome) ujummoo dhiigaa cufee miilli ykn harki hiddame sun akka gogu achinis hamma mana yaalatti mursiisuu geessisuu danda’a.

*Summiin sun karaa hidda dhiigaa yoo qaama keessa faca’e immoo dhahannaa onnee saffisaa , haqqisiisaa , albaasuu , mataa bowwoo , ija dura maruu ,dafqisiisuu , maashaa qaamaa laamsheessuu , hargansuu dadhabuu fi of wallaalchisuun amma ajjeesutti deemuu danda’a.

NAMA BOFAAN HIDDAMEEF MAALTU GODHAMUU QABA?
**************************************
*Wanti guddaan summiin sun dafee gara onnee fi sammuutti akka hin facaane gochuudha. Kunis:

*Iddoo sanaa fageessuu
*Wanta qaama walitti qabuu danda’u akka qubeelaa , sa’aatii fi faaya biroo miila ykn harka hiddame irraa baasuu

*Miila ykn harka hiddame sochoosuu dhiisuu
*Lafa hiddaamee gara onneetti ykn mataatti olkaasuu dhiisuu
*Iddoo hiddame sana tasuma hin murinaa kunis summiin bofa dhiiga kantarsuu dhorka waan tahee dhiigni dhaabbachuu dhiisuu danda’a.
*Iddoo hiddame huccuu qulqulluun sirritti maruu fi miila ykn harkicha akka hin sochonetti hidhuu
*Dafanii mana yaalaa geessuu

Horaa bulaa …. Fayyaa hin dhabinaa
Fuula Facebook " Dr Oliyad Shegene" follow fi share gochuu hin dagatinaa

Dr Oliyaad shagganaa tin

DUBARTOOTA QOFAAF….. Dhiironni bira darbaa...        *****************************Dhukkubbii marsaa laguun wal-qabatu (M...
20/07/2026

DUBARTOOTA QOFAAF….. Dhiironni bira darbaa...
*****************************
Dhukkubbii marsaa laguun wal-qabatu (Menstrual pain):
***********************************************************
Dhukkubbiin kun marsaa laguun kan walqabatu fi laguun mul'achuu dura guyyaa 1 ykn lama kan jalqabuu fi guyyaa muraasaaf kan itti fufuudha. Kunis mallattoolee garaagaraa kan agarsiisu yoo ta'u muraa garaa, ol ol jechuu , haqqisiisaa , garaa baasaa , bowwoo mataa fi miiraan jeeqamuu faa dha.

Gosa lamatti qoodamu.

Inni duraa (PRIMARY)
************************
Dhukkubbiin gosa kanaa rakkoo fayyaa homaatiin kan wal hin qabanne fi sababa hormonii pirostagilandini jedhamu baay'een madduun wal qabatuudha. Kanaaf dubartoonni isa kana qaban rakkoo fayyaa qabatanii miti jechuudha.
Mallattooleen isa kanaa yeroo dargaggummaa yookiin marsaa laguu gara jalqabaa kan jalqaban yoo ta’u, gaafa umuriin dabalaa deemu hir’ataa deemu.

Gosa isa lammaaffaa (secondary dysmenorrhea)
****************************************************
Kan jedhamu dhukkubbii laguu qalqabatu yeroo booda kan jalqabu fi dhukkuboota yookiin rakkoolee gadameessaa biroon walqabatuudha. Inni kun dhukkubbii isa yeroo gara yerootti cimaa deema , ofiin hin badu. Kanaaf inni kun rakkoon isa fide adda ba'ee yaalamuu qaba.

Dhukkubbii laguu akkamiin hir’isuun danda’ama?
****************************************************
*Shaworii ho’aa fudhachuu
*sosochii qaamaa gochuu (mana yookin bakkuma jirannitti)
*Uffata bishaan ho’aan cuuphame garaa gara gadii* irraa ka’achuu ykn
Bishaan ho’aa qaruuratti naqanii garaa gara gadii irra oofuu
*Boqonnaa gahaa gochuu fi
*qorichoota dhukkubbii akka paracetamol faa fudhachuu
*************************
Yoom mana yaalaa deemuu barbaachisa?
1.Ho’a qaamaa yoo qabaatte
2.Marsaa laguun ala dhukkubbi yoo qabaatte
3. Guyyaa muraasa keessatti yoo baduu baate
4.Waggaa 25 olitti yeroo jalqabaaf dhukkubbii laguu arguu
5. Dhukkubiin yeroo gara yerootti cimaa yoo deeme fi kkf
~~~~~~~~~~~~
Galatoomaa! …….. Fayyaa hin dhabinaa
Fuula Facebook "Dr Oliyad Shegene" follow like fi share gochuu hin dagatinaa!
Dr Oliyaad Shagganaa tin!

KULKULA YOOKIIN DALLANUU APPENDIIKSII (ACUTE APPENDICITIS) …(AMHARIC… TIRF ANJET) MAALI?********************************...
19/07/2026

KULKULA YOOKIIN DALLANUU APPENDIIKSII (ACUTE APPENDICITIS) …(AMHARIC… TIRF ANJET) MAALI?
************************************************
*Appendixin qaama xiqqoo mar’imaan furdaa irratti garaacha keenya karaa mirga gad siqee qabatee jiruu fi kutaa mar’imaan nyaata bulleessuu kan hin taaneedha , kanaafis fakkata dabalata kan jenneen.
Kunis nama hunda keessatti kan argamu fi namoota tokko tokko keessatti dhukkuba kan fiduudha.

*SABABOOTA ISAA:
********************

1. Infeekshinii garaagaraa mar’imaan keessaa jiran kan akka bakteeriyaa , vayirasii fi rammolee
2.Cufamuu ujummoo appendiksii kanneen akka bobbaa , kansarii fi kanneen biroon
3. Sabaoota hin beekamne kanneen biroon
Sababoota armaan oliin appendiksiin loluu (inflamed) , bokokuu fi yoo yeroon hin yaalamne dhohuus danda’a.

MALLATTOOLEE ISAA:
***********************

*Yeroo baay'ee dhukkubbii garaa cimaa handhura irraa jalqaba yeroo muraasa keessatti garaacha gadjallaa garaa mirgaatti darbuudha.
*Ho’aa qaamaa ,
*Qorra qorra jechisiisuu, fedha nyaataa dhabuu, haqqisiisaa fi baasaa fiduu danda’a.
*Mallattoolee biras baayyee qabaachuu danda’a

YAALA
*******

*Namni mallattoo armaan olii fakkaatu irratti mul’ate dafee mana yaalaa geeffamuu qaba, ta’uu baannan dhohuudhaan rakkoo cimaa yookiin lubbuu dabarsuu danda’a.
Mata duree irratti barachuu barbaaddan comment jalatti naaf barreessaa!

Fuula facebook "Dr Oliyad Shegene" follow gochuun waliin baranna!

Horaa bulaa …….Fayyaa hin dhabinaa!!!!!
****************
DR. Oliyaad Shagganaa tin!

Finniisaa (Acne)                              *********************************Finniisni wanta yeroo uraaleen xixiqqoo q...
18/07/2026

Finniisaa (Acne)
*********************************
Finniisni wanta yeroo uraaleen xixiqqoo qaama keenyaa zaayita fi seelii gogaa keenyaa du’aniin cufamu irra kan ka’e dhiita xixiqqoo adii , gurraacha yookin diima uumudha.

Finnisni gosa fi cimina garaagaraa qaba, sababoonni isaas akkasuma danuudha.

Wantoonni akka sabaabatti ilaalamanis:
*****************************************
1.Jiijjirama hormoonii qaama keessatti ta'uu….kun keessumaa baay’inaan warra dhiiraa irratti umurii 13-24 jiran irratti mul'ata, dubara keessattis ni mul'ata.

2. Cinqama (stress)
3. miidhaa qoorichoota mana yaalaatii kennaman tokko tokko fi
4. Gosa nyaataa fi dhugaatii sukkara sasalphaa baay'atan kanneen akka ckokkoleetii, coomaa bayyinaan fayyadamuu faadha. Baay'inni sukkaaraa akkasuma fayyina gogaa keenyaaf badaadha.
5. Maatii yookin fira dhihoo keessaa namni qabu yoo jiraate (family history)

Gosoota finnisaa :
1.Isa mataan isaa adii
2.Isa mataan isaa gurraachaa
3.Bifuma gogaa irratti bahe kan fakkaatu fi guddatee kan dhiitahu fi kanneen birooti.

Rakkoolee finniisni fidu:
*************************
*Finniisni yeroo baayyee rakkoo fayyaa sodaachisaa tahuu baatus yeroo baayyee kan bahu fuularratti waan taheef ofitti amanamummaa (confidence) nama dhabsiisa.
*Darbee darbee garuu rakkoo fayyaa biroon walqabachuu danda’a. Kunis dhukkuba nuti hin beekne biroon walqabachuu danda'a.
*Iddoon inni itti ba'e godaannisa fi tuqaa guguraacha godhachuu danda’a. Kunis gogaa fuulaa namaa balleessuu danda'a.
Yaalaa
********
*Finniisni hundi yaala hin barbaadu kanaafis mana yaalaa deemtanii gaafachuun gaariidha, salphaattis yaalama.

*Yaalli isaa gosa finnisaa , sadarkaa isaa fi gosa dhuukubsataa irratti hundaa’uun yaalama.

*Mana keessatti haala salphaan akkamitti ittisuu fi yaaluu dandeenya? Yoo barbaaddan “yaala” jechuun “comment” ‘jalatti barreessaa!
Galatoomaa …..Fayyaa hin dhabinaa! LIKE MY PAGE….”Dr Oliyad Shegene”
Dr Oliyad Shagganaa tin

Ameebaa (Amebiasis)                                 ************************Ameebaan dhukkuba raammoo  E. histolytica je...
17/07/2026

Ameebaa (Amebiasis)
************************
Ameebaan dhukkuba raammoo E. histolytica jedhamuun dhufu dha. Innis kan miidhuu mar’ummaan , tiruu , onnee , sammuu fi somba miidhuu danda’a. Yeroo baayyee garuu mar’ummaan kan miidhudha.

AKKAMITTI DADDARBAA?
***************************
Raammoonni Ameebaa kan daddarbu sadarkaa guddina raammichaa kan ijaan hin mul’anne bobbaa yookiin boolii namaa keessa jiran biyyoo keessa yeroo dheeraaf turuu danda’u. Raammoon kunis harka biyyoo yookiin bobbaa sana tuqeen osoo hin dhiqatin nyaachuun ykn nyaata hin bilchaanne wajjin garaa namaa gala.

Kanaaf karaan daddarba isaa hanqina qulqullinaa ofii fi nyaataatiin wajjin walqabata.

MALLATTOOLEE:
*****************
Namni ameebaa qabu bayyeen isaa mallattoo hin agarsiisu kanneen kun garuu
*Bobbaa qal’aa ykn garaa baasaa ,
*Garaa muraa ykn dhukkubbii garaa,
*Qaama ho’a salphaa,
*Oldeebisuu ykn haqqisa fi
*Fedha nyaataa hir’achuu faadha.
Namoota baayyee irratti mul’achuu baatus tiruu, sammuu fi sombaa faa tuqnaan dhukkuba cimaa fida.

ITTISA:
*******
Malli ittisa qulqullina harka keenyaa eeggachuu , kuduraa fi muduraa osoo hin bilcheessin nyaachuu dhiisuudha.

YAALA:
*******
Salpaatti yaalamuu danda’a ni fayyamas. Kanaaf namoonni ameebaan qaba waan dheedhii hin nyaadhufaa ameebaan natti ka’e jedhan haaraa qabamanitu malee si’a tokko sirriin yaalamnaan ni fayya.

Don’t forget to follow my page # “Dr Oliyad Shegene” (follow gochuu hin dagatinaa)

Dr Oliyaad Shagganaa tin

Address

Robe

Telephone

+251927232881

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Oliyad Shegene posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr Oliyad Shegene:

Shortcuts

Share