AFRAN QALLO

AFRAN QALLO Jechoota jaalalaa barsiisoofii bashannansiisoo ta'an isiniin geenya������

09/06/2020
  Mana koo fokkistuu Siif Jedheen bareecheDaandii kankoo cufee gara kee qajeelche ~Halkan rafuu dhabeeSi yaaduudhaan tur...
11/05/2020



Mana koo fokkistuu
Siif Jedheen bareeche
Daandii kankoo cufee
gara kee qajeelche
~
Halkan rafuu dhabee
Si yaaduudhaan turee
barfachuu keetiiniis
baay'ee sitti aare
~
'uus_garuu

Abdiidhaan guutamee
barootaaf si eegee
arra boru jechaa
Yeroon kiyyaas fiigee
Dhukkuba Jaalalaan
Onneen koo na dhiige

11/05/2020

Beerran qorii, harsama of eeggadhaa.

10/05/2020



ABOn murtii dogoggoraa dabarsee jira.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhimma filannoo biyyaalessaa irratti ibsi dhaabbilee saboota biroo wajjiin baase ibsa dabaa kan yeroo isaa hin eegganneedha. ABOn yeroo Qeerron Oromoo kaleessa jijjiirama biyyatti isaan galche kana akka dhufuuf wareega qaalii kaffalaa turte maqaa ABO Shanee jedhuun hidhamaa, reebamaa fi ajjeefamaa jirtutti,
Yeroo hooggansi dhaabichaa kan akka fi kanneen biroo mana hidhaa keessatti dararamaa jiranitti filannoon waggaa tokkoof akka dheeratu yaada murtii kennuun dogoggora guddaadha.
Dogoggoroonni gurguddoon ABOn murtii kanarratti raawwate
1). Akka paartiilee Oromoo dantaa Oromoof qabsaa'anii KFO fi PBO wajjiin marii gochuun dhimma filannoo irratti murtii tokkorra gahuun murtee waloo osoo hin kaa'in paartiilee saboota biroo wajjiin murtee kanarra gahuun dogoggora guddaadha. ABOn osoo akka dhaabota Oromoottuu rakkoo dhufuu fi jiru irratti mari'atanii murtee tokko waliin hin kaawwatin dhaabota alagaa wajjiin dhimma filannoo irratti murtee dabarsuun gonkumaa waan fudhatama hin qabne.
2). ABOn miseensonni isaa jumlaan yeroo hidhamaa jiranitti, maqaa isaatin ilmaan Oromoo yeroo ajjeefamaa jiranitti rakkoolee jiran akka furaman mootummaa wajjiin mari'atee murtee tokkorra osoo hin gahin, filannoon dhufu dimokraatawa akka ta'u osoo walii galtee tokko hin qabaatin,
hiikkan seeraa godhamuuf deemu kuni akkamiin ta'uuf akka deemu osoo hin beekne mootummaan amma jiru hanga waggaa tokkoo bulchee filannoon caamsaa 2013 akka gaggeeffamu yaada furmaataa jedhanii murtee kana irra gahuun dogoggora seenaa guddaadha.

Walumaa galatti murteen ABOn dabarse murtee qabsoo Oromoo fi rakkoo Oromoon keessa jiru giddu galeessa hin godhatin murtee saba Oromoof faaydaa tokkollee hin buufnedha. Murtee rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru giddu galeessa hin godhannee fi furmaata hin keenne waan ta'eef dhaabni kuni dhaabbatee of ilaaluu qaba.

10/05/2020



Namoota bilginnaa lallaban kanneen;
Kolkolee kalee ganda keysaa walitti qabnee akka ummata hin saamneef dirretti baafne, durriyyee rakkoo jireenyaa fi wallaalaan booji'amee dandirra oolu fi namoota gadi galoo irraa gadii tan QEERROOn gooba qabdee godaa ol baafte wajjiin miidiyaa hin dhiphifnuuf usne malee asoosama tartiiba hin qabne akka falaasamaatti warra dhadheeysu dhugaa isaan fakkaatu itti himuuf humaa nutti hin irratu.
Gariin fb fayyadamuu bare, gariin dhaadheysaan ragaa sobaan muudamuu bare, gariin ololaan burjaajjii facaasee wal shakkii ummata kessatti uumuun faarfamuu bare, gariin sagaggaalummaan angoo bitee gurguryu bare gariin maqaa jijjiirratee nama arrabsuu bare; kanneen hunda qabsoo QEERROOtu koosii keysaa ol yaase.

Hamaa nu hin dubbisinaa Ramadaana Rabbiitiin.

10/05/2020

Sabni biroo hidhata jira, Saba keenyaa immoo Irra guurrama jira

Harargee Lixaa Aanaa Daroo labuu naannoo magalaa Saakina Araddaa bakkaa jedhamutti sakkata'insa tasaa humna adda oromiyaa fi poolisii oromiyaattin godhameen
1. Kilaash 9
2. Rasaasa kilaashii 128
3. Shugguxii 2
4. Rasaasa shugguxii 7 kaleessa to'anna jala olee jira.

Hangam takka dhugaadha???????Paartilee 10n warri tumsa tolfatanii maqaa "TUMSA DIMOKIRAATAWAA FEDERAALUMMAA BIYYOOLESSAA...
10/05/2020

Hangam takka dhugaadha???????

Paartilee 10n warri tumsa tolfatanii maqaa "TUMSA DIMOKIRAATAWAA FEDERAALUMMAA BIYYOOLESSAA" jedhamuun beekamaan
1. Adda Bilisummaa Oromoo,
2. Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden
3. Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Sidaamaa,
4. Paartii Dimokiraatawaa Qimaant,
5. Paartii Bilisummaa Uummata Affaar,
6. Dhaabbata Sosochii Bilisummaa Uummata Benishaangul Nagaa fi Dimokiraasiif,
7. Paartii Magariisaa Kafaa fi
8. Paartii Dimokiraawataa Moochaa dha.
9. Sosochiin Bilisa Baasaa Uummattoota Gaambeellaa
10. Manni Maree Biyyaalessaa Agaw

Tumsichi kan hogganan
1. Jaal Daawud Ibsaa -Dura taa'aa tumsicha( OLF )
2. Obbo Abduramaan Sheek Mahaammad -Itti aanaa Dura taa'aa(ONLF)

Tumsichi sababa COVID 19 walqabatee filannoo biyyoolessaa irratti qabxilee furmaata kan fuula 8 qabu mootummaa beeksisaniiru. Qabxiiwwan jiran filannoo bara dhufuu ji’a Camsaa keessa akka gaggeffamu, mootummaan kun waggaa tokkoof yeroon akka kennamuuf isaan ijoodha.

Agammi biyya keenyatti godhamuu weerara kamiyyuu waliin qolachuuf ibsa kana akka baasan ibsaniiru .

10/05/2020

Waraanni oromiyaa liyyuu poolisii jedhanii ergan kun hunduu afaan oromoo hin beektu! Wallee shimallisfaan nafxanyaa leenjisanii moo? Moo Nafaxanyaatti military uffisanii gad ergan??

!

06/05/2020

Almighty bless him

04/05/2020


Teenya

Ummani Afaar, Somalee, qimant, sidamaa, Hadiyyaa, Kambataa. Agaw, Alabaa, walaytaa fi kkf Abbaa saba sablamoota kan gabrummaa wayyanee jalaa nu baase cinaa jirra jedhaan oluma barana.namni dhugaaf hojjatu yomiyyuu dhugaan isaa hin dhokotuu. Jawar sagalee isa tan akka san yeroo studio itti dhoose dachiin ቢልgina jalaa sossooti. Itti muddii Sagalee saba

Address

Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AFRAN QALLO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share