ሸገር በተግባር

ሸገር በተግባር Miidiyaan
Misoomaf
Ijaarsaf
Nageenyaf
Yoo Oole Tola

06/08/2023
15/04/2023
Qaamota midhaan nyaataa karaa seeraan alaa kuusuun qaala’insa gabaa uuman irratti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojje...
17/03/2023

Qaamota midhaan nyaataa karaa seeraan alaa kuusuun qaala’insa gabaa uuman irratti olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjetamaa jira
_

Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa haala yeroo irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti yeroo ammaa qaamonni tokko tokko karaa seeraan alaa midhaan nyaataa kuusuun gatiin midhaan nyaataa akka dabaluufi shira dinagdee uumuuf kan hojjetan yoo ta'u galmi isaas uummata Mootummaa irratti kakaasuu, tasgabbiin akka hin uumamne taasisuun amanamummaa Mootummaa dhabsiisuu akka ta’e himaniiru. Rakkoon kun hanqinni oomishaa uumamee osoo hin taane shira daldala gabaa qaamoonni qaxxaamuraan faayidaa hin malle argachuuf wixxiffataniin kan uumame ta’uus eeraniiru.

Rakkoo qaala’iinsa gabaa namtolchee uumame kana hiikuufis waldaaleen hojii gamtaafi Yuuniyeenoonni akka dhiyeessan taasifamaa jira. Qaamota midhaan nyaataa karaa seeraa alaa kuusuun qaalayinsa jireenyaa hammeessaa jiran irrattis tarkaanfiin fudhatamaa kan jiru ta’uu Obbo Hayoluun ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa baay’inaafi qulqullinaan dabaluun jiruuf jireenya qonnaafi horsisee bulaa jijjiirruuf xiyyeeffannoo guddaan kennee hojjechaa jiraachuu Obbo Hayiluun himaniiru. Tarsiimoon misooma baadiyyaa MNO Midhaan nyaataan of danda’uu, oomisha alaa galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuu, al-ergii guddiduufi carraa hojii uumuu akka ta’e obbo Hayiluun ibsaniiru.

Qonna Gannaa 2014/15 lafa heektaara mil 6.4 qotuuf karoorfame keessaa lafa heektaara mil 4’6 (100%) facaasuun oomishni kumtaala mil 202.9 (93%)argameera. Kunis oomisha bara 2013/14 argame irraa 7.3% caalmaa kan qabuu yoo ta’u oomishtummaa Naannoo Oromiyaas 2.7% dabaluun danda’ameera. Kanaafuu, dabaluu gatii midhaan nyaataan walqabatee hanqina oomishaan osoo hin taanee shira dinagdee qaamota tokko tokkoon uumame akka ta'e ibsameera.

Gama biraatiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa hongee Godinaalee Oromiyaa 10 keessatti muudate dandamchiisuuf waamicha taasise hordofee gumaachi akaakuufi maallaqaa walitti qabamaa kan jiru ta’uus ibsameera. Kanaanis Mootummaan Naannoo Oromiyaa hanga ammaatti marsaa lamaan qaamota waamicha mootummaa hordofuun hawaasa sababa hongeen rakkoof saaxilamaniif birmataniif beekkamtii kennee jira.

Bu’uuruma kanaan marsaa tokkoffaan deeggarsi akaakuu, Maallaqa callaa fi marga beeyladootaa waliigalaan deeggarsa qarshii bil. 1.2 tilmaamamu walitti qabuun danda’ameera.

Walumaagalatti Godina Booranaa aanota hunduma keessatti yeroo ammaa Roobni kan roobe yoo ta'u pirojektoonni Finnaa ykn bishaan kuusan 14 ijaaramaa jiran keessaa 11 bishaan qabachuu danda’aniiru. Roobni roobuu eegalus hawaasni sababa hongee uumameen qabeenya beeyladaa isaa hedduu waan dhabeef uummatichi itti fufinsaan akka dandamatuuf deeggarsi taasifamu cimee itti fufuu qaba.

Hongee uumame dawoo godhatanii miidiyaaleen odeeffannoo sobaa tamsaasanis gocha isaaniirraa akka of qusatanis Obbo Hayiluun hubachiisaniiru.

https://youtu.be/vgTyHgj9-TI
16/03/2023

https://youtu.be/vgTyHgj9-TI

Magaalaan Shaggar erga hundooftee jijjiirama guddaa karaa misooma, Hawaasummaa fi Siyaas_diinagdeetiin agarsiisaa jirtu keessaa Waan aanaa tokko keessatti ho...

11/03/2023

Beeksisa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname

Naannoo Oromiyaa Godinaalee tokko tokko keessatti hongee sababa hanqina roobaan uumameen waamicha Mootummaan taasise hordofee namoota rakkoof saaxilamaniif deeggarsi kallattii garaa garaatiin taasifamaa jira.

Haata'u malee, deeggarsa taasifamaa jiru hoogganuuf akkasumas kallattiin namoota rakkoof saaxilaman biraan ga'uu irratti qisaasamni adda addaa mul'achaa waan jiruuf kana booda deeggarsi gareedhaanis ta'ee dhuunfaan taasifamu kamiyyuu beekkamtii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qofa tahuu akka qabu hubachiifna!

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

ከኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት የተሰጠ ማሳሰቢያ

በክልሉ አንዳንድ ዞኖች በተለይም በቦረና ዞን በተከታታይ አምስት የዝናብ ወቅት ዝናብ አለመጣሉን ተከትሎ በተከሰተዉ ድርቅ ምክንያት መንግስት ባቀረበዉ ጥሪ መሠረት ለችግር ለተጋለጡ ዜጎች በተለያዩ መንገዶች በገንዘብና በአይነት ድጋፍ እየተሰበሰበ እንደሚገኝ ይታወቃል።

ይሁን እንጂ የሚሰበሰበዉን ድጋፍ በአግባቡ ለማስተዳደር፣ ፍትሓዊ በሆነና ግልፅነት ባለዉ መንገድ ለችግር ለተጋለጡ ወገኖቻችን ተደራሽ ለማድረግ ከዚ ቦኋላ ከኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት ወይም ከኦሮሚያ ቡሳ ጎኖፋ እዉቅና ዉጭ በቡድንም ሆነ በተናጠል ድጋፍ ማድረግ የማይፈቀድ መሆኑን እናሳዉቃለን።

የኦሮሚያ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት

Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura- Pirz. Saahilawarq ZawdeeGuraandhala 23, 2015Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizi...
02/03/2023

Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura- Pirz. Saahilawarq Zawdee

Guraandhala 23, 2015
Adwaan Sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.

Pireezidaanti Saahilawarq Sagantaa Injifannoo Adwaa 127ffaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamerratti haasawaa taasisaniin, Injifannoo Adwaan Ityoophiyaanonni diina meeshaa ammayyaa dacha hedduun isa caalaa hidhate injifachuun, dhiiga isaanii lolaasuun Ityoophiyaa bittaa gabrummaa jalaa oolchaniiru jedhan.

Injifannoon Adwaa hiikkaa hedduu qaba kan jedhan pireezidaant Saahilawarq Zawdeen, sirni bittaa gabrummaa saffisa olaanaan Afrikaatti eegalame gufachiisuu ibsaniiru.

Hundeeffama Afrikaa ammayyaaf gahee olaanaa ba’achuus eeranuun, sochii Paan Afrikaaniizimiif bu’uura ta’uu addeessaniiru.

Wayita weerara faashistii Ityoophiyaa baraaruuf uummanni gurraachii fiixee addunyaa mararraa ka’uu ibsaniiru.

Ayyaana Adwaa kabajuuniifi dinqisiifachuun addunyaan karaa dheeraa imaluu ibsan, kan addunyaan dinqisiifate nuti ammaa sanaa olitti kabachiisuu qabna jedhan.

Seenaan boonsaan kun seenaa itti burjaajofnu ta’uu hin qabu jedhaniiru.

Seenaan biyya kamiiyyuu gariifi yaraa qabaachuu eeruun, jaallannes jibbines seenaan ni galmeessa jedhan haasawaa isaaniin.

Hoggantoota dabalatee Adwaan injifannoo Afrikaati jedhanii kan socho’an hedduun jiraachuu ibsaniiru.

Adwaarratti gaheen dubartootaas guddatee mul’achuu ibsaniiru.

Biyya itti fusiisuun gahee keenyaafi dhaloota haaraati jedhaniiru.





Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Duulli hoggansa Oromoo irratti taasifamuu waan gurguddoo sadi giddugaleessa godhata:- 1. Kallattiin qabsoo Oromoo waan g...
02/03/2023

Duulli hoggansa Oromoo irratti taasifamuu waan gurguddoo sadi giddugaleessa godhata:-
1. Kallattiin qabsoo Oromoo waan galeef isa karaa irraa maqsuu barbaadu,
2. Hoggansa Oromoo of shakkisiisuun duubatti deebisuu
3. Hoggansa Oromoo sabaaf sablammoota Itoophiyaa biroo biratti shakkisiisuudha.

Haa ta'u malee hoggansi Oromoo iyyaan, duula miidiyaafi maqa balleessiin duubatti deebi'u hin jiru.

Injifannoo waraana Adwaatiin duubatti gumaachi dubartootaa ol'aanaa ture.******Adwaan injifannoo gurraachota hundaati. G...
02/03/2023

Injifannoo waraana Adwaatiin duubatti gumaachi dubartootaa ol'aanaa ture.
******
Adwaan injifannoo gurraachota hundaati. Guyyaan kun guyyaa seena qabeessa kan eenyummaa Afrikaanotaa addunyaatti agarsiise seenessa badaa ta'es sirreessee barreessedha.

Adwaan hirmaannaa fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biyya keenyaa hundaan kan argamee yemmuu ta'u, keessattuu goototni Oromoo hedduun obbolaawwan isaanii waliin kutaawwan waraanaa adda addaa hooggananii injifannoo seenaan hin daganne galmeessuun diinota Itoophiyaa qaanessanii Afrikaatti maqaa gaarii horaniiru.

Injifannoon kun lammiilee biyyattii garaagarummaa tokko male kan hirmaachise fi kutaaleen hawaasaa garaa garaa tokkummaan qooda kan irratti fudhatan yemmuu ta'u, milkaahina dirree waraanaa irratti galmaahe kanaaf gumaachi dubartootni biyyattii taasisan ol'aanaadha.

Dubartootni humna waraanatiif galaa qopheessuu fi kanneen rukutaman yaaluu irratti bal' inaan hirmaachuun gamatti akka caasaa odeeffaannoottis tajaajiluun milkaahina kanaaf gahee guddaa bahataniiru.

Haa ta'u male gaheen dubartootni waraana Adwaa keessatti qaban sadarkaa gumaacha isaaniitiin hin dubbatamne, hin himaamne. Kana ammoo dhalootni har'aa seenaa kaleessaa sirnaan beekee, qoratee fi hubatee seenessa dhugaa gumaacha aarsaa dubartootaan wal madaalu dhalootaaf dabarsuun murteessaadha.

Dubartootni naannoo fi biyya keenyaa nageenyaa fi misoomaa biyyaa mirkaneessuu fi birmadummaa isheetis tiksuu keessatti kaleessaa hanga har'aatti shoora guddaa taphachaa jiru.

Akka waliigaalaatti ummaatni Oromoo fi dubartootni keenyaa tokkommaa, gootummaa fi kutannoo waraana Adwaa keessatti mul'ate har'as hiyyuummaa seenaa gochuun imala gara badhaadhinaatti ce'uuf eegalle keessatti gumaacha itti fufiinsa qabu bahachuun daran murteessaadha.

Mabraat Baacaa
I/G Liigii Dubartootaa Partii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Address

Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ሸገር በተግባር posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share