01/06/2026
dubbisaame waan baayyee irraa baratu.🤲🤲🥹🫡
@.Me Al-tokko ofii keeti akka nama bara 1900s keessa dhalateetti yaadi.
Bara kana keessa dhalatee yeroo umriin keeti 14 ta'u Adunyaa garage woraana Adunyaa 1ffaa seenti. Hamma umriin kee 18ti gahuti,sababa woraana Adunyaa 1ffaan namooti million 20 oli du'an. achiin duuba yeroo waraanichi dhumu ,dhukkubni adunyaa guutuu woliin gahe "Spanish Flu"n uumame.
Yeroo umriin kee 20 gahutti "Spanish Flu" dhukkuba jedhamu jalaa hafteerta tana. Dhukkubni kun uummata Adunyaa keessa jiraataa turan keessaa namiita million 50ma oli fixeera.
Kun hundi akuma ta'etti osoo jiruu yeroo challenge kana hunda dabarsitee jireenya kee ijaarachuuf gafaa jettu; kufaatiin guddaan ikoonoomii Adunyaa 'The Great Economic Depression" uumame🥲 yeroo kana umuriin kee waggaa 29 ta'eera.sababa kanaan *Baankiin cufame, Hojiin dhabame, Martin mana isaanii dhaban, beeli namoota milliyoonotaafi fira tahe. Abjuun gara fuulduraa ji'oota muraasa keessatti dukanaa'e.
Yoo umriin kee waggaa 33 ta'u Adoolfi Hitiler Germanitti mootii ta'uun Angoo fudhate. Akuma dhufeeniis lubbuu jewishota milliona hedduu galaafate.
Yoo umriin kee waggaa 39'ta'u Waraani Adunyaa 2ffaan jalqabe. Magaalonni gubbatan, Biyyootti hedduun gargar qoqoodaman, Sirni Sanyii balleessuu 'Holocaust "n uumame; Automick boombiin samiiraa darbatamuun seenaafi madaa/godaanisa bad baduu hin dandeenye uumani; kun hundi yoo xumuramu umriin kee 45n ta'eera. Yeroo sani namootti million 60 olitti dhumuu danda'eera.🥲
Achiin duuba woraani kooriyaa nijalqabe. Ati yeroo sanatti umrii 52 taateerta. Achiin duuba waraani veetinham nijalqabe. yoo waraanicha jalqabu ati umriin kee 64 yoo woraanichi dhumumoo umriin kee 75n ta'eera.
Dhaloonni suni Waraana gurguddaa Adunyaa 2 dabarsee; Kufaattii Ikoonoomii Adunyaa; Hanqinna nyaataa;Garee Finxaalleyii siyaasaa; sodaa Niwuukilar Boombii; akkasuma hamina sodaa bara dheeraa dabarseera. Kun hundi akuma ta'eti Osoo jiruu maatii/jireenya ijaarachuu danda'eera, hawaasummaas ijaarateera, guyyaa guyyaan gara hojiis deemeera. Akkasuma gara fuulduraatti deemuu isaanii itti fuufaniiru.
Hardha dargagoonni baayyee Akoof Akaakkoo isaan arguun dhiiba jireenya hardhaa akka hin hubanne yaadu. Dubbiif ammon hunda keenya caalaa gadadoofi jireenya hamaa kan argeef hubatelle isaani ta'uu danda'a.
Adunyaa irraa dhiibamanii hin ture, qormaataa seenaan irra dedeebiidhaan itti fide hunda obsaan keessa darbuun bocamanii jiru.
...Nuuti/Nuy hoo???
history