Oromia Mass Media-OMM

Oromia Mass Media-OMM Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Mass Media-OMM, Media/News Company, Shashemene.

๐—š๐—ผ๐—ฟ๐—ด๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ, ๐—˜๐˜๐—ต๐—ถ๐—ผ๐—ฝ๐—ถ๐—ฎThe beautiful and historic new tourism destination of Gorgora project initiatives by Our Prime Minister...
17/07/2024

๐—š๐—ผ๐—ฟ๐—ด๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ, ๐—˜๐˜๐—ต๐—ถ๐—ผ๐—ฝ๐—ถ๐—ฎ
The beautiful and historic new tourism destination of Gorgora project initiatives by Our Prime Ministerโ€™s Abiy Ahmed Ali (PhD).



Waltane Tour and Travel

Humnoonni TPLF Naannoo Affaar seenuun Godina Lama jedhamu keessa aanaalee sadii to'achuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshin...
26/01/2022

Humnoonni TPLF Naannoo Affaar seenuun Godina Lama jedhamu keessa aanaalee sadii to'achuu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Afaar BBC'tti himan.
Obbo Ahimad Kaaloyitaa guyyoota muraasa darban humnoonni TPLF haleellaa meeshaa waraanaa cimaan dabaalameen weerara raawwate jedhan.
Naannichi ibsa Wiixata galgala baasen gama Godina Kilbatii Rasuu jedhamuun iddoowwan akka Abaalaa, Magalee fi Baraahilee jedhamanitti haleellaan raawwatuu ibsee ture.
Naannoon Affaar haleellaa kanaan miidhaan dhaqqabaa jiraachuu himuun mootummaan federaalaa 'tarkaanfii barbaachisaa' akka fudhatu gaafateera.
Torban muraasa darban haleellaa daangaa naannolee lamaan irratti raawwateen naannoon tokko isa kaaniin himachaa ture.
TPLF gama isaatiin mootummaan federaalaa deeggarsa namoomaa danquuf waraana gama Naannoo Affaar jiru itti fayyadamaa jira jechuun guyyaa Wiixataa himateera.
Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa humnoonni Affaar gama Ab'aalaa lola akka bananiifi kunis deeggarsa namoomaa danquuf waraana akka sababaatti fayyadamuufi jechuun mootummaa federaalaa himatan.

t.me/oromiapressagency

Seenaa, Duudhaa, Aadaa, Afaan fi Eenyummaa saba keenyaatiif hojjanna.

 Ani maaluman kooraRakkoon na gootee raatuuHaa kooru kormi hindaaqqooKan foon mataatti baatuKan kutee nama hin laanneKan...
27/05/2021



Ani maaluman koora
Rakkoon na gootee raatuu
Haa kooru kormi hindaaqqoo
Kan foon mataatti baatu
Kan kutee nama hin laanne
Kan ofiisaas hin nyaanne!
-
Ani maaluman kooraa
Hiyyeessi carraan hokkoo
Haa kooru 'bashbash' jedhee
Kaabineen tokko tokko...

Kan dabtara aangoorratti
Lakkoofsaan guuttamuu
Kan aanaarraa ari'amee
Godinatti muudamu!

t.me/oromiapressagency

Seenaa, Duudhaa, Aadaa, Afaan fi Eenyummaa saba keenyaatiif hojjanna.

   mana hidhaa Godinaa Arsii aanaa Shanaan koluutti eega guyyaa afuur tursiisan boode akka mana murtiitti dhiyaatuu taas...
22/06/2020



mana hidhaa Godinaa Arsii aanaa Shanaan koluutti eega guyyaa afuur tursiisan boode akka mana murtiitti dhiyaatuu taasifame, achiin manii murtii ragaa akka dhiyeeffatan gaafatee. Guyyaa san ragaan isaan harkaa qaban kan nama yakkuu akka hin taane yeroo dhaddachi hubatu, qaamni dhimma isa harkaa qabuu ragaa biroo irratti sassaabana yeroo nuuf keena jechuun mana murtii gaafatan, adeemsuma kanaan torbeen tokko laatameefi akka ragaa gahaa irratti sassaabatani dhufan jechuun yeroof mana hiidhaa akka turuu godhamee. Akkuma beellama sanitti guyyaan gahee, dhaddachatti dhiyaatan, barataan kun baddi takka malee waan hidhameef yakkii isaan irratti qulqulleessan tokko hin jiruu kanafuu manii murtii akka mirgii wabii eegamuuf ajajjuun, akka gadii dhiifamuu murteesse, garuu wanti gara mana polisii irraa dhaga'amee kan biratti, gad hin dhiifnuu jechuun gara mana hidhaa Godinaati guyyaa kana dabarsaan. Abbaan seera seeran yeroo hojjatuu, hojiin isaa raawwi irraa hin ooltu, oolaantummaa seera isa kamii? Duris Abbaan irree seera maal beeka. Barataa dhukkuba dheefa maatii biratti gale hidhuun safuudha.

Pireesdaantiin buruundii piyerree nukuraziizaa addunyaa kanarraa du'aan boqatanii jiru.pireesdaantiin biyyaa burundii ga...
09/06/2020

Pireesdaantiin buruundii piyerree nukuraziizaa addunyaa kanarraa du'aan boqatanii jiru.

pireesdaantiin biyyaa burundii ganna 55 tti dhukkubbii onneetiin qabamanii guyyaa hadhaa lubbuun isaanii darbee jira. Sanbata xiqqaa irraa yaalarra kan turan yommuu ta'u guyyaa kaleessaa irraa eegaleeti dhukkubbiin itti hammaatee akka boqatan mootummaan beeksisee jira.

http://t.me/mirga_namoomaa

Dhugaa jiru ifa baasuuf

Naannoo oromiyaatti qorannoo sa'aa 24 keessatti taasifameen namoota 11 irratti vaayirasiin koronaa argamee jira. Namoonn...
05/06/2020

Naannoo oromiyaatti qorannoo sa'aa 24 keessatti taasifameen namoota 11 irratti vaayirasiin koronaa argamee jira.

Namoonni 5 magaalaa adaamaa,
Namoonni 2 magaalaa burraayyuu,
Namni 1 magaalaa sabbataa,
Namni 1 g/shawaa bahaa,
Namni 1 g/shawaa lixaa,
Namni hafe 1 eddoon gargar hin baane.

Naannoo oromiyaatti baayyinni namoota vaayirasichaan qabamanii 103 gahee jira.

http://t.me/mirga_namoomaa

Haasaa Hogganaan  Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa  godhan laaleen jira. Mee waan jedhan kana haa laalluu. 1) "Ra...
01/06/2020

Haasaa Hogganaan Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa godhan laaleen jira. Mee waan jedhan kana haa laalluu.

1) "Ragaan gabaasicha (kan Amnesty jechuudha) wajjin dhiyaate qabatamaa miti"
- Mee maaltu qabatamaa miti? Nama hin ajjefamin ajjeefame jedhan moo? Bakkaafi guyyaatu dogongora moo? Mee soba isaani dhiheessan qabatamaan saaxilaa

2) "Nama riphee loltoonni ajjeesan akka waan mootummaan ajjeesetti dhiheessan"

Mee nama kami kan riphee loltootaan ajjeefamee akka waan mootummaan ajjeesetti Amnesty International gabaase? Nuuf himaa.

3) "Dhaabni kun carraa Itoophiyaa ta'ee gabaasa dhugaa dhiyeessee hinbeeku"
Kana jechuun bara Wayyaanee san gabaasni ajjeechaafi hidhaa Amnesty baasaa ture soba jechuudhaa? Akkas taanaan dokumantariilee hammeenya wayyaanee irratti isin dabarsaa keessatti Amnesty waabeffachaa turuun keessan oduu sobaa hafarsitan jechuudhaa?

Obbookoo, mee sadan tana adda baasaa. Taan itti deebina. Kan dhaadannoofi doorsisaa ammoo lash godhaa. 'Likkii isin galchinaan' warra isin duraa kan taankiifi baankiii guutuu harkaa qabuufuu fala hin taane.
Jawar

Http://t.me/mirga_namoomaa

Dhugaa jiru ifa baasuuf

Hordoftoota amantaa Islaamaa hunda baga iidul fixrii 1441 tiin isin gahe. Ayyaanni kun kan gammachuu, jaalalaa, Tokkumma...
24/05/2020

Hordoftoota amantaa Islaamaa hunda baga iidul fixrii 1441 tiin isin gahe.

Ayyaanni kun kan gammachuu, jaalalaa, Tokkummaa fi dhibee hamaa kan keessatti injifattan akka isiniif ta'u hawwa.
Ayyaana gaarii

OBN sagalee obbo lammaa magarsaa uggure. Obbo lammaa magarsaa Sirna awwaalcha obbo   irratti haasa'a gochuun isaa ni yaa...
07/05/2020

OBN sagalee obbo lammaa magarsaa uggure.

Obbo lammaa magarsaa Sirna awwaalcha obbo irratti haasa'a gochuun isaa ni yaadatama haa ta'uu malee miidiyaan OBN sagalee isaanii ugguruun akka gara hawaasa hin dabarfamne dhoowwaaman.

Address

Shashemene
0710

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Mass Media-OMM posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share