15/10/2025
Arsii lixaa Ardaa Jilaa Yaa’a Bal’oo
Ardaan Jilaa Yaa’a Bal’oo – Guddina Seenaa fi Hawwata Turizimii Oromiyaa keessaa
OMS Onkololeessa 5/2018– Godina Arsii Lixaa keessaa, Aanaan Dodolaa iddoo seenaa, aadaa, fi qabeenya uumamaa of keessaa qabdu keessaa tokko ta’uun, Ardaan Jiilaa Yaa’a Bal’oo (kan beekamu Gannata Haraa) iddoo hawwata turizimii seenaa fi aadaa Oromootiin qoratamaa jiruufi xiyyeeffannoo addaa argachaa jiruu taate.
Ardaan Yaa’a Bal’oo, magaalaa Dodolaa irraa gara Lixaa biiftuutti kiiloo meetira 18 fagaatee argamti. Akka Abbootiin Gadaa fi manguddootni naannawaa himanitti, ardiin kun jaarraa tokko oliif akka giddu-gala Araaraa Gadaa Faarachuuti tajaajilaa turte. Iddoo kanatti falmiin hawaasaa itti araaramuu, falmii itti falatamu, gumaafi gumii itti geggeeffamuu himamee jira. Kana malees, ardiin kun laga Ukkumaa gidduutti argamtee, bosona magariisaa qalbii boojiituun marfamtee daawwattoota hawwataa jirti.
Qorattuu seenaa biyya alaa Dr. Lookoo Duubaa, lammii biyya Jaappaanii taate, ardicha daawwatte. Dr. Lookoo akka jettetti, “Biyya Itoophiyaa keessa waggoota hedduf jiraadhee naanna’eera. Garuu kan akka dachii Oromoo fi gaarummaa aadaa ishee na gammachiise hin jiru,” jettee, seenaa Oromoo, sirna Gadaa Sikkoo fi Mandoo irratti qorannoo geggeessuu ishee hubachiifte.
Dr. Lookoo, oromummaa fudhattee qorannoo fi beeksisa aadaa Oromootiin cimee itti fuftee jirti. Akka jettetti, “Iddoo akkanaatti seenaa bal’aa fi duudhaa jabaa argachuun, sababa cimaa hayyootni biyya keessaas qooda isaanii akka ba’atan nan amana,” jettee yaada kennite.
Haata’u malee, akka gabaasa koree turizimii naannichaa irraa hubatamuutti, hanga barbaadamuun investimantii fi qorannoo irratti hojjatamaa hin jiru. Hirmaannaa hayyootaa fi deggersa mootummaa caalmaatti barbaachisaa ta’uus eerameera.
Gaaffii Ija Fudhatama Barbaaddu: Nuti Maal Goonee?
Iddoolee ardaalee jiilaa fi seenaa akkanaatiin badhaadhaa jirru daawwachuun, kunuunsuun, fi beeksisuun qofa osoo hin taane, seenaa keenyaa fi guddina diinagdee biyyaa irratti shoora olaanaa qaba. Lammiileen biyya alaa daandii baasanii seenaa keenya qorataa jiran, nutis of gaafachuun dirqama: meeqa daawwanneerra? Meeqa kunuunnineerra?
Waliigalaan, Ardaan Yaa’a Bal’oo fakkeenya seenaa, aadaa fi hawwata turizimii Oromiyaa bara dheeraa tajaajiluu danda’uudha. Kunis, akka sabaatti waa’ee aadaa fi qabeenya keenya sirriitti beekuufi dagaagsuu qabna jedhu yaada jabaa nutti fida.
> Hawaasni, mootummaan fi hayyootni hirmaannaa jabaa taasisuun qabeenya uumamaa fi seenaa kana ceesisuu qabu.
Kominikeeshinii Aanaa Dodolaattu gabaase