13/02/2026
Magaalaa Shaashamanneetti Milishoonni Leenjii Raawwachiisummaa Nageenyaa Xumuranii Eebbifamaniiru
OMS Gurraaandha 6/2018- Magaalaa Shaashamanneetti dandeettii raawwachiisummaa fi leenjii loltummaa qaamolee nageenyaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru keessatti, milishoonni 400 eebbifamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Milishaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee, Obboo Shukurallaa Qawweettii, haasaa kennaniin, milishoonni kun hidhannoo guutuu isaanii waliin eebbifamanii, leenjii fudhatanii naamusa gaarii gonfachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Akkasumas, hawaasnis qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun nageenya ofiitiif tumsa barbaachisu akka taasisu hubachiisaniiru.
Gargaaraa Komishiner Abdurahmaan Shobbee, Ittigaafatamaa Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee, ergaa dabarsaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee nageenyaa baay’ina, qulqullinnaa fi ariitiin leenjisuu fi dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuuf kutannoon hojjetaa akka jiru ibsaniiru.
Obbo Amansiis Addunyaa, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaashamannee, ergaa isaanii keessatti, dandeettii raawwachiisummaa qaamolee nageenyaa cimsuuf Bulchiinsi Magaalichaa kutannoon hojjetaa akka jiru ibsanii, milishoonni ergama isaanii xiyyeeffannoon bahachuuf hojjachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Obboo Waarisoo Waayyisoo, Ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Shaashamannee, leenjitoonni naamuusaa fi ijaarsa biyyaa fudhachaa turan hojiitti hiikuun, amanamummaa fi tokkummaa hojii nageenya hawaasaa tikfachuun seera kabachiisuun waaridiyaa nageenyaa ta’uun isaanii akka murteessaa ta’e ibsaniiru.
Sirna eebbaa kana irratti koreen qindeessituu magaalaa, hooggansa sadarkaa jiran, qaamolee nageenyaa fi kanneen biroo hirmaatan. Sirni kun dandeettii fi naamusa milishoota magaalaa Shaashamannee cimsee, nageenya hawaasaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf bu’uura cimaa akka ta’e ni hubatama.