Feenet Sagalee ummataa

Feenet Sagalee ummataa Ani Oromookoof qaaliidha jaalatamaa kantaheef gumaa baasuun dirqama dha
(2)

Waliin TikTok – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!
18/10/2025

Waliin TikTok – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

Qabeenya qabaachuun, beeka sintaasisu, qabeenya dhabuunis wallaalaa sin taasisu. Garuu biyya iyyeessi itti baayyatu kees...
10/10/2025

Qabeenya qabaachuun, beeka sintaasisu, qabeenya dhabuunis wallaalaa sin taasisu. Garuu biyya iyyeessi itti baayyatu keessatti beekaan wallaalaa ta’ee,..
👉Abbaan qabeenyaa beekaa ta’a!.

Kanaaf yoo nama taate, abbaa qabeenyaa wallaalaan oofamurra, beeka iyyeessaaf ulfina isaaf malu kenniif.

Sababni isaa qabeenya namni sirraa fudhatee wallaalummaatti si ambisa.
Guruu beekumsa namuu sirraa fudhachuu hin danda’u.

Beekumsi lakkoofsa waraqaa ragaa miti. Beekumsi wallaalaa ofii gorfachuu, beekaa ofii jabeeffachaa, iyyummaa waloo irratti humna waloon duuluudhaan, biyya ulfinaa fi kabaja qabu keessa jiraachuu dha.

Namni Iyyummaa fi biyyarraa baqatee jiru, alaalaa taa’ee,“jennee turree fi jedhamaa jira” jechuun ala bu’aa hin qabu.

Yeroo rakkoos, yeroo gammachuus uummata ofii wajjin ta’anii qooddachuutu beekumsaa fi kabaja namatti hora.

'istee yaada jirtaa?🥰💌
~~~~~~~~~~~~~~~~~
💢 'isanii yaaduun abukaattoo ilaalcha ofii qofa ta'uu keessaa baanee ilaalchota ilaalcha keenya faallessan gamaaggamnee ilaaluun dhugaa bira ga'uuf tattaafachuudha. Bal'isanii yaaduun, " 𝐀𝐧𝐚𝐭𝐮 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚" jechuu osoo hin taane " 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐭𝐮 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐝𝐡??𝐚?" kan jedhu mirkaneessuuf imala godhamuudha.

💢 madda ishee osoo hin taane eenyummaa ishee barbaachisa. Namni dhugaa sana dubbate fira kee yookaan diina kee, beekaa yookaan wallaalaa ta'u danda'a. Ati nama bal'istee yaaddu taanaan madda dhugaa sanaa osoo hin taane dhugaa sana irratti xiyyeeffatta. Akeekkachiisni ani mata duree kanarratti si yaadachiisuu fedhu, bal'isanii yaaduu jechuun wantoota wal-faallessanis dhugaadha jedhanii fudhachuu miti.

💢 gama bahaa fi lixaan baatii irratti osoo namoonni wal falman si mudatanii, lameen isaaniitiin 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚 jettee bira yoo tarte, ati 𝐛𝐚𝐥'𝐢𝐬𝐭𝐞𝐞 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐝𝐚 jedhamuu caalaa ati 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐲??𝐚𝐝𝐝𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐭𝐮 𝐲𝐨𝐨𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐞𝐣𝐣𝐞𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮 hima jedhutu caalmaatti si ibsa.

👉"

𝐈𝐦𝐢𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚!°°°°°°°mother°°°°°°°°°°Seenaa kana dubbisaa!💕💕💕💞Mana keessaa ba’uufan jedha; harmeen koo na waamtee kott...
06/10/2025

𝐈𝐦𝐢𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚!
°°°°°°°mother°°°°°°°°°°
Seenaa kana dubbisaa!💕💕💕💞
Mana keessaa ba’uufan jedha; harmeen koo na waamtee kottumee mucaakoo waan sitti himadhaa naan jette anis hiriyyoonnikoo waan alaa na eegaa jiraniif dhiifama baayyeen ariifachaa jira yeroon dhufu natti himta jedheen ariitiidhaan kopheekoo kaawwadheen utuu ishee hin dhaga’in fiigee mana keessaa ba’ee hiriyyoota koo bira deeme. Isheenis takka turtee bilbila kiyya irratti bilbiltee “ilaamee mucaakoo” naan jette. anis bifa dheekkamsaan uuuuffff maal amma ati galgala nan dhufa nan jeeqin jedheen bilbilakoo switch off godheen hiriyyootakoo faana bashannanuu eegale. Hiriyyootakoo wajjin turree dhugnee bashannannee aduun dhiinaan gara manaatti galuuf kaane. Gaafan mana keenya bira ga’u mooraan mana keenyaa namootaan guutameera anis waansaa wallaleen gara mana keessaatti ol seene waan ijikoo amanuu hin dandeenyen arge, namatu carqii adiidhaan maramee teessumarra diriiree ciisa; suuta jedhee itti siqee gaafan ilaalu harmee kooti amanuu dadhabe uuuuuuuuu jedheen iyye,immaa jedheen waame, nan urgufe tasumaa na dhaga’uu hin dandeenye akka isheen garaa naa laaftee na dhageessutti harmeekoo tokkittiikoo si malee maalan qaba,sagaleekootti garaa jabaattaa,qofaa koo na dhiistee deemtaa? tole balleesseeraa naaf dhiis harmeeko maaloo harmee qofaa na dhiistee hin deemin jedheen iyye. Harmeen dur yoon nyaara guurellee sossobdee adda koo keessa dhungatte na urursitu hardha isan iyyee lafatti of reebuyyuu na dhaga’uu didde boo’ichikoo hoomaa itti hin fakkaanne. Bakkan iyyaa jiruu namoonni ollaa dhufanii na kaasan biraa na fuudhanii deeman, waanan jedhun dhabe, qofaan hafe, daqiiqaa muraasa booda kottu nagaa itti dhaami naan jedhan gaafan gara isheetti darbu funyaan ishee gurrashee jirbii adiidhaan cufaniifii qaama isheetti seeraan uffata adii maraniifii sh*ttoon ishee urgaansaa fagootti nama simata. isheen garuu akka nama itti toleetti callistee rafaa jirti. ammas fiigee irratti lafa dha’een boo’ee mankara

03/10/2025

Oromoo Oromiya baga guyyaa irreechaa Birraa geessaan congratulation

02/10/2025

Waliin Hunda'ol ofisaa – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!
sagalee ummataa
゚viralシfypシ゚viralシalシ

24/09/2025


Konkoolaataa kunniin dhaabbata 'Zoox' jedhamuun hojjetaman. Yeroo dhaabbanni bitee jira. Konkolaataawwan kunneen
dha. Ofumaan waan hundaa raawwatu. Isin ajajannaan iddoo fedha keessanii isin geessu. Konkolaachisaa hin qaban.
dhaan ajajamu. Sababa kaameeraawwanii fi raadariwwan hedduu ammayyawaa ta'an qabaniif namatti hin bu'an, konkolaataan walitti hin bu'an....of eeggannoo cimaan deemuu. kun waggoota itti aanan shanan ykn jaha booda addunyaa guutuu dhuunfatu jedhamee tilmaama. Isin maal jettu? Amantanii ittiin ni deemtuu?👇🏿
Maddi oduu kana
Dha

https://
HTTPS sagalee ummataa

23/09/2025

Waliin Hiree Jaalalaa – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

12/09/2025

Waliin DAWIT – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

Maamiltoota koo Waliin Rahmat Tarrafaa  – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!
09/09/2025

Maamiltoota koo Waliin Rahmat Tarrafaa – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

  Prezidaant Recep Tayyip Erdogan haasawa sabaaf taasisaniin, deeggarsa Türkiye Falasxiinotaaf taasisan irra deebi’anii ...
08/09/2025


Prezidaant Recep Tayyip Erdogan haasawa sabaaf taasisaniin, deeggarsa Türkiye Falasxiinotaaf taasisan irra deebi’anii mirkaneessanii fi Warshaa Niwukilaraa Akkuyu ibsaniiru.

Prezdaant Recep Tayyip Erdogan deggersa Türkiye ummata Falasxiin taasisuu irra deebi’anii mirkaneessanii, hoggansa Israa’el cimsanii qeeqaniiru.

“Guyyoota rakkisoo mootummaan Netaaniyaahuu guutummaatti baabura irraa bu’e kana keessatti, meeshaalee nu harka jiru hunda qabannee ummata cunqurfamaa Gaazaa waliin dhaabbanna,” jechuun Erdogaan walgahii Kaabinee hordofuun Isniina kaleessaa haasawa televijiiniin biyyattiif taasisaniin dubbataniiru.

“Dhiibbaan, doorsisni, of tuulummaa fi adabbii malee toora ajjeechaa namoota qulqulluu 64,000 ol ajjeese hunduu ta’us, ejjennoo cimaa keenya eegnee jirra,” jedhan Erdogaan.

“Yaa Waaqayyo yoo ta’e, Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhufu irrattis ejjennoo qalbii wal fakkaatu kabachiifnee sagalee Falasxiinota cunqurfamaa achi jiranii ni taana.”

Weerarri waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwatte, kan taajjabdoonni hedduun duguuggaa sanyii jechuun ibsan, guyyaa 702ffaa isaa kan seene yoo ta’u, lammiileen Falasxiin 64,522 ajjeefamuu isaanii kan gabaafame yoo ta’u, kanneen keessaa 393 beela Israa’el dirqisiisteen du’aniiru. ゚viralシfypシ゚viralシHawwi ni bariiti

Maddi
TRT World
Adinaan Abdurazzek

Address

Shashemene

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251911123423

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Feenet Sagalee ummataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Feenet Sagalee ummataa:

Share