25/08/2025
:-
Deeggarsa Namoomaa Humna ofiin-Kabajaa fi Birmadummaa Biyyaa Hunda galeessaaf
*********************
Sirna hooggansa birmadummaa deeggarsa namoomaa milkeessuuf Qajeeltoon (Road-Map) birmadummaa deeggarsa namommaa kabachiisuuf gargaaru kan diriiree fi Waxabajjii 30/2018 booda deeggarsa namoomaa arjoomtota biyya alaarraa argamu humna biyya keessaan bakka buusuun deeggarsa namoomaa humna ofiin jedhu hojii qabatamaatti hiikuuf akka biyyaa fi naannootti irratti waliigalamee hojiirra oolmaasaaf qajeeltoon bu’uuraa shan:-
☞Waliigaluu,
☞Qulqulleessuu,
☞Qopheessuu,
☞Qindeessuu fi
☞Ceesisuun akka tarsiimootti taa’ee jira.
- Deeggarsa namoomaa qopheessuu, qindeessuu fi dhiyeessuun hojii mootummaa isa ijoodha. Dhaabbileen biyyoota alaa deeggarsa namoomaarratti bobba’an hojiifi hoj-maata mootummaa bakka bu’anii hojjechuu hin danda’an.
Yaadama maxxantummaa deeggarsa biyya alaa irraa bilisa ta’uun biyya keessatti qabeenya baay’inaan walitti qabuu, fandii kufachuu, loojastikii mijeessuu, fedhii deeggarsa namoomaa adda baasuu, qopheessuu fi baraaruu irratti dursa kan hirmaatu hawaasa fi dhaabbilee hawaasaa ta’uun hubatamee humna uummataa kan bakka bu’u akka hin jirre hubatamee balaa uumamaa fi nam-tolchee mudatuuf hawaasni humnuma ofiin akka ofirraa qolatu qopheessuu.
Maal Qopheessina…?
Hojii duraan akeekkachisaa qulqullinaan hojjechuu, Ragaa sodaa balaa qulqulluu ta’e qabachuu, Qorannaa pirofaayilii sodaa balaa Aanaalee gaggeessuu, Ragaa hawaasa saaxilamaa balaa ta’an qopheessuu (adda baasuu fi galmeessuu), Fandii deebii sodaa balaa dhaabuu, Kufama midhaan nyaataa fi Bulchinsa mana kuusaa tarsima’aa qopheessuu.
Walumaagalatti; Deggersii namoomaa ijaarsa nageenyaa eyyantaa qabu ta’ee misooma waliin kan walitti hidhatee fi kabaja lammiilee kan eeguu fi itti gaafatamummaan kan raawwatamudha.
Bu’uuruma Kanaan hojmaata deeggarsa namoomaa sirnaawaa fi bu’aa qabeessa diriirsuun kallattii akka biyyaa fi naannoo keenyaatti taa’e hordofuun deeggarsa namoomaa humna ofiin jedhu milkessuuf tarsiimoo qopheessuu sirnaan itti gargaaramuun karaa aadaa fi safuu keenya ganamaa giddugaleessa godhateen hojjechuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa gufuu galma keenyaa ta’e maqsuun Buusaa Gonofaa deeggarsaan olitti gara oomishtummaatti ceesisuun biyyaa fi naannoo keenya salphina kadhaa fi ilaalcha eeggattummaa jalaa baasuun boqonnaa seenaa haaraa galmeessisuun ergama keenya haa milkeessinu.
******************
Hagayya 19 /2017
Finfinnee