Oromia Press Agency

Oromia Press Agency Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Press Agency, Media/News Company, http://www. opa. et, Shashemene.

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Kibxata ALI Caamsaa 17 bara 2013 magaalaa Finfinnee naannoo Saariis jedhamuun beekamutti...
27/05/2021

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Kibxata ALI Caamsaa 17 bara 2013 magaalaa Finfinnee naannoo Saariis jedhamuun beekamutti mana murtii aanaa Magaalaa Finfinnee hundeesseera.
Amma dura Manni Murtii Waliigala Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti Mana Murtii aanaa hin hin qabu ture.
Dhimma kanarratti BBC waliin turtii kan taasisan daayirektarri Kominikeeshinii Mana murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gonfaa Atoomaa, Naannoon Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti mana murtii aanaa hundeessuuf mirga labsiidhaan kennameef qaba jedhan.
"Bu'uura labsii lakk 216/2011 keewwata 24 jalatti tumameen Magaalli Finfinnee teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa waan taateef, magaalicha keessatti dhimmoota dantaa naannoo Oromiyaa ilaallatan kan itti ilaalu mana murtii aanaa hundeessuu akka danda'u akeeka," jedhan.
Manni murtii haaraa hundaa'e kunis rakkoolee ammaan dura turan hedduu kan furudha jedhan.
"Intarpiraayizoonni Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchu, hojjettoonni mootummaa, abbootiin taayitaa, qabeenyonni naannichaa hedduun magaalaa kana keessa jiru.
Kana dura badiin yookan yakki yoo irratti raawwatame manneen murtii naannoo Oromiyaa ilaaluuf aangoo hin qaban ture," jedhan.

Seenaa, Duudhaa, Aadaa, Afaan fi Eenyummaa saba keenyaatiif hojjanna.

✋Dhiisi dubbii sobaa🤚Worri Falfaltuu fi MortuuMaaf nutti nyaatti qubaaWonti keenya malumaaf  Woxaalee isaan gubaaBiyya j...
25/05/2021

✋Dhiisi dubbii sobaa🤚

Worri Falfaltuu fi Mortuu
Maaf nutti nyaatti qubaa
Wonti keenya malumaaf
Woxaalee isaan gubaa

Biyya jiituu lalistuu
Biyya Bishaaniif Gaaraa
Jarraa tokko nyaatanii
Biyya isaan godhan daaraa
Dhiigaa itti jigsanii
Lafee qabsaa'otaan ijaarraa
.....
kana booda Sabni koo
biyya ofii hin saamsisuu
Wocni Raacha Fatteedhaa
Leenca imalan dhaabsisu
Hidhaa fi ajjeechaanis
Gara duuba nu deebisuu
Hayyuu oromoo hiitee
Kan feetu nu laamshessuu
Lugni ija babasuudhaan
Jagna ofi hin taasisuu
Qaamaa siin morkatuu ari'uun
Moo'achuu kee hin mirkaneessuu‼

Join us

Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraarra uggura visa keesse.http://t.me/oromiapressagencyLola Tigraay: Ameerikaan ...
24/05/2021

Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraarra uggura visa keesse.

http://t.me/oromiapressagency

Lola Tigraay: Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraarra uggura visa kaa'uu beeksiste.
Yunaayitid Isteet lola Tigraay keessaan walqabatee qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa, akkasumas kan deeggarsa namoomaa danqan jettee amantuurratti uggura visa akka keesse ifatti beeksiste.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkan ibsa baasaniin gama dippilomasiin tarkaanfiin 'guddaa' taasifamuus, kanneen lola Tigraay keessa qooda fudhataa jiran rakkinicha hiikuuf nagaan furuuf tarkaanfii hiika qabu hin fudhanne jedhan.
''Yeroon hawaasa idil - addunyaa tarkaanfii fudhatu amma,'' jechuun uggura visa qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa, Humna Addaa Amaaraafi TPLF irratti labsuu beeksisan.
Uggurri kuni maatii namoota kanaallee dabaluu akka malu ibsameera. Mootummaaleen kaanis tarkaanfii akkanaa akka fudhatan Ameerikaan waamicha dhiheessite.
''Dabalataan, deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa irratti dhorkaa bal'aa kenyeerra,'' jechuun Antoonii Biliinkan ibsan. Torban darbe barruun Foreign Policy dhimma kana maddeen eeruun gabaasee ture.
Kana waliin fuuladuratti Ameerikaan imaammata to'annoo daldala ittisaa kan biyyi tokko teknolojii waraanaa Ameerikaa akka hin fayyadamne dhorkuu malu akka fiddu Biliinkan akeekaniiru.
Murteen kun erga jilli Addaa Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti muudde Jeeferi Feltimaan daawwannaa taasisanii deebi'an booda dhagahame.
Ammatti qondaaltonni uggurri irratti kaa'amne kam akka ta'an hin beekamu. Tajaajilli visa qondaalonni hin argatan jechuun Ameerikaa seenuu hin danda'an jechaadha.
Itoophiyaafi Ameerikaa michumaa yeroo dheeraa qabu. Haa ta'u malee, dhimma Tigraayin walqabatee muddamatu jira. Tarkaanfii Ameerikaa kana booda gama mootummaa Itoophiyaas ta'e kaan deebiin kenname hin jiru.
Ameerikaan murtee kana murteessuun dura namni dhihoo Pirezidant Joo Baayidan kan ta'an Senaatara Kiriis Kuuns qondaaltota Itoophiyaa waliin mari'ataniiru.

Seenaa, Duudhaa, Aadaa, Afaan fi Eenyummaa saba keenyaatiif hojjanna.

Bara 2012 qormaata seensa yuunvarsiitii fudhachuun yuunvarsiitii ramadaman irratti barattootni komii kaasan irra deebiin...
23/05/2021

Bara 2012 qormaata seensa yuunvarsiitii fudhachuun yuunvarsiitii ramadaman irratti barattootni komii kaasan irra deebiin ramaddii isaanii Wiixata dhufu Waxabajji 24,2021 irraa eegaluun karaa interneetii ilaallchuu akka jalqaban himame.
Marsariitii ministerra Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo irratti akka ibsametti barattootni kuma 23 fi kuma 71 tahan komii isaanii qaamaafi barreeffamaan dhiyeeffachuu ibsameera.
Kanneen komii dhiyeessan keessaa barattootni 386 tahan saayinsii uumamaa barachuun saayinsii hawwaasaatti yookaan ammoo saayinsii hawwaasaa barachuun saayinsii uumamaatti kana ramadaman yoo tahu, ministeerichi dogogora kanas guutummaatti sirreessuu ibseera.
Kana malees rakkoo fayyaa qabaatanii kanneen ragaa dhiyeessan, ulfaa fi haadholii daa'ima waggaa lamaa gadii kanneen qabanii fi lakkuu saala wal fakkaataa galmee irratti dogogorame ilaalchisee komii isaanii adda baasuu ibseera.
Ministeerichi ibsa kaleessa baaseen barattoota iji isaanii hin argine, rakkoo dhageettii kan qabanii fi qaama miidhamtoota fi horsiisee bultootaa karaa adda taheen akka ilaale ibseera.
Komii dhiyaate erga qulqulleesseen booda barattoota 1891 tahan deebii argachuus ibseera.

Odeeffannoo waytaawaa argachuudhaaf telegram keenya join godhaa

22/05/2021

Ameerikaan Itoophiyaa irratti qoqqobbii buusuuf jedhame.
Ameerikaan qondaalota mootummaa fi waraana Itoophiyaa Irratti qoqqobbii Viizaa kaa'uuf jedhamee miidiyaalee gabaafamaa jira. Qoqqobbii Viizaan alattis Ameerikaan dhiibbaa uumuuf deeggarsa biyyattiin waraana Itoophiyaaf taasiftu dhaabuu fi sagantaalee Baankii Addunyaa(WB) fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irratti fuulleeffachuun akka ta'e himama jira. Ka'umsi qoqqobii kanas waraana naannoo Tigraay keessatti deemaa tures akka ta'e ifoome jira.

Gabaasni kan BBC Afaan Oromooti

Filannoo marsaa 6ffaa adeemsisuuf Boordiin filannoo raawwachistoota filannoo kuma 130 ol barbaadaa jiraachuun isaa ni ya...
21/05/2021

Filannoo marsaa 6ffaa adeemsisuuf Boordiin filannoo raawwachistoota filannoo kuma 130 ol barbaadaa jiraachuun isaa ni yaadatama. Kana galmaa'uuf maarsariitii isaa telegram eega join gootanii ni argattu.

21/05/2021

Filannoon biyyoolessaa marsaa 6ffaa caamsaa 28, 2013 adeemsifamuuf ture gara woxabajjii 14, 2013 darbuu isaa ministeerri Boordii filannoo biyyoolessaa aadde Burtukaan Midhaksa himan. Filannoon kunis kan dheerateef sababa Guyyaan galmee filattootaa dheerateefis jedhame.

Gabaasni kan FBC ti
Telegram channel keenya join godhaa

21/05/2021

Ibsa ministeerri ministeera saayinsii fi barnoota olaanoo baaseen Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifama jedhame Barattoonni haaraan hanga Caamsaa 30, 2013tti gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka galan ni taasifamaa jechuun Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksiseera.
Barattoonni qabxiin seensaa barnoota olaanoo guutaan hanga Caamsaa 30ttii gara yuunvarsiitiiwwan ramadamanii akka seenaan Ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urkatoon ibsaniiru.
Akka gabaasa EBCtti ramaddii waliin walqabsiisee barattoota komii dhiyeessaa kuma 23 keessaa kumni 1 fi 800 kan ta’aan gaaffiin isaanii fudhatama argatee sirreeffamni ramaddii taasifamuu ibsaniiru.

Gabaasni kan EBC ti

Address

Http://www. Opa. Et
Shashemene
6798

Telephone

+251918996710

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Press Agency posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share