Mohammed Gemedo lenjiso

Mohammed Gemedo lenjiso Focus on the good
in any given situation. pronoun: He/Him

03/09/2024

Mootummaa Gandaa: Mootummaa Ummataa!-Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

OBN Cyber Hagayya 27,2016-Seenaa ijaarsa biyya Itoophiyaa hammayyaa keessatti taateewwan kallattii adeemsa seenaa jijjiiran (turning points) baay’ee muraasa.

Kanniin keessaa inni duraa, qabsoo farra sirna moototaa irratti taasifameen lafti ummatarraa saamamee fiiwudaaloota harka ture ummataaf deebi’uu isaati. Kunis lafa deebisee qonnaan bulaa harka galchuun gaafii dinagdee yeroo sanaa deebisuun boqonnaa goolabame.

Taatee inni biraan, bara 1983 booda bu’uura Heera Mootummaa FDRI Saboonni, sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa dantaa waloo kabachiifachuuf waliigalteen tumatan hordofee sirna federaalizimii ijaarameen kan walqabatu yommuu ta’u, taateen kunis, gaaffii siyaasaa saboonniifi ummattoonni barootaaf gaafataa turan deebisuu danda’eera.

Bu’uura kanaan, saboonni, Sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa mirga ofiin of bulchuu, eenyummaa ofii kabachiifachuu, afaan ofiitiin tajaajilamuufi barachuu akka hinmulqamnetti gonfachuu danda’aniiru.

Haata’u malee, ijaarsi sirna federaalizimii dhugaafi haqummaa qabu waan hinmilkoofneef, gaaffiin demokraasii dhugaafi sirna bulchiinsa mootummaa demokraatawaa, sosochiifi mormii hawaasaa baldhaa umuun hanga sirna jijjiiruutti deemee jira.

Sirni mootummaa federaalawaa ture, bu’uura Heera Mootummaatiin kan caaseffame ta’ullee, giddu-seentummaan murna aangoorra turee daangaa darbe, mirga ofiin of bulchuu ummattootaa sarbeera. Sirni dinagdee shiraan xaxamee ture, murna aangoon harka jiru garmalee yommuu sooromsu, ummata baldhaa gidiraa hiyyummaaf saaxileera.

Heerri Mootummaa birmadummaa abbaa aangoo ummataaf kan kenne ta’ullee, ummanni aangoo kennameef sirnaan akka shaakalu carraa hin arganne. Ummanni mirga mootummaadhaan tajaajilamuu hindaangoofne akka qabu heeran kan beekameef ta’ullee, mootummaan ummata isa aangesse irraa qoollifataa tureera.

Bara 2010 booda, ibiddi gaaffii demokraasii dhugaafi haqummaa yeroo dheeraaf dibamee ture laboobuun sadarkaa mootummaan aangorra jiru deebisuu hindandeenye gahuun, jijjiirama waggoota jaha dura Itoophiyaa keessatti dhalateef sababa ta’uu danda’eera. Jijjiiramni kun sirna siyaasaa inni tokko abbaa inni biraan ammoo deeggaraa itti ture bu’uurarraa jijjiiruun, sirna naannoleefi ummattoonni biyyattii hundi itti abbooman akka ijaaramu dandeessiseera.

Jijjiirama hunda-galeessa waggoottan jahan darban keessa adeemsifameen gaaffiin demokraasii dhugaafi haqummaa jijjiirama sirnaaf sababa ta’e bu’uurarraa hiikuun mirgi abbaa biyyummaa, ofiin of bulchuu, carraa misoomuu walqixa argachuufi misooma argamerraa fayyadamuu deebii argateera. Saboota gaaffii of-bulchuu dhiyeessaniif murtii ummataatiin deebii akka argatan taasisuun, naannawa filatanitti mootummaa mataa isaanii hundeeffachuun akka of-bulchan carraan umameera.

Aangoon jiddugaleessarraa qoodamee, ummata mootummaa hundeeffateef kennamuun, mootummaan ummataan hundaa’e ummatatti dhihaachuun dirqama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa erga hundaa’ee waggoota soddomaa (30) ol lakkoofsiseera. Mootummaan bu’uura heera naannichaatiin gurmaa’ee ummata naannichaa bulchaa ture kun, imala har’a gara badhaadhinaatti taasisaa jirruuf horata guddaa kan kaa’e ta’ullee, tajaajiltummaafi mirga birmadummaa abbaa aangummaa ummataa kabajuurratti gaaffii guddaan ummatichumarraa itti ka’aa tureera. Waggoottan jahan darbaniin asitti, paartii cimaa dhageettii qabu hundeessuun yaadama sirriifi injifataa ta’een gaaffiiwwan ummataa jalajalaa deebisuuf yaaliin taasifame badhaadhina akeeknef bu’uura kaa’aa jira. Idaan sirnoota darban irraa dhaallefi haaraa dhalatan, waggoottan jahan darban keessatti guututti fala argatuu baatanillee, qormaatilee numudataniif osoo hinjilbiiffanne miila lamaan gadi-dhaabannee fedhii misoomuu ummata keenyaa milkeessuuf karoorsinee raawwachuun hireen qabsoo ummataatiin dhufe akka hinqisaasofne gochaa jirra.

Haata’u malee, aadaan mootummoota darban irraa dhaalameefi hanqinni shaakallii cimaa sirna dimokiraasii bulchiinsa hammayyaa, har’as tajaajilli ummataaf kennamu quubsaa akka hintaane taasisee jira.

Waan kana ta’eefis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ummata mootummaa aangeessuuf mirgi birmadummaa aangoo heeraan beekameef, akkasumas gulantaa qabsoo amma irra geenyeef aarsaa qaalii kanfalleef, gurmaa’insa mootummaa Gandaa, tajaajila si’ataa, hammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e kennuu danda’utu mala ejjennoo jedhuun, irra deebiin akka hojjetamu murteessee gara raawwiitti galeera. Tarkaanfiin kun, erga caasaan Gandaa yeroo jalqabaatiif bara 1967 gurmaa’ee as, murtoo guddaa mootummaa ummatatti dhiyeessuuf taasifameedha.

Tarkaanfiin kun, hundeen mootummaa akka lafa qabatu, tajaajilli gara ummataatti akka dhiyaatu, rakkoon ummataa qorannoodhaan adda bahee beekumsa gahaadhaan deebii isa gitu akka argatu, deebiin gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii marii ummataa irratti akka hundaa’u, mootummaan miiraafi dandeettii tajaajiltummaa goonfate akka dagaagu taasisuun galmoota qabsoo ummata Oromoo sadan milkeessuuf waadaa galle: sirna ummataawaa cimaa ijaaruu, ummata dinagdeen humnoome umuufifi dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e horachuu milkeesuuf kan dandeessisuudha.

Carraafi bu’uurri fedhii misoomuu akkasumas tajaajilamuu ummata keenyaa, akkaatuma baldhina lafaafi baay’ina ummataa naannoo keenyaa, gandarratti kan baldhatuudha. Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa caasaa tajaajila ummataa kennu gandarraa eegalee akka gurmaa’u raawwiitti galuun isaa aantummaafi quuqama galmoota qabsoo ummata Oromoof qabu kan mirkaneessuudha. Tarkaanfiin jijjiiramaa kun, mootummaa ummata irratti ijaarame osoo hintaane, ummatarraa, ummataaf ijaarameefi gandatti gadi bu’ee tajaajila haqaan kennu akka ijaaramu, nageenyifi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasisuun ijaarsa sirna ummataawaa cimaa kan dhugoomsu; hirmaannaa yaadaafi gochaa ummanni misooma ofii irratti taasisuu qabu heeyyamuun ijaarsa ummata dinagdeen humnoomee kan dhugoomsu, akkasumas ummata hammayyaa’aa, dorgomaa, maqaafi seenaa kabajaa goonfate umuuf taasifamu kan milkeessuudha.

Gurmaa’insa mootummaa sirrii ta’een dabalamuu waan qabuufi malee armaan duras imaanaa galmoota qabsoo ummataa milkeessuuf fudhate akkaataa miira tajaajiltummaafi dandeettii gochuu ummataa giddugaleeffateen milkeessuuf tattaaffii salphaa hintaane taasisaa tureera. Duudhaa ummata keenyaa irraa ka’uun, labsii Tajaajila Lammummaatiin misooma waloo jajjabeessuu irratti argama. Aadaa cimaa waliif birmachuu irraa ka’uun Buusaa Gonofaa — dhaabbata cimaa deeggarsaa, rakkoo dinagdee ummata keenyarra darbee lammiilee biroo furuu cinaatti, dhiyeessii nyaata barataa utubuun dhaloota dorgomaa umuuf qabu deeggaraa jira.

Dhugaan bakkatti deebi’ee, haqni akka abbaa argattu, dhuudhaa haqa ummata keenyaa irraa ka’uun, Mana Murtii Aadaa labsee tajaajilamtummaa haqaa mirkaneessaa jira. Kaayyoo fiixee ijaarsa sirna cimaarra gahuuf qabuun, Gaachana Sirnaa nageenya waloo waliin tiksuu dandeessisu deebisee ijaareera.

Kanaaf mootummaan keenya mootummaa muldhata ifaati. Har’a irra dhaabbatee egeree ummata isaa yaadee hojjechuu irratti argama. Milkaa’inni mootummaa ummataawaa kun, onnee ummata keenyaa dhaggeeffachuu, magaalaas ta’ee baadiyaatti, hojii ummataa sadarkaa gandaatti karoorsee ummata waliin raawwachuu irratti kan hundaa’e ta’uu dhawataaf dagatamuu hinqabu. Murtiin mootummaa naannoo keenyaa kun, gama tokkoon safartuu sabboonumaa Oromoo isa haaraa tokkoo tokkoon keenya gochaan agarsiisuu qabnuu yoota’u, gama biraatiin ba’aafi eela barootaa ummata keenyarraa kan harcaasuudha.
Tarkaanfiin mootummaa tajaajilaafi ijaarsa cimaa sadarkaa Gandaa gurmeessuuf fudhatame kun bulchiinsa gaarii sadarkaa gandaatti diriirsuun, kenna tajaajilaa saffisiisuufi si’oomsuuf; hojmaata badaa tajaajilli ittigurguramu dhabamsiisuun abba birmadummaa aangoo kan ta’e ummanni tajaajila haqaafi bilisaa akka argatu dhugoomsuuf; sirna bulchiinsa hammayyaa’aafi qaqqabamaa ta’e diriirsuuf; leecalloo qabnu hunda sirnaan xuruursinee fayyadamuun, hojiilee misoomaa waggoota darban magaalaafi baadiyatti eegalaman waaressuuf; badhaasa Uumaa, akkaataa amala naannawa jireenya ummata keenyaatiin badhaafamne (potential) adda baasuufi carraa misoomaatti jijjiiruuf; akkasumas nageenya waaraa mirkaneessuun nagaan bahee galuu ummata keenyaa dhugoomsuuf kan fudhatameedha. Kanaaniis, sirna ummataawaa cimaa, ummata abbaa dinagdee yabbuu, dhaloota sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta'e kan milkeessinu ta’a.

Milkaa’inni kaayyowwan kanneenni, caasaa ijaarru hunda keessatti fedhii, dandeettiifi ilaalcha ummata tajaajiluu qabaachuu irratti waan hundaa’uuf, murtii seena qabeessa gurmaa’insa Gandaa bara 1967 booda adeemsifamu kana dabarsuuf marii gadi fagoo taasisuun waliigalteerra gahuun dirqama ture. Kanarraa ka’uun, gaggeessaafi hojjetaan gara ummataa dhiyaatee tajaajila kennu, dhaadannoo “buluun ganda; bulchuunis ganda!” jedhu qalbii isaarraa akka hinbuufne garaagarummaa tokko malee waliigalameera.

Kaka’umsi gaggeessitoonni gara ummataatti hiiquun tajaajiluuf agarsiisaa jiran, sabboobummaan keenya afaan qofaan osoo hintaane, gochaan kan dabaalamu ta’uu jalqabumarraa kan mirkaneesseedha. Sochii hoo’aan gaggeessitoonni gamanumaa murtee mootummaafi paartii keenyaa fudhachuun taasisaa jiran, sabboonummaan harmeefi aabboo Oromoo tajaajiluu caalu akka hinjirre kan mirkaneessu qofa osoo hintaane, waadaa waan jennu gochaan haa agarsiifnu jedhu kan lafa qabsiisuudha.

Jaalalli ummataa, waa’ee isaa haasa’uu qofaan osoo hintaane, gocha waan inni dhabe akka argatu dandeessisuun kan ibsamuudha. Jechi qabatamaan gochatti jijjiiramee arguuf, haala mijataa ofii barbaanu dhiifnee ummata keenyaaf jiraachuu eegaluu qabna. Eenyummaa sabboonummaa sadarkaa olaanaarra gahe goonfachuuf karaa kanaan ala, qaxxaamurri biraa hinjiru. Kanaaf, gaggeessitoonni ummata keessanitti hiiquun tajaajiluuf gandatti galaa jirtan, isin warra seenaati; kan ulfinaatis! Isin gootota misoomaa, sabboontota dhugaati. Murtoo aantummaa ummata keessaniif qabdan; kutannoo addaafi cichoominaan ajajamtan kanaaf kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isiniif ibsuun barbaada.

Ummanni keenya jaldhaabaafi jaarsaan, ykn Adulaa aadaa isaa keessaa muuddateen buluu cinaatti, mootummaa Gandaa, nagaa isaa eegu, nageenya isaa kunuunsu, misooma isaa karoorsee raawwatu, haqa isaa tiksu, fedhiifi hawwii isaa dhageeffatu akka argatu murteessuun keenya, yoo itti xiqqaate malee kan baay’atu miti. Paartiifi Mootummaan keenya, jijjiirama hurrisoo (dynamic shift) akka kanaa seenaa biyya kanaa keessatti hinbaramne fiduuf murteessutti baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada. Ummanni keenyas, murtoo Paartiifi Mootummaan fayidaa isaa mirkaneessuuf dabarsan kana, gammachuu olaanaan simatee haala gaggeessaan keessatti hojjachuu danda’u mijeessuuf, qabatamaan mana hojii yoo haaromsuufi dallaa jajjabeessu arguu kiyyatti gamachuun koo dachaadha.

Gama kanaan, ilmaan sabaa kaleessa haala mijataa hintaane keessatti, osoo roobaa-caabbiin, aduufi dheebuun dabareen itti bu'an, ummata isaanii tajaajilaa turan, Paartiifi Mootummaa keenya biraa galataafi maqaa kabajaa guddaa qabu. Ammaan booda ammoo, tumsa olaanaa gaggeessitoota Mootummaa Gandaa humneessuuf ummatatti dabalamaniifi abbaa aangoo dhumaa kan ta’e, Mana Marii Yuubotaa hundaa’e irraa argamutti, irree gamtoomeen dhimma bahuun tajaajila galmoota qabsoo sabaa sadan: sirna cimaa, ummata dinagdeen humnoomefi dhaloota dorgomaa ijaaruu milkeessuuf dandeessisu irratti xiyyeeffatanii araarama tokko malee akka hojjetan imaanaa guddaa isaanitti kennuun barbaada.
Buluun Ganda; Bulchuunis Ganda!
Oromiyaa Ni Ijaarra!
Itiyoophiyaa Ni Utubna!
Gaanfa Afrikaa Ni Tasgabeessina!
Waaqnis nu gargaara!

02/09/2024

Booqaa Birraa — Araarafi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu!

Jala bultiin kabaja ayyaana ulfoo Ummata Oromoo, Irreecha bara 2017 kun, yeroo waan dabarsine deebisnee itti xiinxalluufi haaromsaa itti adeemsisnu ta’uu qaba. Ayyaana ulfoo kabajuuf deemnu kanatti, ummata keenyaaf nagaan isaa haadeebi'u; tokkummaan isaa haa ititu; egereen isaa walhubannoofi abdiin, akkasumas imala badhaadhinaatiin haatarkaanfatu.

Ummanni Oromoo saba qabeenya dilbii, seenaa qaroominaa, duudhaa dimokraatawaa fakkeenyummaa sirna Gadaatiin beekamuufi madda nagaa waaraa ture. Haata’uuti cabiinsa adeemsa seenaa keessa isa qunnameen, horteewwaan eenyummaa isaa kunneen irraa mulqamee ture. Kanaaniis, osoo qabuu akka dhabaatti, abbaa ogummaa ta'ee akka dhankaakatti, danda'aa ta'ee akka naafatti, arjaa gootawwanii ta’ee akka doqnaatti, biyya miixatee ijaare keessatti akka ormaatti, biyya aarsaa qaaliin tikse keessatti akka humna diigumsaafii gantuutti ilaalameera; irrattis duulameera.

Dhidhima kana keessaa bahuun laayyoo hinturre; qabsoo sabaa sadarkaa har'a irra jiruun gahuuf adeemsa hadhooftuu ilmaan kumaa kitilli itti gabbare ta’uu eenyumtuu dhawataaf dagachuu hinqabu. Qabsoo imala nuffisiisaa ummanni keenya lufee asgahe kana hubachuun, kaayyoo qabsichaafi gulantaa amma irra gahe sirnaan taliguun, akkasumas akeeka egeree isaa ifatti beekuun dhimma murteessodha.

Qabsoon ummata Oromoo fedhii addaa olaantummaaf foolatu, mirga addaa qophaatti goonfatu, ummattoota obbolaa moggeessu ykn biyya miidhu hinqabu. Haata’uutii, duula hamaa keessa darbuuf kan dirqame, mirga abbaa biyyummaa mulqame, bilisummaa, misoomaafi obbolummaa dhugaa sababa gaafateefidha. Gama biraatiin, qabsoon sabaa adeemsa dheera kana booda amma gulantaa haaraatti cehuun kaayyoowwan akka sabaatti kaawwatee socho’aa ture deebisuu jalqabeera.

Qabsoon sabaa rincicummaa keessa kan gale ummatichi chichoominaafi jagnummaa dhabee osoo hintaane, hoggansa tarkaanfataa qabsoo tarsiimessee qajeelchu addatti dhaburraa kan ka’e ture. Kun qabsoon keenya kurnee hedduuf galma malee akka gandhaalu taasiseera. Haata’uutii, qabsoon kun rincica gulantaa, cabiinsa gama hoggansaatiin baroota dheeraaf akka sabaatti qofa osoo hintaane akka biyyaatti mudatee ture, hoggansa tarsiima’aa baasuun tarkaanfachiisuu eegaleera. Borumtii hoggansi qabsoon Oromoo fardaaf lafoon barbaadaa ture argame, kaayyoo akka sabaatti qabsaa’amaafi ture taraaruu irraa darbee, hudhaawwaan akka biyyaatti turan furuutti tarkaanfateera.

Qabsoon ummata keenyaa, kaayyoo qaama eenyummaa isaa haqanqaaluun, aadaafi duudhaa isaa ciqilee, mirga of ta’uu isaa sarbaa turerraa bilisoomuu milkeesee jira. Kaayyoon qabsoo mirga abbaa biyyummaafi siyaasaa isaa mirkaneessuuf, hoggansa dinagdee isaa abboomuuf, saamicha qabeenya isaarratti taasifamaa ture hambisuuf qabatee ture milkaa’era.

Yeroo ammaatti, gulantaan qabsoo sabaa, dandeettii mirga eenyummaa, dinagdeefi siyaasaa goonfatame gochaan lafa qabsiisuuf taasifamu dabaluu irratti kan fuulleffatu ta’ee, "dhaloota (saayinsiifi teknoolojiin) dorgomaa ta’e baasuu, ummata dinagdeen humnoome umuufi, sirna ummataawaa cimaa ta’e ijaaruun" kan ibsamuudha. Hoggansi tarsiima’aa dhala gadameessa qabsoo Oromoo ta’e kun, gulantaa qabsoo kana hubatee kan socho’aa jiru ta’uu, tarkaanfilee qabatamaa muraasa kaasuun argisiisuu nidanda’ama.

Inisheetivii ashaara magariisatiin, naannoofi biyya qaaniin qullaa dhaabbachuu laafise duudhaa ganamaatti araarsaa, beekamtii idil-addunyaa itti horaafi waarroo kabajaa itti uwwisaa jira. Biyyaa seenaa kadhattummaa qamadiin dugugguruun cabe, waggaa muraasa keessatti galaana qamadii dambaliisu taasisaa jira. Biyya raareen siyaasa walgaarreffannaafi waldhabamsiisuun liqimse, maraamartoo akkasii cabsuun kabaja Looreetii Nagaa Addunyaa baachisaa jira.

Gama biraatiin kaayyoo qabsoo itti aanu hubachuun, ija garaagarummaa keenya ittiin ibsinuufi ittiin hiikuu qabnu kan akeekuudha. Yeroo kaayyowwan qabsoo kaleessaa daandii milkaa’inaa qabatanii fuulleffannaa egeree sabaa sararuu eegalan kanatti, garaagarummaan humnoota siyaasaa keenya gidduutti umamuu qabu, imaammataafi tarsiimoo akkamii hordofuu qabna? Ariitii, baay’inaafi qulqullina hagam gahuun yoo hogganaman bakka barbaadame gahama? kanneen jedhan irratti ta’uu qabu.

Wanti gaddisiisaan garuu, humni aramaa gulantaa qabsoon Oromoo irra gahe hinhubanneefi afaan qawweetti dhimma bahuun hiree argame qisaasaa akkasumas egeree sabaa balaaf saaxilaa jiru yeroo kanatti nukeessatti biqiluu isaati. Humni naamusaafi kaayyoo sabaa hin qabne kun, mirgoota murteessoo ummanni Oromoo qabsoo kumaa kitila gaafateen goonfatee jalaa sarbuu irratti argama. Safuu, duudhaafi eenyummaa hawaasaatti balaa, pirojektoota ummataatti danqa, sochii misoomatti takallaa ta’ee jira. Humni jeequmsaa kun Oromootti dhimmisaa jira.

Bara silaa ummanni Oromoo barnoota dhimma isaa ijoo taasisuu qabutti, mana barnootaa bu’aa qabsoo isaa ta’eefi ijoolleen isaa itti qaramtu gubuun, daa’imman manni barumsaa jalaa gubatee gaaddisatti barachuuf yaatutti dhukaasanii ajjeessuun kaayyoo Oromoo kam iticha? Ijoollee durbaa adamsuun, daa'immaanitti yaaddoo hamaa ta'uun, manguddoofi hawween salphisuun, hawaasa saamuun aantummaa akkamiiti? Yeroo ummanni Oromoo dhibeewwan kamiinuu mankaraaruu hinqabnetti, ambulaansii lubbuu oolchuuf barariitu deessuu ciniinsuun itti hammaate waliin gubuun marartoo akkamiiti? Ummata tajaajila fayyaa kamuu irraa muruun, dhukkubni salphoo cufti itti hammaatee lubbuun akka galaafatamu saaxiluun kaayyoo kam milkeessa?

Qote bulaa hiraarsuun, daldalaa gufachiisuun, haalaa yaraa dandeettii hojjechuu ummataa kuffisu umuun, galii dhabsiisuun, akkasumas dinagdee rakkoon nageenyaafi tasgabbii booreessuufi dandeettii egeree isaa guddachaa deemu ijaaruuf qabu jalaa gufachiisuun akkamiin kaayyoo ganamaa saba keenyaa ta’aa? Sabbata haadha hiyyeessaa hiikaa hawween Oromoo dhiiga boossisuun akkamiin qabsoo Oromoo jabeessaa? Garaagarummaa adeemsaa, karaa nagaa ilaalamuu danda’u, akkaataa miira wal-amantaa ajjeesuufi tokkummaa sabaa diigun tarkaanfachiisanii, qe’ee isaa lafa sodaa, mancaatii, gadadoo, beelaa, buqqaatii, du’aafi tuulaa reeffaa taasisuun madaallii maalitiin qabsoo sabaa ta’aa?

Gareen kun kanarra darbee, ummata keenya irraa hidhannoo saamee, gurmaa’insa isaa bittinseefi sodaa itti naqee goola finxaaleyyiitiif mijeessaa tureera; jiras. Gocha gantummaa kana caalaatti kan hammeessu ammoo, gama tokkoon gaafa finxaaleyyiin ummata inni hidhannoo irraa mulqetti haleellaa bantu, bira dhaabbachuurra, lubbuu ofii oolchuuf irraa dheessuu isaa yoota’u, gama biraatiin humna nageenyaa ummata inni diinaf saaxile kanaaf birmachuuf socho’u waraanuu isaati.

Kaayyoon qabsoo kamuu, akkamitti nagaan oltee bultee qe’ee Oromootii gadi ta’uu dhabee? Gochoonni kunneen, gulantaa qabsoon sabaa irra jiruun kan wal-hinsimne qofa osoo hintaane, faallaa kaayyoo qabsichaati. Humni kun, humna gantuu beekees ta’ee wallaalummaan ergama diinota qabsoo ummata keenyaa, kaleessaa hanga har’aatti hadheeffatanii takalan fudhate kan jennu kanaafi.

Mootummaan FDRI’fi naannoo keenyaa, badiiwwaan kana hunda boodallee, garaagarummaa garichi badii kanaaf akka sababaatti dhiyeessu hunda kutannoo karaa nagaa furuuf qaban ibsa ijjennoo baasuu qofaan osoo hintaane, marii nagaa marsaa adda addaa mijeessuun mirkaneessanii jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, murannoo boqonnaa badiifi salphinaa kana cufuuf qabu, hidhattoota kumaatamaan lakkaa’aman, waamicha nagaa mootummaafi dhimmamtootaa fudhachuun karaa nagaa galaniif simannaa kabaja olaanaa qabu taasisuun mirkaneessaa jira. Dabalataaniis, tooftaa quuqa tokko malee hawaasatti ittiin makaman, jiruufi jireenya isaanii deebisanii ittiin gadi dhaaban, akkasumas siyaasa isaanii karaa nagaa ittiin tarkaanfachiisuu danda’an guutumatti qopheessuun, kutannoo daandii nagaatiif qabu agarsiisaa jira. Haata’u malee, murni kabaja hojii isaatiin hin horanneefi bilisaan kennameef baachuun itti ulfaatefi hamma gahu of-hinbeekne kun, carraa kennameef ofirraa dhiibee badii ummata irratti taasisu itti fufuun nagaa ummataa danqaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, humna carraa nagaa kennameef hunda dhiibee dararaa ummata irraan gahu itti fufaa jiru irratti, tarkaanfi olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’us, ammas garaagarummaan jiru karaa nagaa qofa hiikkachuu akka qabuufi hiikkachuus kan danda’u ta’uu ni amanna. Kanaaf, nagaa waaraa ummata keenyaf malu, aantummaafi mararfannaa hawaasa keenyaf qabnuu jecha, gareen hidhatee bosonatti hafe kun daandii nagaa fudhatee karaa nagaa akka qabsaa’ufi galu, har’as irra deebiin maqaa ummata Oromoo, maqaa kiyyaafi, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha nagaa dhiyeessaf.

Tokkoffaa, garaagarummaan kun karaa nagaa qofa hiikkachuu qaba kan jennu sababa malee miti. Qabsoon misooma ummataa danqu, dorgommii qaqqabummaafi to’annoo qabeenya hortee misoomaa murtaa’aaf taasifamu hammeessuun, waldhabdee jiru yoobaldhise malee, kan furu waan hintaanefi. Garaagarummaa jiru guutummatti furuu baannullee, yooxiqqaate, gara garaagarummaa imaammataafi tarsiimoo misooma ummataatti ceesisuu yoodandeenye, dilbiifi dandeettii Oromiyaa ifatti hubachuun abdiin socho'uuf carraa kan argannu ta’a. Waldhabdee sochii ummataafi misooma isaa danqaa jiru karaa nagaa, minjaalatti fiduu yoodandeenye, ummanni Oromoo qabeenya umamaa baldhaafi hambaalee aadaa badhaadhoo qabu tasgabbaa’ee misoomsuuf, bu’aa misooma isaarraa fayyadamuuf, akkasumas gara tokkummaafi badhaadhinaatti tarkaanfachuuf carraa kan argatu ta’a.

Lammaffaa, garaagarummaan kun karaa nagaa hiikkachuu danda’a kan jennus sababa malee miti. Oromoon ummata aadaa, duudhaafi eenyummaa isaaf dhiibbaa jalatti amanameefi kunuunsee asiin gaheedha. Qajeeltoowwan akka nagaa, tokkummaafi haqaa sirna Gadaa keessatti hammataman, seenaa keessatti waldhabdee hiikuu, araara buusuufi nagaa waaressu irratti qajeelchaa turaniiru; har’as imala keenyaaf murteessaa ta’anii itti fufuu kan qabaniifi danda’aniidha. Dhimma itti bahuuf heeyyamoo taanaan, rakkoon nageenyaa har’a naannoo keenya mudate duudhaalee kanneenii olii miti. Hundaa’ol, qajeeltoowwan duudhaa ulfoo ummatichaa irraa maddan kanneen osoo hinkabajin ummatichaafan qabsaa’a jechuun of-goyyoomsuu irraa bahuun dursa argatuu qaba. Furmaata beekumsa jiraa ummata keenyaa irraa maddu harkatti baannee, fujunjuluun wal-ajjeesuun salphina guddaa ta’uu yoohubanne, marii nagaaf taa’uun dhimma hinmilkoofne miti.

Walumaagalatti, gulantaa qabsoon sabaa har’a irra jiruufi akeeka egeree isaa hubachuun, garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf fudhachuuf haal-dureedha. Garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa furuun guddina waloofi egeree saba keenyaf karaa filannoo wayyu hinqabne. Rakkoo jiru hidhannoon osoo hintaane marii irratti xiyyeeffachuun, kaayyoo waloofi qormaatilee jiranirra aanuuf gurmuun hojjechuun filannoo keenya isa dhumaati.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, birraa bari’aa jirutti araara milkeessufi nagaa buusuun ummanni isaa yaaddoo keessaa akka bahu, daa’imman isaa gara mana barnootaa akka deebi’an, dargaggeeyyiin ogummaa isaanii akka kalaqan, hawweenifi maanguddoon akka haara galfatan, qote bulaan sodaa malee akka omishatu, daandiiwwan dhaabbilee tajaajilaa akka banaman, qilleensifi dacheen Oromiyaa sagalee dhukaasaa, baqannaafi ajjeechaa irraa akka boqottu, karaan nagaa kilo meetira 1000 kan fagaatu yoota’e, kilo meetira 999.99 deemee milkeessuuf ijjannoo hinreeqqifne kan qabu ta’uu irra deebiin kanan mirkaneessu ta’a.

Ammas nuffa tokko malee, jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2017 kanatti, hawwii nagaa, tokkummaafi badhaadhina ummata keenyaaf qabu ibsuun barbaada. Araara tokkummaafi nageenya ummata keenyaa deebisee ittichu, abdii waliinii egeree keenya caalmaatti ibsu dhugoomsuun waliigallee, waliin taanee akka fuulduratti tarkaanfannu, maqaa nageenyafi misooma ummata Oromoo, akkasumas maqaa kiyyaafii maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha isiniif dhiyeessa.

Booqaa Birraa, Araarafi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu!

  Legacy!
24/08/2024

Legacy!

23/08/2024
With Oromia Communication Bureau – I just got recognised as one of their top fans! 🎉
23/08/2024

With Oromia Communication Bureau – I just got recognised as one of their top fans! 🎉

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mohammed Gemedo lenjiso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mohammed Gemedo lenjiso:

Share