
20/04/2024
🌷Jiraachuun keenya godaanisa keenyaf nu hoqqachisa . dhugaa abbaa dhabee , haqa milqsee gamna boreesse , lugna garmaamsise , hundu tika isaatin oole bula, 🥀 godaannisa godotti rakatte abbaa itti dhabee akka haadha ciniinsuu hundu bara baraan aada jiraata . maal akka jechuuf deemu hundaaf galu dhabuu danda’a. Mee dhugaa na boreessite kana obsaan naa dubbisa .
■→▶ Kadiir kataaraa jedhama hojjata Aanaa Diksiis kan tahe hoggansaan sektaroota akka paablik sarviisii (psmqn) , waajjira bulchiinsaa fi hoji gaggeessa magaalaa Diksiis ture. Seektarota armaan olitti dhahaman kana bilchina, gahumsaa fi qulqullina olanaan nama hojjata turee fi beekkamtii gaha nama qabu ture .
■→▶ keessattuu Bara hojii gageessaa magaala ture daraaraa ummanni yeroo dheeraaf keessa ture, dhaaba loonii fi dandii keessa keessaa hojjachiisuun nama ulfina guddaa qabuudha , namni ummataa isaatiin akkaan jaalatamaa fi kabajamaa akkasumas nama guyyaa tokko herregni salphina isa waame hin beeknedha .
■→Hojii isaa keessattii cichoomina hojimaata,murtee haqa qabeessa beekkumsaan utubame,saffisaan fi qulqullina hojjachuun namni isa gitu hin jiru, namoota akkana hojii isaanitiin galma hiixata nama qabu ture.
🌹🥀 fakkeessuu dadhaba irra of bilisoomsani hohojjatan kana hojii keessaa dhiibanii baasaani puulii hoggansaatin ala gochuun garee shiiraaf tafaafurtuun xinxala bakka ofiitu gaggeessuu hin dandeenye carraa argatteen miidhaa fi irraan gaha turaani jiru. Hoggansa akka carraatin bakka isaaf hin malle ta’etu namoota qacalee paartiin jaalatuu dadhabina isaani uwwisuuf maqaa hin taane moggasuun summii facaasani gaggeessuumma irra fageessan.
💖💗🌳🪴Utubaa ulfinaa keeti muraasa tilmaame:-
🌳🥀🌹Beekumsaa murtee haqaa boraafate qabaachuu kee
🥀🌹Mul‘ata hin gugguufne qabaachuu kee
🌹🥀🌱Bilchina kennama kallattii hedduu qabaachuu kee
🌱🌷🪴Aantummaa Hawaasa qabaacqa
■→ Garaa laafummadha, cichoomaa fi k.k.kf utubamte dhugaa gaggeessa sirriiti ati.
Ida‘amni kuni hundi geggeessumaa ati qabduu dha . geggeessan cimaan ulaaga geggeessumman barbaaduun yoo hawaasa isaa geggeesse dha. Madaalliin agartuu geeggeessumma olaana ummata keeti kanaaf ummanni kee jaalalaa fi fakkeenyummaa kee dubbacha oola. Itti quufinsa hawaasaf gatii kennuu , .
→☞◆Milkaa’inni ilma namaa obsa,murannoo,cichoominaa fi gaarummaa (gara-laafummaa)ykn tola ooltummaa keessaa dhufa! Sammuu keessatti milkaa'ina ilaali Milkaa'ina sammuu keessatti agarte kanas qabatamaan dhugoomsuuf kutannoon hojjatte iddoo turteetti seenan kee gubbaa jira . seektarota hojjacha turte keessatti jaalalaa ummata kee irra gonfatte ragaa harkaa qabna jabaadhu
➡ Jiruu fi jireenya keessatti eenyummaa hin raafamne qabaachuun waan qaban irratti shakkii malee, amanamummaa cimaa horachuudha.
Waluma galattii Nama kana iddoo isaaf maluu waan hin jirreef iddoo isa madaaluttii imalchiiftanii fedhii ida’amuu waliin qabnu akka nu mirkaneessatan kabajaa fi ulfina guddaa isin gaafanna !! Waan dubbistanif galatooma!!
➡ Ejjennoo hin raafamne qabaachuun, ilaalchota dadhaboo naannoo keenya jiraniif fakkeenya gaarii ta'uudha. Ejjennoo ofiirratti cichoomanii argamuun kabaja, guddummaadha; bilchina!
➡ Ati waan itti amantee itti jirtu irratti kutannoo jabaa kan haalaan, jechaan, dhabaaf qabaachuun hin mamsine; kan jibbiif jaalalli hin shaarre qabda .
➡ murteessumma , ogummaa, hubannaa, jaalala, kabaja, beekumsa, Waan kamiinuu dorgomaa kan si taasisu sammuu keeti. Atiif eenyummaan kee dhugaa waliigaltee qabdu , humna, bareeda, simboo nama kamuu hawwatu, ofitti harkisu qabda.
Mul’anni ati qabdu :-
✧ Adeemsa sammuu ti.
✧ Ta'uu dha malee taa'uu miti.
✧ Boba'aa gaggeessaan tokko ittiin imaluu danda'uu dha.
✧ Humna ittiin waan haaraa uumanii dha.
✧ Har'a caalaa fira borii ti.
✧ Ija foonii caalaa fageessee arga.
Situu sanitti madaalamaaf dhugaa kee irra dubbacha jirra
Mul'atni gahuumsa yaada obbo kataara Fiixee Milkaa‘ina dhugaa ti. Mul'atni oltuulama yaada guddaa sammuu keenya keessa jiru lubbuun keenya itti gammaddu dha. Mul'atni Wanta taasisuuf yaadnu dha. Galma guddicha jireenya keenya yeroo jiraannu gammachuu fi fayyummaan jireenyaa nutti dhagahamu mul'ata dha kanaaf bulchaan kadiir kataara Nama mul’ata akkasi nutti agarsiise dha
Ati namoota akka Hiddaati-Namoonni kun waan mul'atu waan hojjataniif baay'ee barbaachisoodha. Deeggarsa yeroo rakkisaa keessa ittiin darbitu bishaan si obaasu.raafamuu keetiin hin socho'an akkasitti si jaallatu. hojiif hojiitti amanu , si jibbuuf yeroo hin qaban ati jaallattes dhiistes ofumaan si jaallatu.garuu of hin agarsiisan!
nama kana yeroo amma iddoo isaaf maluu waan hin jirreef qamoonnii dhimmi ilaalu ilaaltani bakka isa madaaluutti osoo deebiftani jenna.
Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Diksiis
Galatoomaa!!!
communication
Kominikeeshinii Aanaa Siree
Kominikeeshinii Aanaa Xiichoo
Kominikeeshini godina Arsii